COP26: Ragaan miliqee bahe ejjennoo dhokataa biyyoonni jijjiirama haala qilleensaarratti qaban saaxile

    • Barreessaa, Justin Rowlatt & Tom Gerken
    • Gahee, BBC News

Ragaan guddaan miliqee bahe BBC News harka gale tokko akkamitti akka biyyoonni gabaasawwan saayinsaawaa murteessoo akkaataa jijjiirama qilleensaa dura dhaabbachuun danda'amurratti taasifame geeddaruudhaaf yeroo yaalii taasisaa jiran agarsiisa.

Akka ragaa miliqee bahe kanaatti biyyoonni akka Sa'ud Arabiyaa, Jappaan fi Awustiraaliyaa warreen murtee atattamaan boba'aa uumamaa fayyadamuu dhiisuu jedhu akka suuta taasisuuf UNn gaafataa jiran keessatti argamu.

Kana malees, ragaan kun carraaqqii gara tekinooloojii magariisaatti deemuuf taasifamu keessatti biyyoonni dureeyyii biyyoota iyyeeyyiitiif dabalataan kaffaluu ilaalchisee gaaffii kaasaa jiru.

Sochiin "dhiibbaa taasisuu" kun ammoo kora jijjiirama COP26 Sadaasa gaggeeffamuuf jiru irratti gaaffiiwwan kaasiseera.

Ragaan kun akka agarsiisutti, biyyoonni jijjiirama haala qilleensaa xiqqeessuufi ho'a addunyaa digirii 1.5 gaditti eeguudhaaf gahee barbaachisaa isaanirraa eegamu akka bahan gaafatamuun dura tarkaanfii furmaataaf UN dhiyeesse dhiibaa jiraachuu agarsiisa.

Ragaan miliqee bahe kun dokumentiiwwan 32,000 ol ta'an mootummoonni, kampaaniiwwaniifi qaamoleen biroo fedha qabaniin garee saayintistootaa gabaasa UN walitti fiduun qindeessaniif ergaman of keessaa qaba.

Dokumentiiwwan kunneenis garee kanaaf kan ergaman akkaataa jijjiirama haala qilleensaa dura haabbachuun dana'amurratti ragaa saayinsaawaa filatamaa ta'e qixeessuuf jedhameeti.

"Gabaasaaleen madaallii" kunneen garee qaama UN ta'e akka saayinsii jijjiirama haala qilleensaa akka madaaluuf itti gaafatamummaan itti kenname the Intergovernmental Panel on Climate Change (IPCC) jedhamuun waggoota ja'aa hanga torbaa keessatti qophaa'a.

Gabaasni kun ammoo jijjiirama haala qilleensaa ittisuudhaaf tarkaanfii fudhatamuu qabanirratti murteessuuf mootummoonni itti gargaaramu. Kana malees, yaa'ii Gilaasgootti gaggeeffamuuf jirurratti marii taasifamuuf galtee murteessaa ta'a.

Yaadawwan mootummootaa irraa dhiyaatan BBCn dubbise haala ajaa'iba ta'een gabaasa dhumaa qopheessuudhaaf kan ijaaruufi foyyeessu akka ta'edha.

Boba'aa uumamaa

Ragaan miliqee bahe kun akka agarsiisutti biyyoonniifi dhaabbileen hedduun addunyaan fayyadama boba'aa uumamaa akkaataa wixinee yaada gabaasa ammaa kana keessatti dhiyaateen saffisaan hir'isuu hin qabdu jechuun mormu.

Gorsaan ministira zayita uumamaa Sa'udii tokko, " ibsawwan akka 'barbaachisummaa sadarkaa hundatti tarkaanfiiwwan hir'isuu atattamaafi saffisaa...' jedhan gabaasicha keessaa akka haqaman gaafata."

Qondaalli olaanaa mootummaa Awustiraaliyaa tokko warshaaleen cilee cufuun barbaachisaadha yaada jedhu, fayyadama cilee dhaabuun kaayyoowwan kora COP26 keessaa tokko ta'ulleen hin fudhadhu jehan.

Sa'ud Arabiyaa biyyoota addunyaa zayita uumamaa alatti ergan gurguddoo ta'an keessaa ishee tokkoha. Awustiraaliyaan ammoo cilee alatti erguudhaan adda-durummaan beekamti.

Biyyoonni hedduun tekinooloojii bahaa jiruufi yeroo ammaa gati-jabeessa ta'e kaarbon daayoksaayidii qabee dhaabataadhaa lafa ajala akka tursiisuuf qophaa'e akka deegaran himu. Sa'ud Arabiyaa, Chaayinaa, Awustiraaliyaa fi Jaappaan - biyyoonni baayyinaan zayita boba'aa omishaniifi fayyadaman hunduu, akkasumas dhaabbanni biyyoota zayita boba'aa Opec jedhaman hundumtuu karbonii qabuufi kuusuu (CCS) ni deeggaru.

Tekinooliiwwan CCS kunneen haarawwan boba'aa warshaaleefi sektaroota industirii keessaa bahan haala ajaa'ibsiisaa ta'een hir;isu jedhamanii amanamu.

Arjentiinaa, Noorweyis akkasuma yaada UN boba'aa uumamaa irratti qaburratti komii biyyoota dhiyeessaniha. Keessattuu Noorwey, saayintistoonni UN kaarbonii lafa jalatti ukkaamsanii qabuu yaada jedhu akka qoratan barbaadi.

Gabaasichi akka agarsiisutti, kaarbonii lafa jala tursiisuun gara fuula duraatiif kan fayyadu ta'uu anda'ullee, waan amananii afaan guuttatanii dubbachuun danda'amu miti.

Fayyadama foonii hir'isuu

Addunyaa kanarratti biyyoonni omishaafi fayyadama foon sanagaan beekaman Biraaziliifi Arjentiinaan jijjiirama haala qilleensaa hir'isuudhaaf fayyadama foonii hir'isuu qabu yaada jedhu hin fudhatan.

Gabaasichi akka agarsiisutti wantota magariisa ta'an soorachuun dhibba keessaa harka 50 hir'isuu dandeessisa. Biraazil ammoo lakkoofsa kana hin fudhattu.

Biyyoonni lamaanii UN yaada kana akka haqu yookaan ammoo akka jijjiiruuf gaafataniiru.

Biraazil dhimmi kaarboniin gadhiifamuu nyaatarraa gara dhimmoota birootti ce'uu qaba jetti.

Wanti biroon gabaasicharratti falmisiisaa ta'ee dhiyaate, maallaqa biyyoota guddataa jiraniif kennmudha. Siwiizerlaand yaadawwan sanada kanneen keessa keessee baayyeen isaa kan irratti xiyyeeffatu jijjiirama haala qilleensaa hir'isuuf biyyoota gudachaa jiraniif kennamuun ni barbaachisaa kan jedhudha.

Awustiraaliyaafi Siwiizerlaand "biyyoonni gudachaa jiran jijjiirama haala qilleensaa dhabuudhaaf maallaqa biyyoota guddataniirratti hirkattoota ta'uu hin qaban," jedhu.