Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaan miseensa Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa ta'uuf
Kaabineen mootummaa ce'umsaa Sudaan wiixinee seeraa miseensa Mana Murtii yakkoota Idil-ddunyaa(ICC) ta'uuf isaan dandeessisu sagalee guutuun irratti waliigaluu Ministirri Muummee biyyattii Abdallaa Hamdok tiwiitara isaaniirratti barreessan.
Wixineen seeraa sagalee guutuun raggaasifame kun Mana maree ce'umsaa kan ammaa aangoo biyyattii harkaa qabuu fi kaabinootaan irratti mari'atamee seera ta'ee ba'a.
"Haqaa fi itti gaafatamummaan lafee dugdaa Sudaan ishee haaraati. Sudaan isheen ammaa olaantummaa seeraa kabajuu fi kabachiisuuf kutannoo cimaa kan qabduudha,'' jedhan Aab Hamdok.
Tarkaanfiin Sudaan kun biyyattiin pirezidaantii duraanii Omar al-Bashir dabalatee kanneen yakka waraanaan himatamanii jiran ICC'tti dabarsitee kennuuf xumura irra ga'uu agarsiisa.
Manni Murtii Yakkoota Idiladdunyaa(ICC)'n, Omar al-Bashir fi qondaaltota kaan Lixa Sudaan Daarfuuritti yakka waraanaa fi sanyii balleessu raawwataniiru jechuun shakkee jira.
Manni murtii kun Caamsaa darbe keessa namoota himate keessaa dhimma Alii Kushayb dhaggeeffachuun xumureera.
Namni kun waraana Daarfuur bara 2003 fi 2004 gidduutti raawwate keessatti yakkoota waraanaa fi dararaa dhala namaarraan ga'eera jedhamuun himatame.
Hagayya 2019 irraa eegaltee mootummaan ce'umsaan bulaa kan jirtu Sudaan, miidhamtoonni waraana Daarfuur haqa akka argataniif kutannoon hojjechaa jiraachuu himti.
Ameerikaan baroota hedduuf bulchiinsa al-Bashirirratti qoqqobbii kaahaa kan turte yoo ta'u, Jijjiirama Sudaan keessatti dhufaa jirutti gammadaa waan jirtu fakkaata.
Hooggantuun dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa, USAID, Samantaa Paawor guyyoota lamaan darban Hamdoo dabalatee qaamolee jijjiirama biyyattii keessatti dhufe keessaa hiree qaban dubbisuun jijjiirama biyyaattii keessatti dhufe dinqisiifataniiru.
Takaanfi amma biyyattiin mana Murtii yakkaa Idila addunyaatti makamuuf fudhattes jajaniiru.