Koopheen Maayikil Joordaan caalbaasiidhaan doolaara mil. 1. 47tti gurgurame

Kopheen kunis biraandii beekamaa Nick Fiorella omishameedha

Madda suuraa, Sotheby's

Ibsa waa'ee suuraa, Kopheen kunis biraandii beekamaa Nick Fiorella omishameedha

Kopheen taphataa kubbaa kaachoo beekamaa Ameerikaa kan ta'e Maayikil Jordaaniin kaawwatame caalbaasiidhaan gatii olaanaa doolara mil. 1.47tti gurgurame.

Joordaan kophee kana wayita bara 1984 keessaa tibba jalqabaa Chikaagoo 'Bulls' waliin taphate kan keewwateedha jedhameera.

Barri sunis yeroo inniifi Nike omishaalee uffataa fi kophee mallattoo isaa qaban omishuuf waliigaltee waliin taasisuu kan eegalan.

Gatiin kunis isa olaanaa hanga ammaatti kophee ispoortiitiif kanfalame jedhameera.

Joordaan namoota hedduu biratti seenaa kubbaa kaachoo keessatti akka taphataa addaatti ilaalama.

Taphataa beekamaan jireenya ogummaa isaa irra caalaa garee 'Chicago Bulls' waliin dabarse kunis taphataa beekamaa addunyaa ta'uun maqaan NBA addunyaarratti akka olka'uf gargaareera.

Joordaan kan bara 2003 keessaa soorama bahe, seenaa keessatti taphataa NBA abbaa qabeenyaa biiliyoonaa kan jalqabaatiis.

Mikaa'el Joordaan tabataa bara hunda akka fakkeenyaatti ilaalamuudha.

Madda suuraa, Getty Images

"Gatii olaanaan amma kopheen isaa ittiin gurgurame kunis, bakka olaanaa Maayikil Joordaan qabu kan mirkaneessuudha,'' jedhan BBiraahaam Waachar caalbaasii guyyaa Dilbataatiin booda Sotheby irraa.

Caalibaasichan dura gatiinsaa doolaara miiliyoona 1-1.5 jidduu akka ta'u tilmaamamee ture.

Haata'u malee, kophee ispoortii gatii guddaatti gurgurame ta'u danda'eera. Kanaan dura gatii olaanaatti gurguramun riikardii qabatee kan jiru kan raapparii Kaaniye West kan kopheensaa Nike Air Yeezy 1 doolaara miiliyoona 1.8tti kan gurgurameedha.

kopheen kunis Ebla keessaa dhuunfaan kan gurgurameedha.

Baroota dhihoon keessa irra dedeebiin rikardiin gatii kopheewwanii cabaa kan jiru yoo ta'u, ammaan tanas gabaan isaa bitattoota walii galaa irraa fedhii argataa jira.