Lammileen Sudaan mootummaan ce’umsaa siviliin akka hogganamu gaafatan

Lammileen Sudaan kumaatamaan lakkaa’aman ce’umsaa dimookirasii siviliin hogganamu akka gaggeefamu gaafachuuf magaalaa guddoo biyyattii Kaartumitti hiriira bahuun gaafatan.

Hiriirri bahame kun torban darbe Sudaan keessatti yaalii fonqolcha mootummaa fashaala’e hordofuun kan bahame yoo ta’u, qondaaltota waraanaafi sivilii ce’umsa mootummaa biyyatti hogganaan jiran gidduutti hariiroon ture wayita laafuun dhaga’ametti.

Waldaan hojjattootaa fi rogeeyyiin hiriira mormii waaman hiriiricharrati hirmaatan qondaaltootni waraana biyyattii mootummaa sivilii akka hundeessan gaafatan.

Lammileen biyyatti kumaatamaan lakkaa’aman hiriira bahan kanarratti jiraattoonni iddoo biroos magaalaa Kaartum baaburaan seenuun, hiriira kanarratti hirmaataniiru.

Qondaaltonni sivilii biyyattiis gaaffii hiriirtonni kaasan deeggaraniiru.

Pirezedantiin duraanii biyyatti Omar al-Bashiir aangoorra kaafamu hordofee

mootummaan ce’umsaa hundeeffame amma filannoon biyyatti keessatti filatamutti akka hogganuuf wayita ta’u, kan hundaa’e qondaaltota waraanaa olaanoo biyyattii, qondaaltota siviliifi namoota hiriira mormii hogganaa turan of keessaa qaba.

Ganna dheeraaf Sudaan hogganaa kan turan al-Bashiir aangoorraa bu’uu hordofee waggaa lama dura qondaaltota waraanaa, siviloota fi gartuulee hiriira mormii hogganaa turan gidduutti qoodinsi aangoo gaggeeffamuutu yaadatama.

Haala kanaan Ministirri Muummee biyyattii Abdallaa Hamdook gartuu sivilii bakka bu’uun aangoo kan qabatan yoo ta’u, waraana irraas Abdulfattaa al-Burihaan aangoo olaanaatu kennameef.

Tajaajilli oduu biyyattii SUNA jedhamu Mana maree biyyatti wabeeffachuun akka gabaasetti yaalii fonqolcha mootummaa fashalaa’e hordofee haalli biyyattii keessa jiru to’annoo mootummaa jala jiraachu ibseera.

Al-Bashiir aangoorra kaafamuu hordofee waggoota lamaan darban yaaliin fonqolcha mootummaa hedduun biyyattii keessatti gaggeeffamuun gabaafameera.

Yeroo dhiyoon asitti haalli tasgabbii biyyatti laafaa adeemuun kan uumame qondaaltonni waraanaa aangoosaanii yeroon itti dabarsan gufachuu hordofee akka ta’e qeexqonni eeraniiru.

Meejar jeneraal Abdulfattaa al- Burihaaniin Manni Maree Birmadummmaa Sudaan hogganaa jiran Onkolooleessa dhuftu gartuu siviliif aangoo akka dabarsu beellamni qabameera.