Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Harii Keen gara Maanchistar Siitii godaanuuf jiraa?
Gabaasaaleen guyyaa Jimaataa bahan Totanihaam taphataasaa cimaa Harii Keen rekordii Biritish paawundii miiliyoona 160 ykn doolaara Ameerikaa miiliyoona 220 taheen Maanchistar Siitiif gurguruuf waliigale jedhu. Kilabichi garuu haga ammaa kana hin mirkaneessine.
Gaazexeessaa BBC Sport kan tahe Simon Stone waan jedhu, Harii Keen Totanihaam gadhiisuuf fedhii akka qabu amma dura dubbateera. Siitiin ammoo kilabasaa ittaanu tahuu mala jedhamaa ture.
Waancaan Awurooppaa eegaluun dura waa'ee taphataa cimaa Maan Siitii Kevin de Biruuyin, akkaan jajee dubbachaa ture jedha Saayiman. Kana malees leenjisaan kilabichaa Pep Gaardiyolaan fedhii akka qabus himamaa ture.
Yeroo jalqabaaf Keen kilabasaa waggaa 17 keessa ture gadhiisuuf jira jechuun ji'a Caamsa keessa ture kan gabaafame. Ji'a dabre keessammoo BBC kilaboota lamaan gidduutti mariin jalqabaa taasifamuu gabaasee ture.
Maddeen kilaboota lamaa garuu, gabaasaalee Siitiin miiliyoona 100 dhiyeesse kan jedhu mirkaneessurraa of qusataniiru. Haa tahu malee kilabni Siitii garuu hamiiwwan dhadhag'aman kanneen as bahee sobadha hin jenne.
Siitiin taphataa ganna 21 Boorusiyaa Dortimand kan tahe Erling Braut Haaland fedhii garasaanitii fiduuf qabaatanis, kilabichi garuu Haaland kilabicha barana hin gadhiisu jedheera.
Gareen Gaardiyoolaa taphataansaanii cimaan Sarjiyoo Aguweeroo kilabicha dhiisee Baarseloonaa galuu hordofee, jifataa (striker) barbaadaa jiru. Tahus garuu waancaa bara dabree kaasan keessatti, Aguweeroon taphoota gara caalurratti hin hirmaanne.
Totanihaam Haarii Keen ni gadhiisuu?
Maddeen BBC Sport'tti akka himanitti, kilaba biraatti makamuuf barbaaduusaa haga ammaatti ifatti hin galfanne. Keen kilbicha wajjin kontiraata haga bara 2024 turu qaba.
Akka dhagahametti Haarii Keen dura taa'aa kilabichaa Daniel Levvy wajjin afaanumaan kilabicha akka gadhiisuuf akka heeyyameef waliigalteerra gahan jedhama. Tahus garuu kun akka salphaatti waan raawwachuu danda'u tahuu dhiisuu mala - Keen taphataa cimaa Totanihaam qabu keessaa adda dureedha.
Dorgommii Pirimeer Liigii bara dabrerratti galchii olaanaa kan lakkoofsise namni ganna 28 kun, haga ammaatti kilabaafis tahe biyyaaf waancaa hin kaasne. Kanaanis kilaba biraatti makamuun, hawwiisaa kana milkeessuuf fedhii qaba jedhameera.
Siitiin doolaara m220 kaffalaa?
Maddeen Siitii waan jedhan, kilabichi kana hunda baasuuf fedhii hinqabu.
Kilaboota addunyaarratti argaman keessaa Siitiin maallaqa guddaa baasuun kan beekamu tahus, taphataa tokkoof beesseen guddaa isaan baasan paawundii miiliyoona 65. Kunis ittisaa isaanii Ruben Dias Benefikaarraa wayita bitan ture.
Dabalataan taphataan isaan beessee guddoo kaffalaniif Aguweeroon, amma achii godaaneera.
Harii Keeniif gatii olaanaa baasuun beekamuus, Siitiin daangaa baasii qaba.
Keen in godaanaa?
Ammatti kanas tahe sana jechuun rakkisaadha.
Dura taa'aan kilabichaa Leviin marii gubbaatti nama cimaadha jedhama, Harii Keen ammoo akka salphaatti yaadasaaa nama jijjiirratu miti. Jarri lamaan kun waggaa dheeraan dura eegalee kan walbeekan waan taheef, lachanuu walitti dhufeenyi isaanii kun akka diigamu waan barbaadan miti.
Haa tahu malee, kana keessatti namni murteessaadha jedhamu, daarektara kubbaa miilaa kilabichaa haaraa - Fabio Paratici'dha.
Juventus irraa Totanihaamitti kan makame Paaraatiichii namoota hedduu akka beekuufi qunnamtii akka qabu himama. Roobii dabres wayita kilabichi tapha hiriyummaa taphatan irratti, irra deddeebiin bilbila dubbisaa wayita ture mul'ateera.
Namni kun taphattoota kilabichaaf murteessoodha jedhaman mallatteessisuu danda'e, Totanihaam Haarii Keen gadhiisuuf hagas mara hin rakkatu. Kilabichatti deeggartoonni kan jaalatan taphataan biraa Son Heung-min kilabicha keessa turuuf waliigaltee haaraa mallatteeseera.
Tahus garuu guyyaan tokko hundaaf ifadha - Hagayya 15. Pirimeer Liigiin irra deebiin torban eegalutti, Totanihaam fi Maanchistar Siitiin waliin taphatu. Gaaf sana Haarii Keen tisheertii lamaan keessaa tokko uffatee gala.
Oduu biraatiin ammoo taphataan lammii Ingilaand Jeedan Saanchoo, kilabasaa Boorusiyaa Dortimand gadhiisuun, Maanchistar Yunaayitiditti makameera. Gatiin kilabichi baasees doolaara m100 tahuun barameera.