Dubartiin Afgaan baqannaarra turte xiyyaara keessatti deesse

Rakkina tasgabbiin dhibuu biyyattii keessatti uumame hordofuun dubartiin Afgaanistaan keessaa baqachaa turte xiyyaara keessaatti mucaa intalaa nagaan deesse.

Humni Qilleensaa US akka jedhetti, dubartii`n Afgaan osoo balaliinsa gara buufata xiyyaaraa Ramsteeyin kan Jarmanii keessatti imalaa jiranuu ciniinsuun qabamte.

Xiyyaarichi battaluma qubatettis ogeessonni fayyaa seenuun kutaa kaargoo xiyyaarichaa keessatti dubartii kana deessisaniiru.

Harmeefi daa’imni ishees gara buufata fayyaa dhiheenyatti argamuutti geeffamuun amma haala gaariirra akka jiran himameera.

Imalicha irratti garuu dubartittii rakkinni fayyaa mudatee ture jedhameera.

Kanaaf, balaliisaan xiyyarichaas dhiibbaa qilleensaa xiyyaaricha keessa ture dabaluuf jecha ol faggeenya gadi buusee balaliisuun isaa “lubbuu dubartii kanaa olcheera” jedhameera.

Erga Taalibaan magaalaa Kaabul to’atee guyyoota booda lammileen Afgaan kumaatamaan lakkaa’aman, ho’a cimaa keessa buufata xiyyaaraa idiladdunyaa magaalaa gudditti Kabuul jiru keessa taa’uun, carraa itti biyyattii keessaa baqatan eeggachaa jiru.

Yeroo kanatti humni waraanaa US buufata xiyyaaraa kana to’atee jira. Hanga ammaatti buufata xiyyaaraa kanarraa namootni 17,000 ta’an imaluu isaanii, Waayit Haawus, Sanbata ibseera.

Pireezdaantiin US Joo Baayiden, loltoonni US hundi hanga Hagayya 31tti Afgaan keessaa akka ba’aniif ajajaniiru.

Ta’us garuu, biyyootiin hedduun loltoonni US kun lammilee isaaniifi lammilee Afgaan dhabbilee biyyoota lixaa waliin hojjachaa turan Afgaan keessaa baasuuf akka gargaaraniif jecha, guyyaan murame kun akka dheeratuuf gaafataniiru.

Lammileen Afgaan kun sababa hojii isaanii duraanitiin Taalibaan tarkaanfii irratti fudhata sodaan jedhu jira.

“Har’aa fi dhuma baatii kanaa jidduuttti namoota 60,000 biyyatti keessaa baasuu barbaadu, kun herrega dhugaa ta’uu hin dandeenyedha,” jechuun hogganaan haajaa alaa EU Josep Boreel, Sanbata AFP’tti himaniiru.

Hokkora buufata xiyyaaraatti uumameef Taalibaan, US’n himata.

Qondaalli Taalibaan Amiir Kaan, “Amerikaan, humnaa fi wiirtulee hedduu utuu qabu…buufata xiyyaraa kana tasgabbeessuu dadhabeera,” jechuun isaanii gabaafameera.

“Biyyattii guutuutti nagaa fi tasgabbiin jira, hokkorri kan jiru garuu buufata xiyyaaraa Kaabuul keessa qofa.”