Daa'imman Yaman lama Anjeliinaa Joolii hedduu garaa nyaatan

Taatoo fiilmii baay'ee beekamtuu kan taate Anjeliinaa Joolii tibba kana wanta hin eegamiin gootee jirti.

Wanti ta'es akkana.

Daa'imman xixiqqoon Landan jiraatan lama ijoollee Yaman hiriyyaa isaanii ta'an beela'anii, dheebotanii, daaranii karaa TV argan. Wanti argan kunis hedduu qalbii isaanii miidhe.

Daa'imman Landan kunneen umuriin isaanii ganna 6 keessa jira.Kanarraa ka'uunis hiriyyoota keenya gargaaruu qabna jedhanii ka'an.

Daandiirratti cuunfaa loomii gurguruu jalqaban. Isaan booda gurguranii kan walitti kuusan ijoollee Yamaniif ergu. Guyyoota keessaa gaaf tokko xalayaan tokko daa'imman kana qaqqabe.

Xalayaan kun ammoo Anjeliinaa Jollii irratii. Xalayaan kun akkas jedha."Hiriyyoota keessan gargaaruudhaaf cuunfaa loomii waan jalqabdaniif isin nan galateeffadha. Cuunfaa loomii isnirraa bitachuu dadhabuukootiif baa'een gadda.

Haata'u malee, anis gargaarsa taasisuun barbaada." Daa'imman magaalaa Landan walakkaatti argaman kunneen Haayaan Moosaafi Miikilii Hishaaq jedhamu.

Anjeliinaa Jooliin gocha tol-ooltummaa daa'imman kanneen lamaanii kan baruu dandeessa ammoo fuula marsariitii BBC irraa osoo dubbisaa jirtuuti.

Gocha daa'imman kanaatiin hedduu qalbiin ishee waan tuqameef bakka bu'aa ishee Landan jirutti bilbiluudhaan waan tokko gochuun barbaada jette.

Maatiin daa'imman kanaa BBCtti akka himanitti ijoolleen hojii tola-ooltummaa hojjetan kunneen Anjeliinaa Jooliin eenyu akka taate hin beekan ture.

Yeroo xalayaan Anjeliinaa Jooliin ergiteef isaaniif dubbifamullee bitaa itti galee ture. Boodarra garuu Anjeliinaa Joolii dubartii fiilmii Tomb Raider jedhamurra ishee jirtu ta'uu yeroo hubatanitti hedduu nahan.Ijoolleen kunneen xalayaafi kennaan addaa erga isaan qaqqabeen booda viidiyoo of waraabuun akkas jedhan.

Jaallatamtuu Anjeliinaa: "Gargaarsa keetiif si galateeffanna. Yoo Landan dhufte cuunfaa loomii ho'aa sitti gurgurra." Daa'imman ol adeemoo cuunfaa loomii gurguruudhaan gocha tol-ooltummaa hedduu garaa nama nyaatuu taasisan kanaan hanga ammaatti maallaqa Dolaara 70,000 walitti qabaniiru.