Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Olompikii Tookiyoo: 'Osoon MM Abiy ta'e, aangoo dabarseen kenna' - Atileet Siifan Hasan
- Barreessaa, Barney Cullum
- Gahee, Sports Writer, Tokyo
Olompiika Tookiyoorratti meedaaliyaa warqee lamaafi nahaasa tokkoon injifachuun kan leellifamte dhalattuun Itoophiyaa Siifaan Hasan waraanni Itoopiyaa keessatti gaggeefamaa jiru ''biyyattii mancaasaa jira'' jette.
Sababa waraanaan atileetotni biyyittiirraa baqatanii biyya biraaf akka hin fiignee gochuuf waliigalteen aangoo walii qooduu akka jiraatu dhaamte.
Umrii ganna 14'n baqattuu taatee Itoophiyaatii kan baate Siifan Olompiika Tookiyoo guyyoota dura xumurame irratti biyya lammummaa itti argattee Nezerlaandisiif dorgommii meetira 5,000 fi 10,000 warqee, meetira 1,500 ammoo nahaasa injifatteetti.
Atileetiin ganna 28 Siifan naannoo Oromiyaa kan MM Abiy Ahimad keessaa dhufan akkasumas naannoo humnootni hidhannoon mootummaa Abiy morkataniifi ''bilisummaaf'' itti socho'an keessaa dhufte.
Siifan meetira 10,000 kan injifattee atileetii Itoophiyaa rikoordii addunyaa of harkaa qabduufi naannoon irraa dhalatte Tigraay, waraana keessa kan jiru atileet Lattasanbat Giday waliin morkii jabaa gochuuni.
Atileet Siifan dorgommii kana booda Latasanbatiif dinqisiifannaa akka qabdu ibsiteetti.
Siifan gaaffiifi deebii BBC Sport Africa waliin gooteen Oromiyaa keessatti namootni sababa waraanaan du'aa turuu isaaniitti gadduu ibsiteetti.
''Biyya sanaa bahuukootti gaabbii hin qabu, deebi'ee deemuus hin barbaadu. Nama dhukkuba. Yeroon waayee isaa yaadu natti dhagahama, waan dabaati'' jette.
Siifan hanga bara 2007 Oromiyaa keessatti lolli hammaatutti ijoollummaa ishee gammachuun dabarsuu dubbatti.
Atileetotni waltajjii badhaasaa Olompiika Tookiyoo meetira 10,000 irratti argaman sadanuu dhalattoota Itoophiyaati garuu biyyoota garaagaraa sadii bakka bu'an.
Baahireeniif meedaaliyaa meetii kan injifatte atileet Qaalkidaan Gazzaahany amma dura biyya dhaloota ishee Itoophiyaaf dorgommii mana keessaa meetira 1,500'n injifattee ture.
Ta'ullee waltajjii kana irratti Lattasanbat qofatu Itoophiyaaf fiige.
Biyyi Afrikaa keessaa uummata hedduu qabdu Itoophiyaan, walitti bu'iinsaaf haaraa miti. Siifan walitti bu'iinsi kun biyyattiin atileetota abdii qaban hedduu dhabuu isheef sababa jetti.
Dur dargaggoon jaalala walii qabu kan jettu Siifan, amma jibbi dabalaa jira jetti.
''Dur ani lammii Itoophiyaati ofiin jedhu, amma dhalattoonni Tigraay hedduun lammii Itoophiyaati akka ofiin hin jenne mirkana'' jetti.
Waxabajjii darbe Lattasanbata rikoordii addunyaa meetira 10,000 Siifaniin qabame yeroo cabsitu, deeggartootni bakka dhaloota ishee hedduun miidiyaa hawaasaa World Athletics' irratti rikoordii haaraan lammii Itoophiyaan osoo hin taane dhalattuu Tigraayiin qabame jechuun yaada kennaa turan.
Sababa waraanaan naannoo Tigraay keessatti ummatni miiliyoona afur ta'u deeggarsa namoomaa kan barbaadu yoo ta'u, jalqaba ji'a kanaatti UN Oromiyaa keessattis deeggarsi namoomaa atattamaan barbaachisaa akka ta'e gabaasamuu ibseera.
Siifaan waayee waraana Tigraay yoo haasoftu ''Lattasanbat atileetii nama ajaa'ibsiiftudha. Bakka isheen irraa dhufte shamarraan gudeedamaatti jiru.
Dubartoota hangamii abjuu akka koo qabantu dirqiin gudeedamaa akka jiran amanuun ni rakkisaa jette.''
Qeeqxonni MM Abiy, kan ofiifuu saba guddicha biyyichaa Oromoo ta'e, aangoo naannolee laaffisuun aangoo guddaa mootummaa giddugaleessaatti to'achuufi jechuun shakku.
Siifan waayee MM Abiy yoo dubbattu ''Osoon isa ta'ee, ittan dhiisa'' jette.
''Aangoo gadhiiseen, uummatni waan barbaadu akka filatun itti himaa jette''