Jijjiiramni qilleensaa barbaadamummaa buna Itoophiyaa 'dabaluu mala'

Yaaddoo jabaa addunyaa kan ta'e jijjiiramni qilleensaa wantoota hedduu irratti dhiibbaa fidaa jira. Isaan keessaa tokko ammoo omisha Bunaati.

Kutaalee Addunyaa bunni keessatti omishamutti sababa keemikaalotaa fi gaazii naannoo faalaniitiin omishaa fi dhandhama Bunaa irratti jijjiirama fidaa jira.

Yeroo akkasii kanatti iddoowwan bunni osoo dhandhamni isaanii hin jijjiramiin keessaa dhihaachuu danda'an keessaa Itoophiyaan ammoo akka tokkootti eeramteetti.

Sababa kanaanis gara fuuladuraatti barbaadamummaan buna Itoophiyaa akka dabalutu eegama.

Cinaa Buna Rostiworkisitti kan dhaabame muka Buna Itoophiyaati. Maatiin biqiltuu Bunaa kana kennaadhaan kennameef lubbuu biqilaa bunaa kana arguuf jecha achitti dhaaban.

Daldaltoonni bunaa kuni bara sagaltamoota keessa daldalli isaanii Fiinlaand irraa gara Ingilaanditti wayita jijjiirame Biqilaan Bunaa kunis isaanuma waliin godaane.

Amma kaampaanii daldala bunaa kana kan bulchu Wiilii Liitil, biqilaan bunaa kuni waggoota soddoma darbaniif akka ija bunaa hin buusne hima.

Haata'uutii biqilaan bunaa kuni amma ija naqateera. Liitil kanatti hedduu waan raajame fakkaata.

Mukti Bunaa kuni amma ija kan naqate sababa bakka hoo'ina fooyya'aa qabutti jijjirameef yookis yeroon itti ija naqatu waan gaheef haa ta'uu Liitil waan beeku hin qabu.

Bunichi daraaraa naqachuusaa erga argee garuu kunuunsa isaa dabaleera. Bishaan ni obaasa xaa'oos ni kennaafi.

Ta'us ija bunaa hin geenye kan Giraama shantama hin caalleen alatti bunichi omisha gahaa hin buusne. Liitil garuu abdii hin kutanne.

Waggoota itti aanaan muraasatti biqilaan bunaa kuni omisha fooyya'aa kennuu jalqabe. Buna giraama 400 ta'u buuse. Kuni yeroo shuqulamu buna qulqulluu giraama 50 tahe.

Kuni ammoo bunicha akkaa'ee saamudaaf agarsiisuuf gahaa ture.Liitil Buna giraama 50 kana bakka lamatti hiree walakkaa isaa akaa'e.

Bunichi erga danfeen booda hojjettoonni kaampaanii Liitil bunicha dhandhama isa ilaaluuf walgahan. Bunni siiniin tokko ija bunaa giraama 12 taha. Kanaaf bunni Liitil kuni siinii lama hin caalu jechuudha.

Liitil Bunicha ni dhandhame. Dhandhama addaa qaba. Bunicha akka buna Itoophiyaa kaanii kan dhandhama isaatiin ajaa'ibsiifamu ta'uu baatulleen dhandhama chokoleetii bareedaa ta'e qaba ture.

Bunaa fi jijjiirama qilleensaa maaltu walqabsiisa?

Bunni namootni hedduun addunyaa kanaa ganama ganama osoo hin dhugiin hin oolle jijjiirama qilleensaa waliin hariiroo kallattii qaba.

Bunni guyyaa guyyaadhaan dhugamu gaasii qilleensa faalu Giraama 300' walqixa ta'e maddisiisa. Kuni wagagatti yoo herreegamu Kiiloogiraama 116 taha.

Karaa biraatiin yoo ibsamu konkolaataan tokko aara fageenya maayilii kuma tokko deemutti maddisiisun walqixa jechuudha.

Hammi Gaasii faalamaan Bunni siiniin tokko maddisiisu jijjiirama qilleensaa irratti dhiibbaan fidu kan wayinii burcuqqoo tokkoo caala.

Kaarbooniin dhibbeentaa 50 tahu kan maddu yeroo qonnaan bultoonni bunicha omishani. Harki 20 ammoo hafteewwan omishaa irraayi. Hammeentaa akkasii kana buna mana keessatti omishuun hambisuun nibdandahamaa laata?

Wanti guddaan geejjiba buna geejjibsiisuuf oolu xiqqeessuu ta'ulleen, dubbii ijoon garuu bunni eessattii fi akkamitti omishama kan jedhudha.

Jijjiiramni qilleensaa kuni hammaachaa gaafa dhufu iddoowan omisha bunaatin beekaman tokko tokkotti Bunni ofumaan goga. Iddoowwan kaanitti ammoo buqqifamuun isaanii waan oolu miti.

Bunni beekamaan 'Kooffii Arabikaa'n jijjiirama qilleensaa dandamachuu hin danda'u.

Itoophiyaa fi Keeniyaan gara fuuladuraatti iddoowwan omisha bunaa mijatoo akka tahan tilmaamameera. Karaa biraatiin ammoo lafti omisha Bunaatiif mijataa ta'e kan Biraazil keessattii fi Nikaraaguwaatti kan argaman lafa gadi aanaa irratti waan argamaniif ni miidhamu jedhamee raagameera.

Liitil lafti olka'aan omisha bunaatiif mijataadha jedha. Bunni lafa gaarreenii fi qilleensa gogaa fi laafaa ta'e qabu barbaada. Bunni iddoowwan akkasiitti biqilan 'High Grown' kan jedhamu yoo ta'u gatiin isaas olka'aadha.

Buna mana keessatti biqilchuun Jijjiirama qilleensaatiif gaarii ta'ulleen Buna Itoophiyaa kan biyyoo dhohiinsa volkaanoo irratti biqilu argachuun garuu rakkisaa taha.

Qorattoonni omisha bunaa faalama qilleensaa hin geessifne argachuuf dhama'aa jiru. Kuni yoo milkaa'e buna lafa qorraattis omishuun ni dandama jechuudha.

"Buna mana keessatti omishuu dandeenyulleen Buna Itoophiyaa fi Kolombiyaan omishan kan gahu garuu hin jiru" jedha liitil.