Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hogganootni addunyaa 2030tti mancaatii bosonaa dhaabuuf waadaa seenan
Hogganootni biyyoota addunyaa 100 kora jijjirama haala qilleensaa COP26 irratti waliigaltee ijoo jedhamuun mancaatii bosonaa dhaabuuf kakataniiru.
Biraaziil biyyi bosonni Amaazoon keessatti ciramaa jiru kanneen waliigaltee kana mallatteessan keessaa taati.
Waadaan seename kuni maallaqa dhuunfaa fi mootummaa irraa argamu doolaara biiliyoona 19.2 ramaduu dabalata.
Ogeeyyiin dhimma kana hordofan tarkaanfii kana haala gaariin fudhatanillee mancaatii bosona hir’isuuf waadaan bara 2014tti seename waan hin milkoofne hogganootni kunneen waadaa isaanii hojiirra akka oolchan akeekkachiisaniiru.
Mukkeen ciruun bosona gaasii CO2 fayyadamu hir’isuun, jijjiirama haala qilleesaaf saaxila.
Korri torbee lamaaf Iskootilaand Gilaasgow’tti geggeefamaa jiru tarkaanfii jijjiirama haala qilleensaa gama to’achuun taasifamuuf murteessaa dha jedhameera.
Biyyootni waliigaltee kana mallatteessina jedhan Kaanaadaa, Biraaziil, Raashiyaafi Indooneeziyaan lafa addunyaa bosonaan uffifame harka 85 qabatu.
Maallaqa dhimma kanaafa ramadamu keessaa muraasni lafa miidhame iddootti deebisuuf, ibiddaa bosonaa to’achuufi hawaasa ganamaa deeggaruuf biyyoota guddataa jiraniif kennama.
Biyyootni 28 tahanis nyaataa fi oomisha qonnaa biroof jecha bosona mancaasuu dhaabuuf itti gaafatamummaa ni fudhatu.
Indastiriiwwan nyaataafi qonnaa kunneen marga bineeldotaaf jecha bosona ciru.
Kaampaaniiwwan gurguddoo addunyaa 30 tahan invastimantii bosona mancaasuu wajjin walqabatu dhaabuuf waadaa ni seenu.
Qarshiin yuroo biiliyoona 1.1 tahu bosonaa guddicha lammataa addunyaa Koongootti argamu eeguudhaaf hojiirraa oola.
Ministirri mummee UK kora addunyaa Gilaasgoow’tti keessummeessaa jiran ‘’waliigalteen kuni bosonaa dachii keenya eeguuf bu’uura dha,’’ jedhaniiru.