Fonqolcha Maalii: Afrikaa keessatti waraanaan aangoo qabachuun dabalaa jiraa?

Fonqolchi mootummaa waraanaan gaggeeffamu erga Afrikaan kolonii jalaa baatee booda irra deddeebiin waan mul'atu taheera.

Taateen dhiyeenya kana Maaliitti raawwates giddugaltummaan waraanaa hangam akka tahe fakkeenya mul'isudha - waggaa tokko odoo hin guutin waraanni marroo lammeessoof gidduu gale.

Achuma ollaatti, biyya Nijeeritti ammoo Bitootessa keessa, sirna kakuu pireezidantichaa raawwachuuf guyyootaan dura fonqolchi aggaamame fashalaa'eera.

Gidduseentummaan waraanaa ardii Afrikaa keessa dabalaa jiraa?

Fonqolcha kan jedhamu yoomidha?

Hiikni jiru tokko: yaalii seeraan alaafi ifatti gaggeessitoota aangoorra jiran buqqisuuf, qaamolee waraanaas tahe siiviiliin gaggeeffamudha.

Qo'annoo qorattoonni Ameerikaa Jonathan Powell fi Clayton Thyne jedhaman gaggeessaniin, erga 1950taa as Afrikaa keessatti taateewwan akkasii 200 ol tahan adda baasaniiru.

Yaaliiwwan kanniin keessaa walakkaa kan tahan milkaa'aniiru - kunis guyyoota torbaafi isaa ol kan ture yoo tahedha.

Biyyi Lixa Afrikaa Burkinaa Faasoon, fonqolcha milkaa'an jedhaman hedduu qabaachuun dursiti - torba yoo milkaa'u, tokko fashalaa'eera.

Si'a tokko tokko kanniin taatee akkasii keessaa qooda qaban, fonqolcha miti jechuun mormu.

Zimbaabweetti bara 2017 keessa, waraanni gidduu galuun aangoo Robart Mugaabee ganna 37'tti xumura laataniiru.

Gaggeessitoota gocha kanaa keessaa tokko Mejar Jeneraal Sibusiso Moyo TVtti as bahuun, kun tasumaa fonqolcha mootummaa miti jechuun morman.

Eebla baranaa keessa ammoo battala prezidantiin Chaad Idris Deebii du'etti, waraanni biyyattii ilmasaa pireezidaantii yeroo gochuun mana maree ceehumsaatti muudan. Mormitoonni isaa 'fonqolcha maatii keessaati' jechuun taatee kana ibsan.

''Kanneen fonqolcha gaggeessan gochaan isaanii tasumaa fonqolcha miti jechuun haaluun, seera-qabeessa tahanii argamuuf yaalu,'' jedha Jonathan Powell.

Afrikaa keessa fonqolchi xiqqaachaa dhufee?

Baroota 1960 fi 2000 gidduutti, Afrikaa keessa haala nama dinquun waggaa waggaan lakkoofsa fonqolchaa walfakkaataatu mudata - innis giddugalaan waggaatti afur.

Ergasii garuu kun xiqqaachaa dhufee hanga bara 2019tti waggaatti lama ta'eera.

Aabba Jonathan kuni waan hagaas mara nama dinqu miti jedha. Maaliif jennaan? biyyoonni Afrikaa erga bilisummaa argatanii booda tasgabbii hin arganne jedha.

''Biyyoonni Afrikaa haalota fonqolchaaf sababa tahan wajjin turan - kanneen akka hiyyummaafi haala diinagdee. Biyyi tokko fonqolcha tokko keessummeessinaan, yeroo baay'ee kun mallattoo fonqolcha hedduuti.''

Yunivarsiitii KwaZulu-Natal irraa kan tahe Ndubuisi Christian Ani, fincilli uummataa abbootii irree waggoota hedduuf bulchan irratti gaggeeffamu, irra deebiin fonqolcha biraatiif karra baneera jedha.

''Fincilli uummataa karaa isa sirriifi hawaasaan kan hoogganamu wayita tahu, yeroo baay'ee garuu milkaa'ina isaatif murteen waraanaa daran murteessaadha,'' jedha.

Biyya Afrikaa kamtu fonqolcha mootummaa hedduu keessummeesse?

Sudaan biyya fonqolchi hedduun itti gaggeeffame tahuun dursiti - biyyattiitti fonqolchi 15 kan raawwate wayita tahu shan qofatu milkaawe.

Inni yeroo dhiyoo isa bara 2019 keessatti raawwate oggaa tahu, mormiin uummataa ji'ootaaf erga gaggeeffamee booda, Omaar al-Bashir aangoorraa buusan.

Bashir ofumasaayyuu fonqolcha waraanaa bara 1989tti gaggeesseen aangootti ol bahe.

Erga 2015 as, fonqolcha mootummaa addunyaa gubbaatti galmaawan sagal keessaa lama malee kaan hunduu Afrikaatti mudatan - kan hafan lama Tarkii (2016) fi Miyaanmaar (2021).

Waliigalatti, ardiiwwan kamuu caalaa Afrikaan fonqolcha mootummaa olaanaa keessummeessiteetti.

Kan ittaanu Ameerikaa Kibbaa wayita tahu, fonqolcha 95 gaggeeffaman keessaa 40ni kan milkaawan turan.

Odeessicha kan midhaassan Christopher Giles fi Peter Mwai