Gareen kubbaa miilaa shamarranii Afgaan gara Paakistaanitti baqatan

Taphattoonni garee kubbaa miillaa shamarranii biyyaalessaa Afgaan daangaa ce’uun gara Paakitaanitti baqatan.

Shamarran kun sodaa sarbama mirga dubartootaa Taalibaan gaggeessaa jiruun ji’a dabre dhokatanii jiraachaa turan.

Taphaattonni ga’eessa ta’an ji’a darbe xiyyaaraan Kaabul keessa kan ba’an yoo ta’u, taphattoonni umurii quxisuu garuu paaspoortii fi ragaalee isaan barbaachisu waan hin qabneef boodatti hafaniiru.

Taphattoonni 32 fi maatileen isaanii gargaarsa dhaabbata tola ooltummaa “Football for peace” jedhamuu kan mootummaa waliin tureen viizaa argataniiru.

Anga’ootni akka jedhanitti gartuun kun, walumaa galatti namootni 115 ta’an, Peshawaar irraa gara magaala lixarra jirtu Lahooritti ni imalu, achitti waajjira Federeeshinii Kubbaa Miillaa Paakistaan keessa akka turan taasifama.

Gaazexaan The Independent dhiyeenya akka gaabaasanitti, taphattoonni kun Paakistaan hatattamaan seenuuf eyyamni akka kennamuufiif xalayaa Ministira Muummee Paakistaaniif barreessaniiru.

Xalayaa kanarratti shamarran kun, Taalibaan “rakkoo guddaa “ nurra geessisuu danda’a soda jedhu akka qaban himaniiru.

Erga Kaabuul to’annoo jala ooltee booda, bulchiinsa haaraan dararri akka irra hin geenyeef, dursituun garee duraanii Kalidaa Poopal, suuralee yeroo isaan kubbaa miillaa taphatan miidiyaa hawaasummaarra jiru akka haqanii fi meeshaa kubbaa miillaa isaanii akka gubaniif taphattoota akeekkachiisaniiru.

Torban darbe Itti aanaa hoogganaan komiishinii aadaa Taalibaan, Ahmaadullaa Waasiq, yeroo wa’ee gartuu ispoortii kirikeetii dubartotaa gaafatamanitti, kun “sirriis miti, barbaachisaas miti,” jechuun isaanii, eegereen Ispoortii dubaartootaa biyyatti keessatti akkam ta’a soda jedhu uumeera.

“Tapha kiriikeeti keessatti yeroo itti fuullu fi qaamni isaanii itti hin haguugamne jiraachuu danda’a. Amantaan Islaamaa dubartoonni akkanaatti akka argaman hin eeyyamu,” jedhan Waasiq.

“Yeroon kun yeroo miidiyaadha, suuraa fi viidiyoon ni jiraata, namootni kana ilaalanis jiru. Amantaan Islaamaa fi Islaamik Emireet [Afgaanistaan], dubartoonni kirikeetis ta’e ispoortii qaama isaani mul’isu kamuu akka taphataniif hin eeyyamu.”

Yeroo bara 1996-2001’tti Taalibaan Afgaan bulchaa turetti, dubartonni ispoortii kamirrattiyyu akka hin hirmaanneef dhorkamanii turani.

Baqannaan gartulee kanaa, baqannaa guddaa namootni ispoortii fi aadaa keessa jiran sarbama mirga dubartootaa irratti Taaliban erga aangoo fuhdatee gochaa jiru sodaan gaggeefamaa jiru keessaa tokkodha.

Baqannaa gartuu kubbaa millaa dubartootaa dabalatee, weellistuun beekamtuu biyyatti Aryaanaa Sayiid fi daarektarri fiilmii beekamtuu Sahraa Karimii ji’a darbe biyyatti keessaa baqatanii ba’aniiru.