Maayinamaar: Miin Aangi Hilaangi, jeneraala fonqolcha mootummaa gaggeessuun aangoo qabate

Miin Aangi Hilaangi nama gudina sadarkaa aangoo saffisa qabuun humna waraanaa Maayinamaar 'Tatmadaw' jedhamu keessaan gara aangootti dhufe yoo tahu, waggoota kudhan darbaniif akka hogganaa waraana biyyichaatti siyaasaa keessattis hanga fonqolcha Guraandhala 1, 2021 gaggeeffameetti nama dhiibbaa guddaa uumaa turedha.

Yeroo biyyattiin gara sirna dimokiraasiitti cehaa turtes nama hoggana waraanaa biyyichaa karaa milk'aa taheen qabatee turedha.

Haa tahu malee yeroo humni waraanaa biyyichaa haleellaa sabummaa saba lakkoofsaan xiqqaa tahan biyyicha keessa jiraatan irratti raawwatan qooda keessaa qabu jedhamuun qoqobbii fi balaaleffannaan idila adunyaa isaan mudateera.

Amma erga Maayinaamaar bulchiinsa waraana isaa jalatti kufteen jeneraal Miin Aangi Hilaangi yeroo aangoo isaa dheereffachuun hiree biyyattii fuulduraa kan toora qabsiisu fakkaata.

Hoggansa ol aanaatti bahuu

Jeneraalli gameessi ganna 64 umurii isaa irra caalaa humna waraanaa dhiibbaa guddaa uumu keessatti dabarse.

Yuunvarsiitii Yaangon keessatti barataa seeraa kan ture jeneraalichi akkaadaamii humna ittisaa yaalii yeroo sadaffaan bara 1974 seene.

Loltuun lafoo kun osoo hin eegamiin birqabaan guddina yeroo yerootti argachuun hoggansa ol aanaatti cehuun dhumarratti bara 2009 keessa ajajaa Biiroo Oppireeshinii -2 tahe.

Hoggansa isaa kana irra yeroo ture, Kaaba Baha Maayinamaar keessatti oppireeshinii gaggeessuun sabni lakkoofsaan xiqqaa kumaatamni biyya gadhiisuun kutaa bulchiinsa Shaan fi Kookaangi kan naannoo daangaa Chaayinaa jiru keessaa baqatanii bahan.

Loltootni saa yakka ajjeechaa, humnaan gudeeduu fi meeshaa waraanaa fayyadamuunhimatamanis Miin Aangi Hilaangi guddinni isaa ittuma fufuun hogganaa waliinii humna waraanaa tahuun bara 2010 keessa muudame.

Waggaa osoo hin guutiin jeneraalonni muuxannoo guddaa qaban osoo jiranii hogganaa waraanaa ol aanaa akka tahuun yeroo dheeraaf gaggeessaa kan turan Taan Shiiwii bakka bu'uun bara 2011 keessa aangoo qabatan.

Yeroo inni aangoo kana qabatu biloogerii fi barreesaan ijoollummaa qabanii wal beekan Hilaa Oo jedhamu ''loltuu hamaa dirree waraanaa humna waraanaa Barmaa keessaa'' jechuun ibse. Garuu immoo ''hayyuu fi nama jabaadhadhas'' jedhe.

'Dhiibbaa siyaasaa fi duguuggaa sanyii'

Miin Aangi Hilaangi bulchiinsa humna waraanaa waggoota kurnaniin booda bara 2011 eegaluun yer*oo Maayinamaar gara bulchiinsa dimokiraasiittiti ceetu aangoo isaa ajajaa waraanaa tahe kana eegale. Garuu aangoo ajajaa 'Tamadaw' taheema itti fufuu barbaada ture.

Dhiibbaan siyaasaa inni fidee fi miidiyaa hawwaasaa irratti dubbii inni taaisaa ture paartii waraana biyyattii irraa deeggarsa qabu 'Union Solidarity and Development Party (USDP)' gara mootummaa biyyattii tahuutti fide.

Bara 2016 yeroo paartii Liigii Biyyaalessaa Dimokiraasii [NLD] irraa Aangi Saan Suu Chiin gara aangootti dhuftu ishee waliin hojjechuutti madaquun qophii uummataa tokko tokko irratti ishee waliin mul'achaa ture.

