Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dr Teedroos Adihaanom: 'Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti iccitii dhoksinu hin qabnu’
Dhimma koronaavaayirasii irratti wanti biyya tokkoorraayyuu odeeffannoon dhoksineef hin jiru jedhan Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa.
Dr Teediroos Adihaanom ibsa galgala har’aa kennaniin kana kan himan.
Akkaataan dhaabbatichi koonaavaayirasii to’achuuf hojjetaa jiru pirezidantii Ameerikaa Donaald Tiraampiin irra deddeebiin qeeqameera.
Kanaanis, torban darbe deeggarsa maallaqaa biyyattiin dhaabbatichaaf kennitu kutaniiru.
Dr Teedroos miira keessa seenuun ibsa har’a kennan irratti erga Amajjii eegalee bakka buutonni To’annoofi Ittisa Dhukkubaa Ameerikaa (CDC) irraa dhufan 15 dhaabbaticha deeggaruu himan.
Waan dhalataa tures itti himamaa ture jedhan.
‘’Nuti Dhaabbata Fayyaa Adunyaatti iccitii hin qabnu. Akkuma odeeffannoon nu harka gaheen dabarsina. Sababni isaa dhimma lubbuu waan ta’eefi,’’ jedhan.
Achiis, waliigaltee dhabuun tattaaffii lubbuu baraaruuf taasifamu danquu mala jedhan.
‘’Eessaa akkan dhufe beektu – waraana, gadadoo, dhukkuba beeka. Hangam akka ummanni kana keessa rakkatu beeka.
‘’Ummanni sababa hiyyummaan ajjeefaman beeka,’’ jechuun himan.
‘’Ummanni kana keessa hin dabarre, waraanniifi hiyyummaan maal akka ta’e hin beeknes jiraachuu mala. Kanaafin, miira keessa seene,’’ jedhan.