Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Masiriin lammileen YouTube irraa galii argatan gibira kaffalsiisuuf
Masiriin lammileen biyyashee viidiyoowwan qabiyyee gara garaa qaban fuula You Tube irratti qoqqooduun galii argatan gibira kaffalchiisuuf akka jirtu beeksifte.
You Tube yeroo ammaa kana miidiyaa hawaasummaa fuula viidiyoo ittiin qoqqoodan keessaa fayyadamtootaafi daawwattoota hedduu horataa jira.
Namoonni baayyeenis viidiyoo YouTube irratti hojjetaniin galii gaggaarii argachaa jiru. Yeroo kun ta'aa jiru kana keessattidha egaa Masiriin lammileen biyyattii galii YouTube irratti viidiyoo qoqqooduun argatan gibira kaffalchiisuuf murtoorra kan geesseef.
Akka murtee biyyattii kanaatti lammileen Masirii akkuma warra kaanii galii karaa YouTube argatan kana irraa gibira kaffaluutu irraa eegama.
Akka mootummaan Masirii jedhutti gibirri kun xiyyeeffannaa isaa kan godhate lammileen biyyatti waggaatti galii Paawondii Masirii 500,000 ykn dolaara 32,000 ol YouTube iraa rgatan irrattidha.
Kana hojiirraa oolchuudhaaf ammoo abbaan taayitaa gibiraa biyyattii namoonni YouTube irratti viidiyoo gadi dhiisaniifi biloogaroonni akka galmaa'aniifi galii waggaa waggaadhaan argatan akka beeksisaniif waamicha dhiyeesseera.
Haata'u malee, gibirri kun qabiyyee viidiyoo gara garaa YourTube irratti dhiyeessuun lammileen Masirii galii argatan biratti deebii walfakkaatu hin arganne.
Burqaan ouu Firaans AFP akka gabaasetti, fayyaamtoonni miidiyaa hawaasaa tokko tokko tarkaanfii mootummaa kana deeggaraniiru.
Kanaaf ammoo sababa yeroo dhiyeessan, "warri iyeeyyii kuduraa daldalanillee akka gibira kaffalan taasifamaa wayita jirutti, sooressoonni galii ol-aanaa argatan akka kaffalan taasisuun sirriidha," jechuun fuula tiwiitara isaaniirratti ibsaniiru.
Warri kaan garuu gatiin dhiyeessa interneetii biyyattii keessa jiru baayyee qaala'aa ta'uu isaa eeruun, murtee mootummaa mormuun yaada isaanii miidiyaalee hawaasummaarratti ibsataniiru.
"Mootummaan fayyadamtoota YouTube akka gibira kaffalan kan barbaadu yoo ta'e, yoo xiqqaate interneetii foyyaa'aa ta'e dhiyeessuufi rakkoowwan tajaajila interneetii jiran maqsuu qaba," jechuun mormaniiru.
Abbaa taayitaa Masirii keessatti aanga'aa ol-aanaa kan ta'an Obbo Mahaammad Al-Gayaarii akka jedhetti, "biyyattii keessatti dirree kamirrattiyyu bobba'anii galii warri argatan qixa sirriin gibira kaffaluu qabu," jechuun murtee mootummaa isaa ifa godheera.