Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saal-qunnamtii sirnakkoo waliin deemu maal, akkamiin faalama naankaluu xiqqeessa?
Saal-qunnamtiin, jijjiirama qilleensaafi dhiibbaa Sirnakkoo irratti fidu yaaddanii beektuu?
Faalama qilleensaafi wantoota hedduu ittiin Kaarboonii gara qilleensatti gadhiifaman yeroo yaadnu dhimmi walqunnamtii saalaa akka waan ijootti hin eeramu.
Saal-qunnamtiin Sirnakkoo wajjin deemu maal?
"Namoota muraasaf dhimmi saal-qunnamtii Sirnakkoof gaarii ta'e wayita ka'u, dhiimmoota filannoo afannaa siree, kondoomiifi kanneen biroo kan pilaaneetiirratti dhiibbaa qabantu kaha," jetti Naayijeeriyaatti saayintistiin nageenya naannoo Dr. Adenikee Akinsemoluu.
"Namoota kaaniif ammoo miidhaa viidiyoowwan saal-qunnamtii namootaafi naannoo irraan gahantu ka'a.
Fakkeenyonni lamaanuu amansiisoofi murteessoodha," jedhan.
Akka Fandiin Uummataa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii tilmaametti waggaa waggaadhaan kondoomii dhiiraa biiliyoona 10 ta'utu omishama.
Baayyeen isaa ammoo lafumarratti gatama.
Sababni isaa ammoo kondoomiwwan garri caalaan isaanii wantoota senteetikii keemikaalota irraa waan omishamaniif deebifamanii hojirra hin oolfaman.
Kondoomonni Laambiskii, kanneen bara Roomaa hojiirra oolan qofadha kan adeemsan bututanii baduu dandahan.
Haata'uutii kondoomonni kunneen ammoo mar'umaan Hoolotaa irraa waan omishamaniif dhukkuboota saalqunnamtiidhaan daddarban hin ittisan.
Meeshaaleen si'eessituu walqunnamtii saalaas kanneen babal'ina pilaastikaa dabalanidha. Si'eessitoonni kunneen sibiilan yookan pilaastikaan nijiru. Filannoon kanneen charjii tahan bituu argamnaan ammoo hedduu filatamaadha.
Yeroo ammaa si'eessitoobbi walqunnamtii saalaa kanneen soolaariidhaan chaarjii tahanis gabaarratti ni argamu.
Dhaabbileen tokko tokko ammoo meeshaalee kunneen kan suphanii fi osoo hin gatin deebisanii akka fayyadamaman godhanis nijiru.
Qunnamtii saalaa keessatti qisaasama faalama naannoof gumaachan akkamitti hirisna?
Qunnamtii saalaa keessatti maloonni ittiin faalama qilleensaaf wantoota gumaachan ittiin hir'isuu dandeenyu muraasni niru.
Isaan keessaa uffata fi Paantiiwwan filatamoo bituu,qunnamtii saalaa shaaworii keessaa dhiisuu, bishaan xiqqoo hoo'e fayyadamuu, ibsaa dhaamsuu fi uffatoota deebisnee fayyadamnutti dhimma bahuun maloota muraasa ittiin pilaaneetii keenyaf gumaachinudha.
Lauren Singer intarpriinarri Newyork kan dhimma qisaasama irratti hojjetu akka jettutti meeshaalee yeroo binnutti kanneen ittiin samsamanis faalama naannootiif gumaachu.
Fakkeenyaaf kondoomii fi kanneen ulfa ittisan yeroo bitamu waan samsamaniinii bitaman qabu. wantoonni suni dhumarratti lafarratti kanneen gatamaniidha.
Lawuriin erga bara 2012 eegalee wantoota qisaasaman kanneen irra deebiin hojiirra ooluu hin dandeenye walitti qabaa turte.
Akka yaada ishiitti, namootni qunnamtii saalaa wajjin raawwachuu barbaadan dursanii qorannoo taasisuu qabu jetti.
"ani abbaa manaa ana qofa waliin qunnamtii saalaa raawwatuttin heerume. Garuu yoo jaalallee keetiin qoratami jettee gaafachuun kan sitti ulfaatu ta'e wanti ati gochuu dandeessu yoo jiraate tasuma isa wajjin rafuu dhiisuudha" jetti.
Ta'us ulfi hin barbaachifnee fi dhukkuboota qunnamtii saalaatiin daddarbanis yaaddoo biraati jetti.
Yeroo qunnamtii saalaa raawwannu kamtu qisaasama qabaa fi hin qabuu ilaaluun gaariidha garuummoo qisaasama naannootiif yaaduuf jecha kondoomii fayyadamuu dhiisuun ammoo caalaatti hamaa ta'uu mala jetti.
Dr. Akinsemolu ammoo 'Namoonni qunnmatii saalaa nagaa qabu raawwachuu qabu. dhimma faalama naannoo tiif cinqamuu caalaa isatu dursa jetti.
Faalamni naannoo Ijoollee godhachuu irratti dhiibbaa akkamii qaba?
Akka qorannoon bara 2017 adeemsifame mul'isutti naannoo konkolaattota irraa bilisa ta'e jiraachuun waggaatti kaarboondaay oksaayidii qillensatti gadhiifamu toonii 2.3 kan bararu yoo ta'u nyaata biqilootarraa tahan nyaachuun ammoo toonii 0.8 hambisa.
Walbira qabamee yoo ilaalamu biyyoota guddatan keessatti daa'ima godhachuu dhiisuun kaarboondaayi oksaayidii qilleensatti gadhiifami Tooni 58.6 baraara jechuudha.
Hariiroon daa'ima godhachuu fi faalama naannoo kuni biyyoota hin guddanne keessati baayye gadi aanaadha.fakkeenyaaf Malaawwitti toonii 0.1 gaditti tllmaamama.
Kanaaf jechas namoonni hawaasa biratti dhageettii qaban fi beekamoo tahan kanneen akka Prince Harry, Fi miseensi Kongarasii Ameerikaa kan turte Ocasio Cortez Fa'a fuulduree dhaloota keenyaatiif jecha daa'ima muraasa qofa godhanna jedhnanii kan dubbachaa turan.
Yunvarsiitii Lundati piroofesar Kimbrely Nickolas akka jedhanitti ammoo daa'imman biyyoota guddatan keessatti dhalatan Hamma CO2 Qilleensatti gadhiifamuu irratti dhiibbaa guddaa qabu jedhan.
Ta'us namootni daa'ima godhachuu hin qaban kan jedhu murteessuu hin barbaadu jedhan. "Kuni fedhii namootaati malee waan ani murteessuu qabuu miti.murtiin kuni kan nam adhuunfaati. Kan ani dhama'uuf daa'imman ammaan dura dhalatanii lafa jiran pilaaneetii nagaa qabdu keessa akka jiraataniifi" jedhu.
Namoonni akka Lauren ammoo daa'ima dahuu caalaa kanneen dhalatan guddifachaadhaan fudhatanii guddisuun filannoo gaarii akka ta'etti kanneen yaadanis jiru.
Odeessaalee wal fakkaatan dubbufachuuf: