Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saan Suu Kii: Himanna duguggaa sanyii Mana Murtii Yakka Idil-addunyaatti irratti dhiyaate mormite
Badhaafamtuu Noobeelii Nagaa kan turte Saan Suu Kii himannaa yakka duguuggaa sanyii Manni Murtii Yakkaa Idil-Addunyaa (ICC) Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin irratti dhiyaate fudhatama hin qabu jette.
Gaggeessituun Miyanmaar kun yakka gara jabinaafi duguuggaa sanyii Musiliimota Roohingiyamirratti raawwatteetti jedhamuun ture kan himatamte.
Haasawaa baniinsaa irratti taasisteen gaggeessituun kun himannaan Miyanmaar irratti baname kun "kan guutuu hin taaneefi sirrii kan hin taanedha" jette.
Itti-dabaluudhaan, jaarraa hedduun dura bakka warri Rohingihaam jiraataa turan kutaa bulchiinsa Rakaayiin keessa rakkoon akka turan hubataniiru.
Biyya Miyanmaar kana keessatti hordoftoonni amanaa Budistii kan baayyatan yoo ta'u, bara 2017 tarkaanfii gara jabeenyaa fudhachuudhaan Musiliimota Rohingihaa kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamanii kuma 700 ta'an ammoo gara biyya ollaa kan taate Baangilaadishitti baqataniiru. Miyanmaar yeroo kamiyyuu bulchiinsa Raakayiin keessatti haleellaa hidhattoota qolachuuf tattafaatti ejjannoo jedhu qabachuun 'walitti bu'iinsa loltoota gidduu ture' jedhen.
Sirumayyuu hidhattoonni Rohingihaa humnoota tikaa mootummaa haleeluu isaanitiin walitti bu'insa uumame jedhaniiru.
Saan Suu Kiin, "yeroo sanatti loltoonni Miyanmaar humna wal hin gitne tarii fayyadamaniiru ta'a, loltoonni yakka waraanaa dalaganiiru taanaan himatamuu qabu," jedhan.
Hawaasa Miyanmaar biratti fudhatama akka qaban kan himamuuf Saan Suu Kiin, aangoon qaban muraasa ta'uun himamus, qorattoonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 'ragaa walxaxaa' arganne jedhaniin kan himannaa irratti dhiyaate.
Waggoota afuriif mana addatti daangeffamte hidharra kan turte Saan Suu Kiin kufaatii guddaadha jedhameera.
Saan Suu Kiin bulchiinsa Raakayiin keessaa naamoota baqatan gara qe'eesaanitti deebisuuf kutannoo qabachuusaanii ibsuun, mana murtichaa gocha rakkinicha hammeessu raawwate jedhan.
Dawoo baqannaa Baangilaadish Kutupalong keessaa namoonni qubatanii jiran haasaa ishee kana TVn dhaggeeffatanii, "sobduu, sobduu, kan nama qaanessitudha" jechuun iyyuun mormii isaanii dhiyeessaniiru.
Abdur Rahim nanni umuriin isaa ganna 52 dawoo baqannaa kana keessa jiru, "isheen sobduudha" jedhe.
Mana Murtii Heeg fuulduratti hiriirtonni Rohingiyaam tumsuuf bahan muraasni, "Saan suchii salphadhu" wayita jedhan dhaga'amaniiru.
Gama biraatiin, deeggartoonni Saan Suu Kii 250 ta'an suuraa isaanii qabatanii 'si cinaa dhaabannaa' jechaa turan.
Lammiin Baarmaa Awurooppaa jiraattu namoota saganticha qindeessan keessaa tokko. Saan Suu Kiin amantaan qaba, nan deeggaraa' jetti.
Biyya keenyatti badhaadhina kan fidaniifi rakkoo walxaxaa nama furaniidha jetteetti.
Saan Suu Kiin waggoota muraasan dura sababa falmituu mirga namoomaaf siyaasaa turteef irra deddeebiin hidhamuufi dararamuutu himama.
Badhaasni Noobeelii Nagaa kennameefii ture akka deebiyee irraa fuadhatamuuf gaafatan baayyatanillee Koreen sun garuu badhasicha deebisee irraa fudhachuu akka hin dandeenye beeksisuun isaa ni yaadtama.