Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin Awustiraaliyaa baala sammuu si'eessu doolaara miiliyoona 100 ol baasu to'achuu hime
Poolisiin Awustiraaliyaa baala sammuu namaa si'eessu(heroine) doolaara miiliyoona 104 baasu to'achuu hime.
Aanga'oonni biyyattii akka jedhanitti baalli sammuu namaa si'eessu-heroin- kiilogiraama 450 ulfaatu, meeshaalee xixiqqoo halluu diimaa dibaman 1,290 ta'aniin saamsamanii osoo dabarfamaa jiranii qabaman.
Baalli sammuu si'eessu-heroin-kun buufata doonii guddicha magaalaa Meebarn seenuuf osoo jedhuu qabame jedhan poolisoonni.
Erga poolisiin konteenara seeraamikii fe'e keessaa heroin kana qabee booda, yakka kanaan walqabatee lammiin Maaleeshiyaa tokko to'atameera.
Kanatti aansuunis namni kun baala sammuu si'eessu-heroin-hedduu gara Awustiraaliyaatti fe'uuf harkaa qabuun himatameera.
Namni kun yoo murtii argate hidhaan umrii guutuu isa mudachuu danda'a.
Poolisiin meeshaalee to'ate irratti wayita qorannoo gaggeessu baala sammuu si'eessu-Heroin- hedduu argachuu hime.
Fe'umsi heroin Maalesshiyaarraa kan ka'ee fi magaalaa Meelbarn keessatti bakkeewwan garaagaraatti gurguramuuf akka ture ibsameera.
Kanaan walqabsiisuun poolisiin bakkeewwan heroin itti gurguramuu danda'a jedhee shakke hunda sakatta'eera.
Hoogganaa Poolisii Federaalaa Awustiraaliyaa kan ta'an Kiriisii Baareet, heroin heddummina qabu kana to'annaa jala oolchuuf poolisii Maalesshiyaa waliin qindoominaa akka hojjetaa turan himan.
Qorichi sammuu namaa si'eessu-heroin-dilli kun to'atamuunsaa, Awustiraaliyaa deddeebisa(daldala) dawaa kanaa keessaa baasuu keessatti ga'ee gumaacha jedhan.
To'atamuu qoricha kanaan silaa lubbuu namoota 225 darbuuf ture baraaruun danda'ameeras jedhan.
Waggaa lama dura haaluma walfakkaatuun baala sammuu namaa si'eessuu hedduu to'achuu aanga'oonni Awustiraaliyaa himanii turan.