Sudaan yaalii fonqolcha mootummaaf deeggartoota al-Bashir himatte

Mootummaan Sudaan yaalii fonqolcha mootummaa irratti raawwateef deeggartoota pireezidantii duraanii biyyattii aangoorraa fonqolfaman al-Bashiir komate.

Yaalii fonqolchaa Kibxata har'aa raawwate duuba deeggartoota Pireezidantii duraanii Omaar al-Bashiirtu jira jedhe mootummaan Sudaan.

Dubbii himaan mootummaa ''humnoota dukkanaatu'' kana raawwate jechuun warreen harka keessaa qabanis to'annoo jala oolaniiru jedhan.

Pireezidantiin duraanii Sudaan al- Bashiir waggootii soddomaaf aangoorra erga turaniin booda ganna lama dura aangoorraa kaafaman.

Bulchiinsi amma jiru- waraana, bakka bu'oota hawaasaa fi garee mormitootaa- waliigaltee aangoo qoodachuu jedhuun hundeeffame.

Warreen fonqolcha kana shiran gamoo miidiyaa biyyaalessaa qabachuu yaalan jechuun AFP'n gabaaseera.

Gabaasaaleen Kaartumii fi Omdurmaan irraa bahan akka agarsiisanitti sochiin waraanaa cimaan jiraachuu himuun, riqichi Laga Naayiil cufameera jedhan.

Karaan Kaartuumiifi gara buufata galaanaatti geessus akkasuma cufameera.

''Nuti gara duubaatti hin deebinu, namoonni gara waan darbetti deebi'uu barbaadan jiru,'' jedhan Ministirri Odeeffannoo biyyattii Hamzaa Baalool.

Erga Bashiir aangoorraa kaafamaniin as yaaliiwwann fonqolchaa garagara Sudaan keessatti adeemsifamaniiru.

Wanni raawwate maali?

Telelvizhiniin biyyolessaa Sudaan, fonqolchi mootummaa yaalame fashalaa'uu gabaase.

''Yaaliin fonqolcha mootummaa ture fashalaa'eera, uummanni dura dhaabbachuu qabu,'' jedha gabaasni miidiyaa biyyooleessaa.

Gabaasaaleen magaalaa guddoo Kaartum fi magaalaa dhiyeenya jirtu Omdurmaan keessaa bahaa jiran waan jedhan, sochiin waraanaa cimaa jiraachuufi riqichi laga Abbayyaas cufamuu akeeku.

AFPn madda mootummaa waabeffachuun akka gabaasetti, kanneen taatee kana duuba jiran gamoo miidiyaa mootummaa to'achuuf yaalanis ''hin milkoofneef''.

Viidiyoon marsaalee hawaasaa gubbaa qoodaman ammoo konkolaattoota waraanaa daandiiwwan gubbaatti mil'isa.

Mootummaan Sudaan taatee kana to'achuuf tarkaanfiileen fudhatamaa jiru jechuunsaas gabaafameera.

Akka Rooyitars gabaasetti dubbi-himaan waraana Mohamed Al Faki Suleiman, kanneen shakkaman irratti qorannoo hatattamaan eegala jedhaniiru.

Ganna lamaan dura, bulchaan biyyattii yeroo dheeraa Omaar al-Bashir teessorraa gugsaman. Achiin duuba waliigaltee aangoo qoodiinsaan mootummaan: waraana, bakka bu'oota siviilii fi gareewwan mormaa turan keessaa babba'e hundaa'eera.