El Chaappoon pirezidaantii Meksiikoo duraanii Pena Niyeetoof $100m matta'aa kenneera

Pirezidaantiin Meksiikoo duraanii Peña Niyeetoo namoota qoricha sammuu namaa hadoochu daddabarsuun beekamu ''El Chappoo'' Guuzmaan jedhamu irraa $100m fudhachuu namni ijaan arge jedhe tokko hime.

Aleeksi Sifantes namni jedhamu michuu dhiyoo El Chaappoo tahuu himuun bara 2016 waa'ee matta'aa kennamee mana murtii Niwu Yoorkitti qondaaltotatti himuu isaa ibse.

Guuzmaan abbaa qabeenyaa dhaabbata Sinalowaa[Sinaloa] dhaabbata guddicha qoricha sammuu namaa hadoochuu fi daddabrsa dadabarsa maallaqaan himatamuti jedhamuun himatama.

Peña Niyeetoo bara 2012 hanga 2018tti pirezidaantii Meksiikoo tahuun tajaajilaa ture.

Guzmaan nama ganna 61 yoo tahu erga ji'a Sadaasaa keessa Meksiikoon biyya ishee keessaa baastee dabatsitee Ameerikaatti kennitee, adunyaa kana irraa dhaabbata daddaabarsa baala sammuu namaa hadoochuu fi maallaqaan shakkamuun himata irratti dhiyaate hordofaa jira.

Akka gabaasotni odeeffannoo Mana Murtii Biruukiliinii agarsiisanitti pirezidaantichi jalqaba matta'aa doola miiliyoona 250 gaafachuun booda doolaara miiliyoona 100'n walii galame.

Siifantas akka jedhetti maallaqani doolaara miiliyoona 100 tahu karaa hiriyyaa El Chaappoo magaalaa Meksiikoo Siitiiti kennameef.

Siifantas harka mirgaa El Chaappoo jedhamuun kan beekamu yoo tahu lammii Kolombiyaa fi daddabarsa baala sammuu namaa hadoochuun nama jalqaba irratti argamudha.

Dabalataan barreessaa El Chaappoo tahuun isaaf kan hojjechaa turee fi waggoota lamaafis gaarota Meksiikoo keessa isa waliin dhokatee ture.

Siifantas bara 2013 qabamuun Ameerikaaf dabarfamee erga kennamee yakka wal fakkataan himatamee jira.

Pirezidaantiin Meksiikoo kun himata amma jedhameef deebii kennuu baatus kanaan dura himata malaammaltummaa irratti dhiyaate haalee ture.

Abukaatoon El Chaappoo maamillikoo hogganaas tahe abbaa qabeenyaa dhaabbata daddabarsa baala sammuu hadoochuun beekamuu miti jedhe.

Dhaabbatni 'Sinaloa' jedhamu kan nama kanaan dura pirezedaantota Meksiikoo lamaan duraanii Pena Niyetoo fi Filiippee Kaalderooniif mattaaakennuun murtoo du'aa jalaa oole kan Ismaa'el 'El Maayoo' Zambaadaati jedhe.