Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Haalli namoonni labsii yeroo muddamaatiin wal qabatee itti to'atamaa jiran na yaaddeesse' - KMNI
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) haalli namoota labsii yeroo muddamaa waliin wal qabtee magaaloota adda addaa keessatti to'annoo jala itti oolfamaa jiranii fi adeemsii to'annichi itti raawwatamaa jiruu yaaddeessuu beeksiise.
Magaalaa Finfinneetti erga ALI Onkolooleessaa 23, 2014 labsiin yeroo muddamaa itti labsamee kaasee, namoonni waajjira hojjatanii, mana jireenyaasaaniifi daandiirraa osoo hin hafne to'atamuun buufataalee poolisii magaalatiitti argaman keessa jiraachu mirkaneesseera.
Komishinichi ibsa Dilbata kaleessaa baaseen, labsiin yeroo muddamaa ''namoota gareewwan shororkeessaa waliin wal ta'an haala sababa qabuun shakkaman'' to'atee tursiisuuf qaama seera kabachiisuun aangoo kennuuf illeen, komishinichi hordoffii taasiseen akka mirkanneeffateetti hidhaan raawwatamaa kan jiru haala sanyii/eenyummaa bu'ura godhateen haala fakkaatuun hubachu hime.
Akkasumas, buufataalee poolisii tokko tokkootti ammoo maatii gaafachuu, uffataafi nyaata dhiyyeessuun dhorkamuu fi hidhaan kunis dubartoota ijoollee daa'imaa qaban, jaaroolleen kan hammate ta'uunsaa baayyee na yaachiseera jedheera.
Qaamni seera kabachiisuus wayita labsii fi qajeelfamawwan yeroo muddamaa kana hojiirra oolchuu fi raawwachiisuutti haala ulaagaalee mirga namoomaa kan akka seerummaa, barbaachisummaa cimaa fi kan wal madaale ta'u, akkasumas loogiirraa bilisa kanneen jedhan haala kabajuun ta'u qaba jedha komishiniti.
Qaamni seera kabachisuus mirgoota namoomaa haala kamiinu daangeeffamuu hin danda'amne kabajuufi kabachiisuu akkasumas hojiisaanii haala naamusa oggummaa olaanaa irratti bu'uurreeffachuun raawwachuuf ittigaafatamummaa qabu jedha.
Kana malees jaarroollee, haadhoolee ijoollee xixiqoo qabaniifi namoota hordoffiin wallaansa fayyaa barbaachisu dabalatee, haala qaamoolee hawaasaa saaxilamtoota ta'an itti qabamaa jiran ilaalchiisuun adeemsi hojii saffiisaa fi qulqulleessuu addaa didiirfamuutu barbaachisa jedhera.
Akkasumas komishinichi haaluma aangoo labsii itti hundeeffameetiin, haala mirgoota namoomaa tibba labsii yeroo muddamaa kan hordofu waan ta'eef, qaamoolee dhimmisaa ilaalatu hundi hojii hordooffii komishinichi taasisuuf wal ta'insa gochuuf dirqama qabaachu yaadachiseera.