Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haati manaa El Chaapoo Koroneer Eemaa Ayispuroo Ameerikaatti daddabarsa baala sammuu hadoochuun hidhamte
Haati manaa lammii Meksiikoo mootii daddabarsa qoricha sammuu hadoochuu jedhamuun beekamu Joyaakim ''El Chaapo'' Guuzmaan daddabarsa baala sammuu hadoochuun shakkamuun Ameerikaatti hidhamte jedhan qondaalonni US.
Eemaa Koroneer Ayispuuroo, 31, Buufata Xiyyaaraa Idil-adunyaa Duules Waashingitani ala jirutti to'atamte. Shira daddabarsa kookeenii, Marijuwaanaa, Heeroyiinii fi 'methamphetamine' jedhaman keessatti hirmaatteetti jechuun himatamte.
Guuzmaan magaalaa Niw Yoorkitti daddabarsa baala sammuu hadoochuu fi daddabarsa maallaqaan himatamee hidhaa umurii guutuu irratti darbuun hidhamee jira.
Dursaan duraanii dhaabbata Sinaloyaa ganna 63, Ameerikaatti qoricha dhiyeessuun beekama.
Qorannoo isaa bara 2019 irratti waa'ee jireenya isaa nama naasisutu dhagahame. shamarran gana 13 qoricha sammuu hadoochu kennuun gudeeduutii hanga morkattoota isaa ajjeesuutti raawwachaa ture.
Ms Koroneel Ayispuuroo karaa viidiyoodhaan mana murtii federaalaatti ni dhiyaatti jedhe Waajjirri Haqaa Ameerikaa.
Himata daddabarsa baala sammuu namaa hadoochuun cinatti bara 2015 keessa shiraan namoota kaan waliin tahuun abbaan manaa ishee mana hidhaa Meksiikootii akka miliqu gooteetti jedhamuun shakkamteetti.
El Chaapoon mana hidhaa eegumsa cimaa qabu Altiplano jedhamu keessaa osoo jiruu ilmi isaa mana naannoo mana hidhichaatii bituun GPS fayyadamuun warra lafa jala lafa qotuun isa baasuuf yaalaniif bakka inni jiru agarsiisuu adda baase.
Bo'ii lafa jala qotame sana keessa motorsaayikilii xiqqoo oofuun miliqe. Sanadni mana murtii akka jedhutti, bara 2017 osoo inni Ameerikaatti dabarfamee hin kennamiin dura abbaan warraa ishee ammas irra deebiin mana hidhaatii akka miliquuf karoorsitee socho'aa turte.
Himata isheerratti dhiyaate kana irratti hanga ammaatti deebii hin kennine. Ms Koroneer Ayispuuroon lammummaa Ameerikaa fi Meksiikoo qabdiu yoo tahu Guzmaaniif ijoollee lakkuu deesseetti.
Niw Yoorkitti qorannaa abbaa warraashee irratti ji'oota sadiif gaggeeffamaa ture guyyaa hundumaa hordofaa turteetti jechuun ni danda'ama. Ajjeechaa baay'ee fi yakka gudeeddii raawwachuu qofa osoo hin taane ishuma mataashee fi dubartoota kaan irrattis basaasaa turuu isaa dhageesse.
Xumura qorannichaa irrattis amanamteefii dhaabbatte. ''Ani abbaa manaakoo akkaataa isaan itti naaf ibsuuf yaalan kanatti hin beeku. Garuu akka dhala namaa tokkootti naman dinqisiifadhuufi itti heerume tahuun beeka,'' jettte
Guuzmaan bulchiinsa naannoo Sinaaloyaa jedhamtu Kaaba Lixa Meksiikoo keessaa maatii harka qalleeyyii irraa dhalate. Biizinesiin yakkaa qindaa'aan isaa guddachaa deemuun bara 2009 barruun Forbes namoota sooreyyii adunyaa jedhee tarreesse keessa galuun qabeenya doolaara biliyoona tokko [$1bn] tahuun 701 irratti galmaa'ee ture.