Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti mormitoonni aangoo federaalaa keessatti hammataman waa'ee muudamasaanii maal jedhu?
Hoogganoonni dhaabbilee siyaasaa mormituu kaabinee haaraa MM Abiy Ahimad hundeessan keessatti hammataman dhaaba mormaniin waliin ta'uun gaafatama itti kenname bahachuun haalli yeroo biyyattii waan gaafatu akka ta'e dubbatan.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa Roobii kaabinee isaanii haaraa 22 paarlaamaaf dhiyeessanii raggaasifatan keessatti, haala amma dura hin baratamneen aanga'oota paartilee mormitootaa sadii sadarkaa ministeeraatti akka tajaajilaniif dhiyeessanii muudamni isaanii ragga'eera.
Dura taa'aan paartii IZEMA Piroof. Birhaanuu Naggaa Ministira Barnootaa, dura taa'aan paartii ABIN Obbo Ballaxa Mollaa Ministira Teknooloojii fi Innooveeshinii, akkasumas hooggansi dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Qajeelaa Mardaasaa ammoo Ministira Aadaa fi Ispoortii ta'uun muudaman.
Siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaafi beekamtii baroota dheeraa kan qaban Piroof. Birhaanuu Naggaa, muudama isaanii ilaalchisee gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, Ministeerri Barnootaa aangoo murteessaa fi gaafatamni kennameefi olaanaa ta'uu ibsuun, gaafatama irraa eegame akka bahatan dubbatan.
''Akka ilaalcha kootti ministeerota jiran keessaa isa ulfaataadha. Keessumaa faayidaa isaa yeroo ilaaltu wanti hundumtuu barnootarratti hundaa'a. Kanaaf akka kootti hojii guddaadha garuu immoo gaafatama koo nan bahadha,'' jedhan.
Hogganaa dhaaba mormituu ta'anii qaama kaabinee dhaaba biyya bulchuu ta'uu yaaddanii beektuu jedhamanii kan gaafataman Prof. Birhaanuun, haalli qabatamaan amma biyya keessa jiru walitti dhiyaatanii waliin hojjechuu yeroo feesisuudha jedhan.
Hooggana dhaaba ABO kan ta'an Obbo Qajeelaa Mardaasas BBC waliin gaaffiifi deebii taasisaniin, murteen dhaabni Badhaadhinaa morkattoota kaabinee keessa galchuuf fudhate ijaarsa biyyaa keessatti gahee gaarii kan bahu akka ta'e dubbatan.
Gaafatama itti kenname kana gahuumsaan akka bahatnis mirkaneessan.
''ABO filannoo kana irratti osoo hirmaateera ta'ee bakka bu'iinsa kanarra bal'aa argamuun ni danda'ama ture,'' kan jedhan Obbo Qajeelaan, rakkoo keessoo dhaaba isaaniifi boordiin filannoo tarkaanfii si'ataa fudhachuu hafuu isaatiin sun ta'uu akka dhabe dubbatan.
''Paartilee morkattootaa hedduu jiran keessaa nuufis hireen hanga ta'e nu kennani,'' kan jedhan Obbo Qajeelaan, ''haala ABO irra jirurraa kaanee gaafa ilaallu jalqaba gaariidha,'' jedhan.
Biyyaa fi uummata waliin qabna kan jedhan Obbo Qajeelaan, ''garaagarummaa imaammataa qabnu akkuma jirutti ta'ee waliin hojjechuun ni danda'ama,'' yaada jedhuun gaaffii dhaaba Badhaadhinaa irraa dhiyaateef tole jechuus himan.
''Akka biyyaatti wanna dursi kennamuuf qabu jennu irratti waliin hojjechuudhaaf wal-hubannee deemaa jirra.''
Imaammata dhaaba Badhaadhinaa keessatti ''hanqinoonni yoo jiraatan walii akeeknas,'' jechuun waliin hojjechuuf kutannoo jiru ibsaniiru.
'Itoophiyaan nagaa ni argatti jedheen amana'
Pro. Birhaanuun MM Abiy amma dura haala biyyattii keessa jiru ilaalchisuun mootummaa ijaaran keessatti morkattoota hirmaachisuuf waadaa galanii turan kabajaniiru jedhu.
Waggoota dhufan muraasa keessatti hojiin guddaan hojjetamuu qabu ''tokkummaa biyyattii cimsuu, rakkoo waraanaa kana tasgabbeessuu, hawaasa gidduu rakkoo wal hubachuu jiru sirreessuufi boodarra ammoo rakkoolee yeroo dheeraa biyyattii kan akka hiyyummaa furuu'' akka ta'e dubbatan hooggansi dhaaba Izeemaa kun.
