Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Addunyaan fonqolcha mootummaa Miyaanmaar kuffisuu qabdi-UN
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii(UN) Antooniyoo Guuteerees hawaasni addunyaa fonqolcha mootummaa Miyaanmaar fudhatama akka hin kennine gorsan.
Bu’aa filannoo gara duubaatti deebisuun ‘’waan fudhatama hin qabne dha’’ jedhan kanaaf hogganootni fonqolcha kanaa karaa kanaan biyya bulchuun akka hin danda’amne baruu qabu jedhan.
Qaamni Nageenyaa UN ibsa kennuuf mari’achaa jiraatus Chaayinaan haasaa fonqolcha kana balaaleffatu kamiyyuu ni danqiti jedhameetu eegama.
Hoggantuun Miyaanmaar Saan Suu Chiin yeroo waraanni aangoo fudhatu kan isheen to’atamte.
Guuteerees hawaasa addunyaa ijoo gamteessuun fonqolchi kuni fudhatama akka hin qabne mirkaneessuu qabna jedhan.
Poolisiin Miyaanmaar himata baayyee Saan Suu Chii irratti banuun hanga Guraandhala 15 akkuma to’atamteetti turti jedheera.
Saan Suu Chiin mana jireenyaashee magaalaa guddoo biyyattii Naay Yii Taaw itti argamutti dha hidhamte kan jirtu.
Seera al-ergii fa’i cabsuun kan himatamte yoo tahu meeshaalee koominikeeshinii seeraan ala dhuunfachuuniis himanni irratti banameera.
Saan Suu Chii fi pireezidant filatamaan Yiint e fonqolcha kanaan booda sagaleen isaaniin hin dhagahamne.
Juuntaan fonqolcha kuni qaama hidhataa miseensa 11qabuufi Miin Aaan Liyaaniin hogganamu dha
Waraannichi labsii yeroo atattamaa waggaa tokkoof turu labseeea,fonqolcha kanaaf sababa yoo kennus paartiin Saan Suu Chii filannoo wlaiin dhaheetu aangoo qabate jedha.
Tajaajilli Feesbuukii Miyaanmaar keessatti gaafa Kamisaa qabee adda kan cite yoo tahu waraanni telekoomiin biyyattii miidiyaalee hawaasaa akka cufu dirqisiiseera.
Dhaabbanni telekoomii ‘’maatii fi hiriyyoonni Miyaanmaar akka wal-arganii fi odeeffannoo argatan,’’ yaadachiisuun addaan cituu tajaajilichaa beeksiseera.
Guyyoota darban keessatti rogeeyyii fonqolcha kana mormuuf wal-tajjiiwwan Feesbuukii banaati turan.