Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojjetaan WHO osoo saamuda Covid-19 sassaabu ajjeefame
Konkolaachisaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) biyya waldhabdeen itti hammaate Miyaanmaar keessatti saamuda hordoffii Covid-19’f oolu osoo sassaabu ajjeefame.
HojjetaanPyae Sone Win Maung jedhamu konkolaataa mallattoon dhaabbatichaa irra jiru osoo oofaa jiruuti bulchiinsa Raakhaayin keessatti haleellaan kan itti baname.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti waraana mootummaafi hidhattoota Araakaan gidduutti wal waraansa gaggeeffamaa jirun lammiileen nagaa hedduu lubbuu dhabaniiru.
Ajjeechaa konkolaachisaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaarratti gaafa Wiixataa raawwatef lamaanuu wal himataa jiru.
Waraanni Miyaanmaar Burmaa jedhamuun waamamaniifi hidhattoonni Araakaan ajjeechaa kana keessa harka keessaa hin qabnu jedhaniiru.
Dubbii Himaan waraana Miyaanmaar Meejar Janaraa Tun Tun Niyi humnoonni isaanii konkolaataa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii haleeluuf sababa homaatu hin qabani jedhan.
‘’Isaan unuuf, biyya keenyaaf hojjetaa jiru,’’ jechuu isaanii Rooytarsitu gabaase.
Waajjirri Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Miyaanmaar jiru ‘’guddaa gadduu’’ ibse.
Umriin hojjetaa kanaa 28 yoo ta’u magaalaa baadiyyaa Minbiyaa jedhamtuufi bakka sakattaan waraanaa taasifamu dhihootti ajjeechaan raawwate.
Ibsa Fesbuukii irratti UN baasen konkolaataan haleellaan irratti baname Sitwee irraa gara Yaangoonitti imalaa ture jedhe.
Kunis, saamuda Covid-19 fiduuf ture.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) eenyu akka haleellaa raawwate hin dubbanne. Haleellaa kanaan hojjetaan mootummaas miidhameera.
Abbaan konkolaachisaa kanaa, Hiyaay Wing Maawung, ‘’lapheen na cabe’’ jedhan.
‘’Inni bakka waraannni jiruufi namoonni kaan imaluuf hin feenetti deemee du’e,’’ jechuun ibsan.
Biyyoonni akka Ameerikaafi Yunaayitid Isteet yeroo weerarri koronaavaayirasii hammaate kanatti waraanni akka dhaabatu gaafataniiru.
Hanga yoonaa Miyaanmaar keessatti namoota 80 ol irratti vaayirasichi argameera. Afur immoo du’aniiru.
Sanyiin hidhattoota Araakaan Budistoota yoo ta’an waggoota lamaan darban hiree ofii ofiin murteeffachuuf qabsoo hidhannoo cimsaniiru.
Ji’a tokkoof dhukaasa dhaabuu labsanis mootummaan garuu kana hin fudhanne.