Miyaanimaaritti paartiin Aang Saan Suukii biyya bulchu filannoo mo’ate

Miyaanimaaritti Paartiin biyya bulchu National League for Democracy’n mootummaa hundeessuuf teessoo paarlaamaa isa barbaachisu argachuu bu’aan filannoo agarsiise.

NLD’n hanga yoonaa teessoo 346 argateera, mootummaa hundeessuuf teessoo 322tu barbaachisa.

Bu’aa filannoo hin xumuramneen paartiin Saan Suu Kiin hogganamu injifannoo yoo labsu, mormituun waraanaan deeggaramu filannoon irra deebiin akka adeemsifamu gaafateera.

Dubbii himaan paartichaa Moonyaawaa Aang Shiin, injifannoon kun uummanni hangam paarticha akka deeggaru agarsiisa. Haa tahu malee, ''mootummaa tokkummaa biyyaalessaa hundeessuu irratti hojjechuu qabna,’’ jechuu Rooyitars gabaaseera.

Paartichi saboota lakkoofsa xiqqaa qaban waliin akka hojjetan nan affeera jedhus, yeroo filannoo bara 2015 mo’atu garuu waadaasaa hin eegne ture.

Indiyaa, Jaappaaniifi Singaappoor paartii kanaaf ergaa baga milkoofatan dhaamaniiru.

Filannoon baranaa deeggarsi paartichaa fi Aadde Suu Kii kan itti madaalamudha jedhamee ture.

Paartiin NLD biyyatti deeggarsa guddoo qabaatus, hawaasa addunyaa biratti garuu dhimma Musliimota Royingaan wal-qabatee qeeqamaa jira.

Musliimonni Rohiingaa kumaatamaan lakkaa’aman tarkaanfii waraanni fudhatu sodaachuun biyyaa baqataniiru. Mootummoonni Gamtoomanis bara 2017tti gochaa sana sanyii qulleessuu jedheera.

Waraanni garuu milishoota ture xiyyeeffannoon koo jedheera, Saan Suu Kiinis kana deeggaraniiru.

Warri Rohiingaa filannoo irratti akka hin hirmaanne gochuun, amanamummaa filannichaa shakkisiisaa godheera jedhu taajjabdoonni.

Haa tahu malee mormituun waraana Maayaanmaariin deeggaramu, mootummaan hojii iftoomina hin qabne hojjechaa jiraachuu himus ragaa garuu hin dhiyeessine.

Mormituun 'Union Solidarity and Development Party (USDP)' jedhamu filannoo kana akka hin fudhanneefi qondaaloti mootummaa filannoo bilisa, haqa qabuufi loogii hin qabne akka taasisan himeera.

Waraanni kun bu’aa filannoo jalqabaa irratti dogoggorri sagalee akka jiru agarsiisa, kunimmoo sarbama seeraa fi sirna seeraati jedheera.

Taajjabdoonni mormituun ragaa hin dhiyeessine, filannoon karaa nagaa taheen adeemsifamaa ture jedhaniiru.

Gamtaan Koomishinii Filannoo biyyattiis ''filannichi bilisaa fi haqaan,’’ taasifame, kana caalaa iftoomina qabaachuu hin danda’u jedheera.

Dubbii himaan paartii bulchaa jirus himannaan paartii mormituu waan bu’uura hin qabnedha jedheera.

Filannichi falmisiisaa turee?

Taajjabdoonni warreen Rohiingaa akka hin filanneef dhorkamuun amanamummaa filannichaa shakkiirra buusa jedhan.

Warreen Rohiingaa kaadhimamummaa filannoof iyyatanillee dhorkamaniiru. Kanaan sabooti biraallee dhiibbaan irra gaheera.

Baatii Onkololeessaa keessa naannoo Raakhaayin keessa iddoo lolli waraana biyyattiifi waraana amantoota Buudistii Raakhaayin gidduutti adeemsifamuun, filannoon gaggeeffamuuf ture haqameera.

Sababii kanaan namooti yoo ajjeefaman, kaan immoo buqqa’aniiru. Iddoo kaanittis akkasuma filannoon haqameera.

Haqamuun filannoo kun saboota lakkoofsa xiqqaa qaban dheekkamsiiseera. Biyya filannoof sagalee kennitoonni miiliyoona 37 galmaa’anitti namoonni miiliyoonni lama otoo hin filatiin hafaniiru.