Jijjiramni dhufe akkuma jirutti tahee humni waraanaa Tatmadaw' %25 taa'umsa paarlaamaa biyyichaa fi hoggansa kaabinee dhimma nageenyaan wal qabatan murteessoo qabatee akka itti fufu godhe.

Bara 2016 fi 2017 Bulchiinsa Raakinee keessatti humni waraanaa saba Rohingiyaa irratti dhiibbaa cimaa gaggeesse. Kana irraa kan ka'e Musiliimotni Rohingiyaa biyya gadhiisuun baqatanii bahan.

Humni waraanaa biyyitti hawwaasa idil-adunyaan ''duguuggaa sanyii'' raawate jedhamuun balaaleffatame.

Bara 2018 UNtti Manni Maree Mirga Namoomaa ''hoggantootni waraanaa ol aanoon Maayinamaar hogganaa ol aanaa waraanichaa Miin Aangi Hilaangi dabalatee haleellaa duguuggaa sanyii bulchiinsa Raakinee, Kachiinii fi Shaan keessatti raawwataniif qoratamuu fi himatamuu qabu'' jedhan.

Ibsa kana hordofee Feesbuukiin fuula jeneraalichaa fi kan namoota dhuunfaafi dhaabbilee biroo biyyichatti ''sarbama mirga namoomaa hamaa raawwatanii fi kakaasan jedhamanii balleesse.

Ameerikaan yeroo lama qoqobbii irratti gatte. Bara 2019 ''duguuggaa sanyii'' fi sarbama mirga namoomaa raawwate jechuun. Wxabajji bara 2020 ammoo UK'n qoqqobbii biraa irratti dabarsite.

Aangoo qabachuu

Sadaasa 2020 paartiin NLD Saan Suu Chiin durfamu filannoo gaggeeffame harka guddaan mo'achuu ibsame.

Ji'a booda Tatmadaw fi paartiin humna waraanaan deeggaramu USDP jedhamu bu'aan filannichaa burjaaja'eera jechuun irra dedebiin komachu jalqaban.

Paartiin USDP akka burjajja'e komatus komishiniin filannoo biyyichaa garuu himaticha hin fudhanne. Kun Guraandhala 1, 2021 mootummaa haaraan biyya bulchu akka raggaasifamuuf karoorfamuun duradha.

Wal dura dhaabbannaan humna waraanaa fi mootummaa cimnaan fonqolchi gaggeeffamuuf hamiin jedhu guddate.

Amajji 27 Min Aangi Hilaangi yoo hin isa hin hordofnu tahe ''heerri biyyatti baduufi'' jechuun akeekkachiisan. Fonqolcha bara 1962 fi 1988 raawwate yaadachiisuun.

Amajji 30 ammoo dubbii arraba isaanii kana haaluun heera balleessuu kan jedhu miidiyaatu akka malee nu jalaa hiike jedhan.

Haa tahu malee Guraandhala 1, 2021 ganama Tatmadaw ykn humni waraanaa cimaan biyyichaa hoggantuu mana maree biyyichaa Aangi Saan Suu Chiin, pirezidaanti Wiin Miyiint fi qondaalota ol aanoo biroo hidhuun labsii yeroo muddamaa labsan.

Min Aangi Hilaangi aangoo mootummaa guutummaatti kan hoggana waraanaa dabalatee amma ofumaaf qabate. Kunis filannoon gaggeeffame burjaajja'eera jechuuni.

Wal gahiin humna ittisaa biyyaalessaa fi mana maree nageenyaa inni gaggeesse qorannoo gaggeessuun filannoo haaraan akka gaggeeffamu goona, injifannoo paartii NLD ni haqna jechuun murteesse.

Min Aangi Hilaangi umuriin isaa sooramaa waan gaheef ganna 65'niin aangoo gadhiisuuf ture. Amma waggaa tokko irra darbeera. Kanaaf yeroo bulchiinsaa biraaf biyyattii humna waraanaa jalatti bulchu mala.

Labsii yeroo muddamaa labsuun aangoo ofumaa waan qabateef hireen biyyattii fuulduraa ifa miti.

Gabaasni kun BBC monitoring kan qophaa'edha.