Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Itoophiyaa : Obbo Araarsoo Biqilaa kan mootummaa haaraa Oromiyaa keessatti akkamiin muudaman?
Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Araarsoo Biqilaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti mootummaa haaraa Paartiin Badhaadhinaa ijaare keessatti Hogganaa Biiroo Hojjetaafi Hawwaasummaa tahuun dhiheenya kana paartii mormituu filannoo irratti hin hirmaanne keessaa muudamaniiru.
Akkasumas tibbana bulchiinsi magaalaa Finfinnee yeroo kaabinoota muudeettis paartii mormituu filannoo biyyaalessaa hinmo'anne IZEMA fi ABIN irraa muudun ni yaatama.
Obbo Araarsoo Biqilaa Hayyuu Duree ABO tahuu ibsanii booda boordiin filannoo biyyaalessaa kan kuffise namoota yeroo jalqabaaf bulchiinsa mootummaa Abiy Ahimed jalatti ABO keessaa caasaa mootummaatiif muudama argatan keessaa tokko.
Sababa ABO keessatti wal dhabdeen uumameen 'isaan duraaniyyu Paartii Badhaadhinaa tahaniiru. Kanaaf muudaman' yaadni jedhu namoonni yoo kaasan ni dhagahamu.
Garuu Obbo Araarsoo ''nuyi duris ABOdha, har'as ABOdha. Yoo kan keessaa baatu taate takkuma labsitee keessaa baate ogummaa keetiin hojjetta malee dubbiin akkanaa hin jiru,'' jedhan.
Haala muudamaa kana waan eegne illee miti kan jedhan Obbo Araarsoon, MM yeroo mootummaa ijaarru garuu paartii mormitus daballee ijaarra kan jedhu quba qabna jedhan.
Muudama kana dursuun Addi Bilisummaa Oromoo ijaarsa mootummaa goonu keessatti akka qooda fudhatu barbaanna, sadarkaa naannoottis federaalaattis, akkasitti quba qabaadhaa nu jedhanii ture.''
Obbo Araarsoon akka dhaaba isaaniitti ''waan akkanaa yoo dhufu maal goona jennee mari'annee nama tokko nuuf kennaa jedhan irratti murteessine'' jedhan.
''Kaleessas kan manaa baane uummata keenya tajaajiluuf. Biyya tokko walitti qabna. Uummata tokko qabna. Sirna mootummaa tokko qabna. Garuu imaammata paartii adda addaa qabna. Uummata keenya tajaajilaa akka paartii ofii jabeeffachuu waan nu dhorku hin jiru. Waan akkanaa keessaa hafuurra keessa yoo jiraatan gaariidha jennee itti seenne,'' jedhan.
Waamicha mootummaan dhiyeesseef kanas gammachuun akka simatan himan Obbo Araarsoon.
Gaaffiin dhiyaate nama akkanaa nuuf kennaa kan jedhuun osoo hin taane, nama tokko nuuf kennaa jedhaniiti. Federaalattis nama tokko nuuf kennaa jedhan jennaan akka koree hojii raawwachiiftuutti mari'annee kanarra geenye jedhan.
Nama mootummaa federaalaaf kennanis akka qopheessanii jiran kan himan Obbo Araarsii Biqilaa, eenyu akka tahe ammaaf ibsuu akka hin barbaanne himan.
- Boordichi 'korri sabaa ABOn garee Obbo Araarsoo taasifate fudhatama hin qabu' jedhe
- Caffeen Oromiyaa yaa'ii jalqabaa har'a taa'een Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Oromiyaa gochuun muude
- 'Oduun fonqolchatu hayyu duree irratti gaggeeffame jedhu olola' - Araarsoo Biqilaa
- Korri sabaa ABO 'falmisiisaan' hayyuu duree haaraa filate, heeras fooyyesse
Paartileen mormituu muudamuun caasaa mootummaa keessaa qooda qabaachuun biyyoota kaan keessatti waan barame tahus biyya kanatti garuu hin amaleeffamne jedhan.
ABO'n akka paartiitti imaammata isaa hordofee akka itti fufu kan himan Obbo Araarsoon asuma keessatti uummatatti baatee dubbachuus dandeessa jedhan.
Muudamni isaan argatan kun akka paartii isaaniitti qabsaa'uuf waan itti ulfaatu akka hin jirres himan.
Obbo Araarsoo Biqilaa Itti-aanaa hayyuu duree ABO tahuun Obbo Daawud Ibsaa jalatti hojjecaa kan turan yoo tahu, booda wal dhabdeen dhaabicha keessatti uumamuun duree dhaabichaa tahuu ibsan.
Qondaalonni ABO hedduun mana hidhaa jiru. Obbo Daawud Ibsaa ammoo mana isaaniitti hidhamuun akka gadi hin baaneefi namni kaanis akka hin seenne dhorkamuu qondaalonni dhaabichaa himaniiru.
Obbo Araarsoo Biqilaa fa'a filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa irratti hirmaachuuf socho'aa turaniis garuu hin milkaa'iin hafaniiru.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa wal dhabdee paarticha keessatti mudate ergaa ilaalaa tureen booda Obbo Araarsoo duree dhaabichaa godhee akka hin fudhanneefi Obbo Daawud Ibsaa Hayyuu duree ABO tahuu himee ture.
Haata'u malee ABOn Obboo Daawud fa'iin durfamuu sababbiiwwan adda addaa kaasuun filannoo keessaa bahuu beeksiisuunse ture.
Obbo Araarsoonis qondaalonni ABO hedduun hidhaa akka jiran kaasanii, Obbo Daawud Ibsaas manaa akka hin baane waan jedhamniif wal argaa akka hin jirre himan.
''Gara fuula duratti waliin dubbanne wal dhabdee jiru hiikuun salphaa taha. Namni wal dhabdee dhuunfaa qabus hin jiru. Wal mari'annee furra jennee ilaalla. Warri hidhamanis akka bahan abdanna. Kaleessas waliin kan qabsaa'a turre. Obsaan yoo waliin teenye ni furama abdii jedhun qaba,'' jedhan Obbo Araarsoon.
Obbo Araarsoo Biqilaa qondaalota ABO MM Abiy erga aangoo qabatanii booda Ertiraa irraa gara biyyaatti galan keessaa tokko.