Humni waraanaa Miyaanamaar ambasadara biyyattii kora UN irratti bakka bu'e tarkaanfiin haa fudhatamu jedhe aangoo irraa kaase

Bulchitoonni humna waraanaa Miyaanamaar ambaasadara kora UN irratti bakka bu'uun biyyootni wal gargaaruun humna waraanaa aangoo irraa kaasuu qabu jechuun dubbannaan hojiirraa gaggeessan.

Dubbii miiraan guutamee taasiseen, Kiyaaw Mo'i Tuun, namni tokkoyyuu humna waraanaa kanaaf tumsa gochuu hin qabu, hanga aangoo mootummaa karaa dimokiratawaa taheen filatameef deebisee kennutti jedhan.

Sanbata darbe humni nageenyaa namoota fonqolchicha morman irratti tarkaanfii fudhachaa turan.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka jedhanitti namootni baay'een adabamaniiru. Dubartiin tokko ammoo magaalaa Monwya jedhamtu keessatti rasasaan rukutamtee haalli isheen keessa jirtu hin baramne.

Erga qondaalonni mootummaa ol aanoo akka Aang Saan Suu Chii aangoo irraa fonqolchamuun hidhamanii biyyattii keessatti mormii cimaan ka'eera.

Ambasadarri Un Maal jedhe?

Kora waliigalaa UN irratti gaafa Jimaataa Kiyaaw Mo'i Tuun hawwaasni idil adunyaa bulchiinsa humna waraanaa irratti ''tarkaanfii barbaachisu hundaa fudhachuun'' biyyattitti dimokiraasii deebisuu qabu jedhan, Ms Saan Suu Chii akka bakka bu'an ibsuun.

''Fonqolcha humni waraanaa raawwate kana xumuruuf hawwaasa idil adunyaa irraa deeggarsa cimaa barbaanna. Cunqursaa uummata nagaa dhaabsisuun aangoo mootummaa gara uummataatti deebisuun dimokiraasii biyyichatti deebisuu qabna,'' jedhan.

Dubbii isaa kanaaf dinqisiifannaa kan argate yoo tahu bakka buutuu haaraan US, namoota dinqisiifatan keessaa tokko.

Ambasadarichi mormii isaa agarsiisuuf, quba sadii mallattoo mormii bulchiinsa abbaa irree biyyicha keessatti finciltootni agarsiisaan ol qabuun mul'isaniiru.

Televizhiniin Miyaanamar Sanbata darbe aangoo irraa kaafamuu isaa ibse. ''Biyya ganuun dhaabbata biyya bakka hin buunee fi hin beekamnetti aangoo isaa fi itti gaafatamummaa ambasadarummaa isaa akka malee fayyadamuun dubbate.''

Sanbata kaleessaa magaalota biyyattii garaagaraa keessatti mormiin bulchiinsa humna waraanaa kana irratti gaggeeffameera. Gaazexeessitoota dabalatee namootni baay'een hidhamuu namootni ijaan argan Rooyitersitti himaniiru.

Hoggantootni humna waraanaa filannoon ji'a Sadaasaa keessa gaggeeffame burjajja'eera jechuun paartii mo'ate kan Saan Suu Chiin durfamu aangoo irraa kaasuun ishee hidhan.

Ergasii biyyattii keessatti mormii cimaan gaggeeffamaa ture. Akka Waldaan Gargaarsa Hidhamtoota Siyaasaa jedhamu ibsetti erga fonqolchichi eegalee namootni 770 tahan hidhamaniiru. Yoo xiqqaate gaazexessitoota sadii, ogeessa kaameeraa AP dabaleatee hidhamuu AFP'n gabaaseera.

Saan Sii Chiin mana meeshaalee qunnamtii seeraan alaa qabaachuu fi seera ittisa balaa uumamaa biyyattii cabsite jedhamuun himatamte.

Abbaan seeraa ishee Rooyitersitti akka himetti hanga dhaddacha dhufuutti akka bakka biraatti geeffamuun ijaan arguun hin danda'amu.