Afgaanistaan: Barsiistuu barnoota shamarranii irratti dhorkii Taalibaan cabsite

Taalibaan Afgaanistaan keessatti aangoo erga qabatee, shammarran mana barnoota akka hin deemneef ajaja baase. Abdiin bakka hin jirretti, miseensi diyaasporaa Afgaan tokko tarkaanfii fudhachuuf murteessite.

Manni barnoota onlaayinii Anjelaa Gayuur, amma barattoota gara 1,000 fi barsiistoota tola oltummaan barsiisan 400 ol qaba.

Bara 1992'tti yommuu waraanni waliinii eegale Anjelaan mucaa umurii ganna saddeetii turte.

Maatiin ishee magaalaa Heraat lixa biyyatti keessa jiru keessa gara Iraanitti baqatanii, waggootii shanan itti aananiif sababa viizaa isaaniin Anjelaan mana barnoota deemu hin dandeenye ture.

"Yeroo sanatti ijoolleen Afgaan irraa gara Iraanitti baqatan waraqaa ragaa ga'aa waan hin qabneef mana barnoota seenu dadhabuun isaanii waan barame ture," jetti Anjelaan amma UK, magaalaa Biraayton keessa kan jiraattu.

Waggaa shan booda abbaan Anjeelaa dhumarratti waraqaa ragaa barbaachisu dhiyeessee, Iraan keessatti mana baruumsaa seenuu dandeesse.

Umurii ganna 13'tti Anjelaan kaayyoo akkanaa akka qabdu barte.

Guyyaa hundaa mana barnootaa booda, Anjeelaan manatti deebitee, ijoollee Afgaan 13 biroo mana barnoota deemuu hin dandeenye barsiisti ture.

Abbaan Anjelaa Iraan keessatti hojii biqiltoota kunuunsu hojjata ture, isheenis dirree abbaan ishee kunuunsu keessatti ijoollee walitti qabuun waan guyyaa sana baratte - dubbisuu, barreesuu, herregaa fi waan hunda barsiisti.

Waggootii booda erga Taalibaan aangoo irraa kaafamee booda, Anjeelaan Afgaanistaanitti deebitee, mana barnoota sadaarkaa lammaaffa barsiisuuf eyyama argattee, boodarra gara Neezarlaanditti, dhumarratti ammoo gara UK'tti imalte.

Akkuma miseensota diyaasporaa Afgaan hedduu biroo, ji'oota darban keessatti wanta biyyaa isaanii keessatti adeemaa ture yommuu agarte bayyee gaddite. Waraana wagga 20 booda loltoonni US biyyatti gaadhisanii yommuu ba'anitti, Taalibaan aangoo qabate.

Yeroo daqiiqa muraasa fakkaatu keessatti, barnoota dubartoota irratti guddinni waggootii 20f ture balaa keessa seene.

Taalibaan, dhorkiin hojii dubartootaa fi barnoota shamarraniii irra ka'ani "yeroof" akka ta'ee fi naannoon barnootaa fi hojii isaaniif "naga qabeessa" ta'uusaa mirkaneessuuf akka kaa'ame hima.

Ta'us garuu akkuma isheen waggaa shaniif Iraan keessatti barnoota hin argatiin hafte, ammas shamarran barnoota hin argatiin hafuu isaani yommuu yaaddu, Anjeelaa jeeqe.

Ji'a sadii booda, Taalibaan dhorkii kaa'ee waan hin kaasne yeroo hin fakkaanetti, tarkaanfii fudhachuu barbaadde.

Kanaaf Anjelaan Mana Baruumsaa Online Heeraat hundeessite, dubartootaa fi shamarran Afgaaniif barnoota kan kennu.

Barsiisota muuxxannoo qaban irraa gargaarsa gaafachuun Inistagramii irratti maxxansite, erga sanaatii tola ooltummaan barsiisotni 400 ol ta'an sagantichatti makamaniiru.

Karaa Teelegiraamii ykn Ikaayippii, kutaa barnootaa online adda addaa 170 dhiyeesuun, barnoota herregaa hanga muziqaa, nyaata bilcheesuu hanga fakkii kaasuutti barsiisu. Barsiisotni hedduun isaanii Iraan irraadha, guyyatti saa'atii lama hanga saddeetiif hojjetu.

"Manni baruumsaa kun bu'aa, muxxaannookoo, gadadookoo fi dhukkubbiikoo akka ta'etti natti dhaga'ama," jetti Anjelaan.

"Dhaaddannoon keenyaa, bakka shugguxii peennaa kan jedhudha."

Tola ooltonni kun waliin ta'uun barattoota gara 1,000 gargaaru. Isaan keessaa tokko shammarree ganna 13 Nasriin, kan obbolootashee dubaraa afur waliin Kabuul keessa jiraattudha.

Erga Taalibaan aangoo qabatee fi ijjoolleen dubaraa umurii ganna torbaa olii mana barnootaa irraa dhorkee, obbolaan kun hundi mana baruumsaa ykn yunivarsitii irraa barnoota addaan kutuuf dirqamaniiru.

Shammarraan kun manumatti barnoota isaanii itti fufuuf yaala kan jiran ta'us, obbolaan ishee hangafaa lamaan kan yuunivarsitiitti barnoota mediisinii fi injineeriingii barachaa turaniif haalli cimaadha.

"Abjuunkoo hundi na jalaa balleeffameera. Utuu manni barnootaa deebisee banameeyyuu, akka durii hin ta'u," jetti Naasriin. "Xiyaara balaliisuun barbaada ture, amma kun dhugaa hin ta'u sababiin isaa Taaliban shammarran xiyyaara akka balaliisaniif hin eeyyamu."

Amma garuu shammaraan kun abdii qabu, karaa mana barnootaa online Anjeelatiin.

Nasrin amma barsiisota tokko waliin Tarkiitti barachaa jirti. Gara fulduraatti Istaanbul keessa jiraachuu akka barbaaddu himti.

Torbanoota dhiyoo keessatti barattootaa dubaraa kaaba biyyatti keessa jiraniif oduun gaarii dhaga'amaa jira, bulchiinsota 34 biyyatti keessa jiran keessa shan keessatti barattoonni dubaraa mana baruumsaa sadarkaa lammaffaatti deebi'aniiru.

Barrattoonni dubaraa yunivarsitiilee dhuunfaa keessa barachaa turanis deebi'aniiru, yunivarsitiilee mootummaatti garuu haalli jiru sanuma.

Barsiistonni dubaraa, akka harmee Naasriinis, mana akka turaniif ajajamaniiru, hojiitti ni deebi'uu kan jedhu irratti ammoo Taaliban homaa kayyoo qabu hin mul'isne.

Akka tilmaama UNtti, barsiisota Kaabul keessa jiran keessaa %70 dubartootadha. Kanaaf dhiiroota barumsa itti fufaniifiyyu, hanqinni barsiisotaa jiraachuu mala.

Utuu Taalibaan aangootti hin dhufiiniyyuu, Afgaanistaan keessatti hanqinni barnoota argachuu jira ture. Akka gabaasa Ministeera Barnoota 2019'tti, namoota umurii ganna 15 ol jiran keessaa harki sadii barnoota hin arganne.

Shamarran harki caalaan erga amma manatti danqamanii ammoo, lakkoofsi kun baayyee guddachuu mala.