Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Badhaafamtuun Noobelii Nagaa, Malaalaan, nikaa hidhatte
Badhaafamtuu Noobelii Nagaa kan taate Malaalaa Yuusafzaay sirna kabaja ayyaana Islaamaa Barmiingihaam kessa ture irratti "nikaa hidhatte".
Sirna kanarratti Malaalaafi Aseer Maliik nikaa ealiif hidhuun ga’eela waliin dhaabbachuuf walii galan.
Roggeettii addunyaatti beekamtu umuriin ishee ganna 24 ta'e Malaalaan, guyyaan nikaa hidhatte ykn naqatamte kun jireenya ishee keessaatti “guyyaa addaa” akka ta’e himte.
Roggeettiin mirga dubartootaa Paakistaniif falmuun gurra horatte kun, bara 2012tti Taaliban mataashee rasaasaan erga rukutee booda gara West Miidlaanditti baqatte.
“Aniifi Aseer jireenya keenya guutuu waliin ta’uuf gaa’eela dhaabbanne,” jechuun, kanas kan taasisan “sirna nikaa xiqqaa maatii waliin” qopheessuun akka ta’e Kibxata Tiwiitara irratti barreessiteetti.
“Imala fuula keenya dura jiru waliin adeemuuf gammadneerra,” jette.
Malaalaan Paakistaan keessatti shammarran barnoota argachuuf mirga qabu jechuu isheef kan ija Taaliban keessa seente shamarree umurii 15 yeroo jirtu ture.
Hidhattoonni Taalibaan dachaa Siwaat keessatti konkolaata mana baruumsaa isheen irra turte dhaabsisanii seenuun dhukaasa baniin isheefi barattoota lama biroo madeessanii turan.
Miidhaa lubbuu isheef yaaddeessaa ture irraa erga bayyaannattee booda, isheefi maatiin ishee gara Barmiinghaamitti imalan.
Umurii ganna 17’tti, Malaalaan Badhaasa Noobelii Nagaa badhaafamuun nama umurii xiqqaan badhaasa beekamaa addunyaa kana argatte kan jalqabaa taateetti. Sana booda Yunivarsitii Oksifoorditti barattee, roggeetti mirga namoomaa ada duree ta'uu dandeesseetti.
Yunivarsitii irraa erga eebbifamtee booda, Malaalaan baqattoota Afgaanistaaniif gargaarsi foyya'aan akka taasifamuufiif waamicha dhiyeessiteetti. Kana malees, Apple TV+ waliin dokumentarii hojjachuuf mallatteesiteetti. kana hunda kan gootu hojii shamarraaniif carraa barnoota banuu ishee utuu itti fuftee jirtuudha.
Sirni niikaa ga’eela seeraan fudhatame ta’uu baatus, gaa’ela Islaamummaa dhaabbachuu keessatti sadarkaa isa jalqabaadha.
Yeroo hedduu sagantaan kan biraa qofattii kan gaggeeffamu ta’us, Malaalaan sagantaa biraa akka qabaattu ykn dhiistu ifa hin goone.
Kanaan dura Malaalaan mormii ga’eela irratti qabdu ibsitee turte.
Adoolessa keessa gaaffiifi deebii maxxansa Vogue waliin taasiste irratti: “ Namoonni maaliif akka gaa’ela dhabbachuu qaban naaf hin galu,” jetteetti.
“Yoo nama tokko jireenya kee keessatti kan barbaaddu ta’e, maaliif waraqaa ga’eela malleetteessuun barbaachise? Maaliif akkasumaan waliin ta'uun siif hin danda'amnee?” jette.
“Harmeenkoo yeroos …’ Tasuma waan akkana hin dubbatiin! Heerumuu qabda, gaa’elli waan bareedaadha’ naan jette.”
Oduun sirna nikaa hidhachuu ishee kun interneeta irratti namoota kumaatama hedduun jallatamee, namootni hedduunis ga’eela bareedaa hawwaniiruuf.