Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaggeessitoonni G20 waliigaltee gibiraa seena-qabeessa jedhame taasisan
Biyyoonni gurguddoo dinagdeen adunyaarratti murteessoo ta'an 20 bu'aa kampaaniiwwan gurgudoo irratti gibirri yoo xiqqaate dhibbentaa 15 akka kaa'amuu qaburratti waliigaltee idil-addunyaa raggaasisan.
Murteen kun kan taasifame, kampaaniiwwan idil-addunyaa hedduun bu'aa saammachuuf jecha bakkawwan gibirri gadi aanaa ta'etti galmeessaa jiru yaaddoo jedhu hordofeeti.
Waliigalteen kun kora Room, Xaaliyaanitti biyyoonni G20 gaggeeffatanirratti sagalee guutuun ture kan raggaasifame.
Erga weerarri koronaavaayirasii mudatee booda gaggeessitoonni qaamaan wal arganii kora gaggeeffachuun kun isa jalqabaa yoo ta'u, dhimmoonni ijoo akka jijjiirama haala qilleensaa, COVID-19 fi ajandaawwan biroon ka'aniiru.
Gareen biyyoota G20 gaggeessitoota biyyoota 19 fi Gamtaa Awurooppaa keessaa bahan hundumtuu qaamaan argamanillee, gaggeessaan Chaayinaa Shi Jiinping fi gaggeessaan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin garuu karaa viidiyootiin irratti hirmaatan.
Waliigaltee gibiraa kana kan dhiyeessite Ameerikaa yommuu taatu, murteen kun har'a ifatti akka raggaasifama jechuun Roohitars gabaaseera.
Murteen kun bara 2023 akka hojiirra oolus gabaasaaleen eeraniiru.
Ministirri Maallaqaa Ameerikaa Jaanet Yelen akka jedhanitti, waliigalteen seena-qabeessi kun dinagdee addunyaatiif "yeroo murteessaadha" kanaaf, "morkiin gibiraa kapmaaniiwaniirratti mul'atu miidhaa qaqqabsiisu akka dhumatuuf taasisa," jedhan.
Kampaaniiwwan gurguddoo Ameerikaa keessa jiran qaraxa dabalataa kaffaluun kan isaanirra jiru ta'ullee biizinasoonniifi hojjettoonni Ameerikaa waliigaltee kanaan fayyadamoo akka ta'an ministirittiin fuula tiwiitara isaaniirratti barreesaniiru.
Korri biyyoota G20 kun walga'ii jijjiirama haala qilleensaa irratti gaggeeffamu (COP26 ) hawwiin eegamaa dursee kan gaggeeffamedha.
Korri dhimma jijjiirama haala qilleensaarratti (COP26) Iskootilaand, Gilaasgootti gaggeeffamu ammoo Wixata kan jalqabu yoo ta'u, murteen walga'ii biyyoota G20 irratti taasifames dhiibbaa guddaa akka irratti qabaatu eeramaa jira.