Boob Geeldoof kennaa kabajaa Dabliin irraa isaafi Suu Kiif kenname mormii ishee irratti ka'eef deebise

Boob Geeldoof hiriira hoggantuu Myaanmaar Ong Saan Suu Kii balaaleffatu geggeesuun badhaasa isheen magaalaa Dabliinitti fudhattee turte irraa deebisuun bilisummaa magaalatti deeffadha jechuun dubbataniiru.

Obbo Geeldoof wayita dubbatan ''walitti dhufeenyi isheen magaalaa keenyaa waliin qabdu hunduma keenya qaaneessa''.

Adde Suu Kyii Maaynmaar keessatti yakka sanyii duguuggaa Muusliimoota Roohiingyaa irra gahaa jira jedhame ilaalchisee tarkaanfii fudhachuu hindandeenye jechuun qeeqii cimaan irra gahaa tureera.

Jeequmsa yeroo dhihoo as ta'e keessatti Musliimoonni Roohiingaa kuma 500 ol ta'an baqachuun gara biyyatti olaa Baanglaadishiin galaniiru.

Artistii sirbaa fi hundeessaa Live Aid kan ta'an obbo Geeldoof dubbi isaanii keessatti: ''hidhati isheen magaalaa keenyaa waliin qabdu hunduma keenya qaaneessa. Kabajaa guddaa kennineefi turre amma garuu nu rifachiifte, nu qaanessites.''

Badhaasicha Galma Bulchiinsa Magaalaaa Airishitti Wiixata ganama deebisa jechuun Obbo Geeldoof dubbataniiru.

Adde Suu Kyii jeequmsa fi miidhaa humna waraanaan gahaa jiru daftee beekumsa kennuufi hindandeenye jechuun geggeesitoota adduunyaa fi dhabbatoota mirga namaaf falmaniin qeeqamaa turteetti. Dhaabbani Mootummaa Gamtoomaniis (UN), kun ''fakkeenyaa sanyii duguuggaati,' jedheera.

Gartuu muuziqaa Ayerlaand kan tahan U2, geggeessituu siviilii Barmaa kana qeeqeera. Jeequmsa humnoota nagaa eegdootaan taasifamaa jiru kana ilaalchisee ejjennoo cimaa akka isheen fudhattu Sanbata darbe gaafataniiru.

Ibsa marsariitii baandii isaanii irratti baheenis, rakkoo kana dafanii dhabamsiisuu irraa hanqachuun ishee ''akka waan kana wajjiin waliigalte ishee fakkeessa,'' jedhu.

''Kanaafuu waantii nu amma sitti himaa jirru kun waan isheetti himuu mallu ture: goolii fi shororki namoota Roohiingaa irra gahe dhumiinsa jibbisiisaa dhaabbachuu qabuudha.''

Ji'a darbe keessa, Manni Marii Magaalaa Oksifoord, Aadde Suu Kyii badhaasa bara 1997tti kenneef irraa kaaseera.

Qondaali Mana Marii Magaalaa Oksifoord Boob Praayis, kun angaawoota naannootiin ''tarkaanfii hin baramne'' ta'uusaa amananiiru.

Waanti Myaanmaar keessatti ta'aa jiru namoota ''baay'ee dhekkamsiiseera'' kan jedhan hogganaan kun, itti dabaluunis, ajjeechaa biyya sana keessatti gabaafamaa jiru ilaalchisee takkaa dubbatte beekuu dhabuun ishee ''ajaa'iba'', jechuun dubbataniiru.

Kooleejiin St. Huugh bakka aadde Suu Kyii siyaasa itti barattes fakki ishee kaasaniiru.

Jeequumsa kun kan dhohee ji'a Hagayyaa 25 irra wayita ta'u kanaafis sababa kan ta'e haleellaa hidhattoonni Roohiingaan buufata naga eegdoota Myaanmaar kan naannoo Rakhee irraan gahanii booda weerara humna waraanaan Myaanmaariin ta'eeni.

Weera kanaannis namoonni lakkoofsi isaanii hedduu ta'e kan ajjeefaman yeroo ta'u akka jedhamutti aradaalleen hedduun gubataniiru namoonni Roohiingaas naannoo Sanaa gadhisanii akka bahan godhamaniiru.

Humni raayyaa waraana Maayaanmaar kan wal waraana jiran hidhatoota Roohiingyaa waliin malee jiraatoota nagaa waliin akka hintaane dubbatu.