Siifan Hasan Ameerikaatti fiigicha Diyaamand Liigii 5,000m mo'atte

Siifan Hasan Jimaata kaleessaa dorgommii Diyaamandii Liigii Ameerikaatti gaggeefame irratti fiigicha meetira 5000 fiigdeen 1ffaa baatus rikardii addunyaa cabsuuf hin dandeenye.

Fiigicha kana atileetiin Itoophiyaa Sanbaree Tafarii sadarkaa lammaffaan yoo xumurtu Fantu Warquu sadaffaa bahuun xumuran.

Siifan injifannoo Olompikii Tookiyoon booda isa jalqabaa fiigdeen irra caalaa marsaa fiigichicha dursitus rikardicha harka galchafachuuf garuu hin carroomne.

Garuu rikardii Latasanbatiin bara 2020 keessa 14:06.62 galmaa'e xiqqoof osoo hin cabsin hafte. Rikardii akka fooyyessuu hin dandeenye kan barte fiigichichi xumuramuuf marsaan sadii yoo hafu yoo tahu yeroo agarsiisaa kan ilaallataa fiigdu achitti bira tare.

''Marsaan xumuraa lamaan yeroo hafan akka rikardicha hin fooyyesine nan beeka ture'' jette Siifan.

''Sirriitti cimsee xumuruufan fiigaa ture. Olompikii irratti yeroo ulfaataa torban lamaan dabarse. Miira miidiyaa waliini turtii gochuu fi dhiphina keessa ture. Haala gaarii irra jira. Garuu dadhabeera, humna haaraa hin qabu.''

Siifan deeggartoota Yuunivarsiitii Oregoon 5,000 deeggarsa kennaaf duratti fiigde. Sanbaree Tafariis morkii taasifteen lammaffaa baate.

Siifan mata duree miidiyaa adunyaa kan taate Tookiyoo irratti yeroo medaliyaa sadii argattedha.

Fiigicha meetira 5,000 fi 10,000 irratt warqee injifatte. Fageenya meetita 1,500 fiigdeen ammoo sadaffaa bahuun xumurte.

Atileetiin ganna 28 Siifan fageenya 1,500 fi 10,000 irratti bara 2019 shaampiyoonshippii adunyaa irratti warqee inifatteetti.

Waxabajji keessa Hengilootti rikardii fageenya meetira 10,000 cabsite. Guyyaa lama keessatti ammoo atileetiin Itoophiyaa Latasanabt Gidey sekondii shaniin fooyyesite.

Tookiyoo irratti Siifanii fi Latasanabt wal arganii Siifan irra aante. Dorgommiin Diyaamandi Liigii kun dirree Haaywaardi irratti gaggeeffamaa jira.