Finciltoonni Yaman modelii hidda dhaloota Itoophiyaa qabdu safuu cabsuun himatan waggaa shan itti muran

Modeeliifi taatoon fiilmii hidda dhaloota Itoophiyaa qabdu Yamanitti 'sagaagaltudha balleessaa qabdi'' jedhamuun qondaaltota garee finciltota Huutiitiin hidhaan waggaa shaniin adabamte.

Maqaan ishee Intisaar al-Hamaadi kan jedhamtu yoo taatu dubartii ganna 20ti. Hamaadiin abbaan ishee dhalata Yaman yoo ta'u, haatii ishee lammii Itoophiyaati.

Hamaadiin humnoota Huutiin magaalaa guddo Yaman Sana'aatti ji'a Guraandhalaa darbe erga hidhamtee booda miidhaan qaamaafi xiimsamuun irra qaqqabuu himatte.

Kanatti dabaluun fuulli ishee hidhamee dokiimettiiwwan irratti akka mallatteesitu taasifamteetti.

Dubartoonni sadii kanneen biroo ishee waliin hidhaman irrattis adabbiin hidhaa murameera.

Gareen mirga namoomaaf falmu Huuman Raayitis Wooch gama isaatiin himannaa kun ''kan hin baratamnee fi sarbamiinsa mirgaati'' jedhee qeeqe.

Huutiin garee finciltoota Lixa Yaman harka caalu to'ate yoo ta'u, humnoota mootummaa Sa'ud Arabiyaan deeggaramu waliin bara 2015 irraa eegale wal waraanaa jiru.

Tajaaajilli oduu 'Saba' jedhamuufi finciltoota Huutiittii hoogganamu gabaasa isaa keessatti akka eeretti, Shamarree Hamaadin gocha sagaagalummaa raawwachuufi qoricha sammuu namaa adoochu waliin argamte jedhe.

Hamaadiifi dubartiin ishee walin to'atamte kan biraa tokko waliin hidhaa ganna shaniitiin adabamte.

Dubartoonni isaan waliin hidhamte biroon hidhaa ganna sadii fi tokkoon adabamaniiru.

Abukaaatoon dubartoota afrani Kaalid al-Kamaal Asoosheetid Pireesitti akka himetti, dubartoonni kunneen oliyyannoo fudhatu.

Hiyuuman Raayitis Woochitti qorataa Yaman kan ta'an Afrah Naasi ''murtoon sun haqummaa kan hin qabnefi siyaasaarraa kan madde'' jechuun toora tiwitaraa gubbaatti barreessan.

Ministirri Odeeffannoo Mootummaa Yaman Mohaammar al-Eryanii, ''fakkeenya yakkootaa kumaatamatti lakka'amaniifi sarbamiinsa mirgaa hidhattonni Huutii dubartoota Yamaniirran gahaniiti'' jedhaniiru.

Hamaadiin ganna dheeraaf taatoo TV biyyattiirratti beekamtuufi moodelii ta'uun kan hojjjattedha.

Yeroo tokko tokko suuraalee ishee toora intarneetiirratti maxxanfamanirratti otoo ijaaba hin haguuggatiin, duudhaa hawaasa Musilimaa biyyattii dhiisuun mul'atteetti.

Abukaatoon ishee Hiyuuman Raayitis Woochitti akka himetti, magaalaa guddoo biyyattii Sana'aatti otoo dubartoota biroo wajjin konkolaataan imaltuu, hidhattoonni Huutii dubartoota kana qabanii hidhan.

''Bilbilli ishee irraa fudhatameera, suuraaleen ishee modeelummaaf kaate akka sagaagalummaatti lakkaa'ameera, kanaafuu ija hidhattoota Huutiin akka sagaagaltuutti ilaalamte,'' jedhe.

HWR akka jedhutti, Hamaadiin abukaatoo ishee mana hidhaatti akka ilaaluuf eeyyamameefi gartuuwwan mirgaaf falmanitti akka himtetti, ija isheetiin akka hin arginetti fuulli ishee hidhamee dookimetiwwani irratti akka mallatteessitu dirqisiifamtetti.

Ragaaleen barreeffamaa sun rakkinoota garaa garaa ''dalaguu amanuu'' ishee kan ibsaniidha.

Bitootessa darbe Hamaadiin mana hidhaa gidduu galeessa Sanaa'aatti argamutti kan dabarfamte yoo ta'u, waardiyyoonni mana hidhaa ''garbittii'' fi ''sagaagaltuu'' jedhanii sababii bifti ishee gurraatti hidda dhalootaa Itoophiyaa qabduf arrabsaa turanii jedheera abukaatoon ishii.