Waraana Tigraay: Waraana kaaba Itoophiyaan manneen barnootaa kumni 7 ol barbadaa'uun himame

Naannoo Tigraay, Amaaraafi Affaaritti waraana mudateen manneen barnootaa 7000, ol guutummaa guututtiifi gariin immoo hamma tokko barbadaa'uusaanii Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa beeksise.

Ministirri Barnootaa Itoophiyaa Geetaahun Makuriyaa (Dr. Injinar) akka jedhanitti, sababa waraanichaan naannoo Tigraayitti barattoonni miiliyoona 1.4 fi barsiisonni kuma 48 ol sirna barnootaan ala ta'uusaanii ibsaniiru.

Erga lolli Tigraayitti eegalee barnoonni adda citee booda bulchiinsi yeroo Tigraay barumsa eegalsiisee turuus deebi'ee adda cituu danda'eera.

Waraana naannoo Tigraayitti eegalee naannolee hollaa Amaaraafi Affaaritti ce'e dhaabbilee barnootaarratti badii guddaa geessisuu ministirichi tiwiitara gubbaatti barreessaniiru.

Itti dabalaniis, baatii tokko keessa qofa Naannoo Affaaritti ''manneen barnootaa 455 baratoonni kuma 88 itti barataa turan'' riphee loltoota Tigraayin akka barbadaa'an dubbachuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Haaluma walfakkaatun naannoo Amaaraa keessa manneen barnootaa 140 fi kollejjonni leenjii barsiisotaa lama guutummaa guutuufi gar-tokko barbadaa'uu isaanii Dr Geetahun himaniiru.

Sababa kanarraan kan ka'e naannolee sadanittuu barattoonni miiliyoona 1.42 ol mana barnootaan ala ta'uf dirqamuu jedhan.

Magaalaa Finfinnee keessatti yaa'ii waggaa damee barnootaa waliigalaa taasifamaa jirun badiin manneen barnootaarra gahe ibsameera.

Af-yaa'iin mana maree bakka bu'oota ummataa Taaggasa Caafoo wanti raawwate ''waggoota darban manneen barnootaa ijaaruun guddina biyyattiin galmeessaa turte kan duubatti harkisudha,'' jechuun dubbataniiru.

Yaa'icha irratti waggaa xumuramaa jiruun koronaavaayirasiin, waraanni Tigraayitti ka'e, waldhibdeen, lolaafi goginsi wantoota ijoo damee barnootaaf qormaata ta'an ta'u ibsameera.

Sababa waraanichaan dhaabbilee barnootaa irratti badiin raawwate ''gaddisiisaadha'' kan jedhan minisitirri barnootaa Dr Geetahun Makuriyaa badii raawwateef garee TPLF himataniiru.

ALI'tti xumura baatii Onkololeessa darbe waraanni Tigraayitti eegaleen manneen barnootaan ala bu'uraaleen misoomaa kanneen akka buufataalee fayyaafi kaan barbadaa'u kana dura gabaafamaa ture.

Qabeenyi mootummaafi dhuunfaas kanneen badiifi saamichaaf saaxilaman turani.

Odeessaaleen biroo kana waliin walqabatan:

Baatii lama dura mootummaan Federaalaa dhukaasa gam-tokkee dhaabuu labsuun Tigraay keessaa bahuus humnoonni TPLF gara naannoo ollaatti ce'uun haleellaa banan.

Sababa lolichaan Naannoo Tigraay keessaa miiliyoonaan kan lakkaa'aman buqqa'aniifi rakkoof hedduuf saaxilaman alatti Amaaraafi Affaaritti ummatni miiliyoona walakkaa olii buqqa'uu dhihoo ibsameera.