''Itoophiyaan nagaa ni argatti jedheen amana,'' jechuunis dubbatan.
Jijjiiramni MM Abiy gara aangootti fide gara caalu mormii dargaggoofi hirmaannaa dhaabbilee siyaasaa kan isaan hoogganan keessatti argamun akka ta'e himanii, rakkooleen dhaabni ADWUI bara biyya bulchaa ture dalage sirraa'uuf hirmaannaa dhaaba isaanii dabalatee dhaabbilee biroo akka barbaadu himan.
Baroota dheeraa ADWUI biyya bilchaa ture keessatti, ''sirni barnootaa kufee tures'' jedhan Piro. Birhaanuun.
Waggoota afran dhufan keessatti wanti akka ta'u yaadan rakkoo siyaasaa biyya kanaaf furmaata gochuu akka ta'es dubbataniiru. Gama ministeera hooggananiin ammoo qulqullina barnootaa wayyeessuu akka ta'e himan.
Muuxannoofi hirmaannaan siyaasaa muudamtotaa maal fakkaata?
Ministirrii Muummee Abiy Ahimad kaadhimamtoota isaanii miseensota paarlaamaaf wayita dhiyeessan seenaa gaggabaabaa ministiroota haaraa kanaa ibsaniiru.
Ministira Barnootaa kan ta'an Piro. Birhaanuu Naggaa Boongar bara 1950 Bishooftuutti dhalatan.
Barnoota sadarkaa tokkoffaa Bishooftuu mana Barnootaa Atsee Niblee Dingiliifi Adaamaa Atsee Galaawudiyoos jedhamanitti baratan.
Biyya Ameerikaatti State University of New York irraa gosa barnootaa Economics'n digirii jalqabaan eebbifaman. Digirii lammaffaas gosuma barnootaa Economics kan argatan yeroo ta'u, digirii sadaffaas New School for Social Research irraa Economics argataniiru.
Piro. Birhaanuun bara 1966 barataa sadarkaa lammaffaa yeroo ta'anii turanitti siyaasa keessatti qooda fudhachuu eegalan.
Sababa siyaasaan jalqaba gara Sudaanitti kan baqatanii turan Piro. Birhaanuun, hirmaannaa siyaasaan cinaatti Yunivarsiitilee hedduu keessatti barsiisummaa fi qorannoon tajaajilaa turan.
Bara 1994 Ameerikaa irraa biyyattii kan deebi'an Pro. Birhaanuun, Paartii 'Qinijjit la Andinnatinnaa Dimookraasii' jedhu ijaaranii turan. ALI bara 1997 filannoo biyyaalessaa gaggeeffamee ture irratti dhaabni isaanii sagalee hedduu injifachuu kan danda'ee ture ta'uus muddama san hordofee mormii siyaasaa dhalateen biyyaa baqatanii bahaniiru.
Sana boodas dhaaba siyaasaa haaraa Ginboot 7 jedhamu ijaaraniiru, achiis Arbanyooch Ginboot 7 dhaaba jedhame hoogganaa turan.
Ministirri Muummee Abiy Obbo Qajeelaa Mardaasaa muudamaaf yoo dhiyeessan, nama siyaasaa Wallagga Lixaa aanaa Qilxu Kaarratti dhalataniifi maatii qaban akka ta'an ibsaniiru.
Barnoota seenaatiin digirii jalqabaa akka qabaniifi dhaaba ABO keessatti sadarkaalee hooggansaa adda addaarratti nama hirmaachaa turan ta'uus himan.
Obbo Qajeelaan baroota dheeraa qabsoo ABO keessatti kan dabarsan yeroo ta'u, waggaa sadiin dura waamicha mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee siyaasa biyyaa biyyaa ala jiraniifi qawween qabsaa'aniif godhan hordofee jila ABO Eertiraa irraa biyyatti deebi'an keessaati.
Ministira Teknoolojiifi Innooveeshinii ta'uun kan muudaman Obbo Ballaxa Mollaa Getaahuun kan dhalatan Kaaba Wallootti.
Gosa barnootaa falaasamaan digirii jalqabaa kan qaban, digirii lammaaffaa ammoo falaasamaafi 'Applied Ethics' kan qaban ta'uun ibsameera.
Yunivarsiitii Finfinnee keessatti barsiisaa falaasamaa kan ta'an Obbo Ballaxan, waggoota muraasa dura dhaaba ABIN jedhamu hundeessuu fi hoogganuun ifatti dirree siyaasaa Itoophiyaa keessatti kallattiin hirmaachuu eegalan.