Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM duraanii UK Toonii Bileer loltoonni Ameerikaa Afgaanistaan keessaa ba'utti dallanan
Ministirri Muummee duraanii UK Toonii Bileer Ameerikaan loltootashee Afgaanistaan keessaa baasuun barbaachisaa kan hin turree fi baay'ee kan nama gaddisiisuudha jedhan.
Erga Taalibaan magaalaa guddoo Afgaanistaan Kaabul to'atee yeroo jalqabaaf yaada kennaniin, murteen loltoota baasuu osoo sirriitti itti hin yaadamin kan raawwatee fi akkaan gaddisiisaadha, balaafamaadhas jedhan.
Haleellaa Fulbaana 11 booda wayita Ameerikaa fi UK'n walta'uun loltoota gara Afgaanistaan ergan aangoorra kan turan Toonii Bileer, ''Tarkaanfiin loltoota baasuu kun dhaadannoo hin barbaachifne kan waraana bara dheeraa dhaabuu jedhuun lafaa ka'amee miiraan kan fudhatameedha,'' jedhan.
Loltoonni biyyoonni lameen kunneen Afgaanistaan gadi dhiisanii ba'uun garee Taalibaaniif carraa guddaa kan uumeedhas jedhan.
Qondaalli gameessi duraanii kun loltoonni Biriteen hanga lammiileen Afgaanistaan keessaa ba'uu qaban hundi ba'anitti achi turuuf dirqama qabu turan jedhan.
"Namoota dirqama fudhatanii hojjetaa turan achii baasuu fi gaachana ta'uufii qabna. Kanneen nu cinaa dhaabbachuun nu tumsaa turan nutis dabaree keenya isaan cinaa dhaabbachuun tumsuu qabna,'' jechuun marsariitiisaaniirratti barreessan.
Ka'umsi loltoota Afgaanistaan keessaa baasuu siyaasa kan jedhan Toonii Bileer, yaada Pirezidaant Joo Baayidan wayita duula filannoo irra deddeebiin dhiyeessaa turan, ''Waaraan waraana dhaabuu,'' kan jedhu yaadasaanii keessatti eeraniiru.
"Kana gochuun nu hin barbaachisu ture. Garuu isa filanneerra,'' jedhan.
Duula Afgaanistaan keessatti dogoggorri uumamuu kan amanan Bileer, ''garuu carraama keenya ta'ee, deebiin nuti dogoggora hojjenneef kenninu dogoggora caalu uumaa dhufeera,'' jedhan.
''Murteen yeroo sanaa hanqina mataasaa qabaatus, milkaa'inni waggoota 20 darban keessa arganne carraan duubatti deebi'uusaa bal'aadha,'' jedhan.
Murteen kun biyyoota akka Raashiyaa, Chaayinaa fi Iraan akkaan fayyada jedhan Bileer.
Ameerikaan xumura ji'a kanaatti loltootashee guutummaatti Afgaanistaan keessaa baasuuf kan karoorfatte ta'us, lammiileeshee baasuuf jecha loltoonni muraasni yeroo qabameef sana booda turuu akka danda'an Pirezidaant Joo Baayidan ibsaniiru.