Jarman: Maanguddoon ganna 100 Naaziin shakkaman mana murtiitti dhiyaachuuf

Naaziin bara Waraana Addunyaa Lammaffaa namoota 200,000 ol kaampii Sachsenhusen keessatti hidhee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Naaziin bara Waraana Addunyaa Lammaffaa namoota 200,000 ol kaampii Sachsenhusen keessatti hidhee ture

Maanguddoon ganna 100 waardiyyaa duraanii kaampii Naazii Jarman ajjeechaa namoota 3,518 keessaa qoodaa qabaachuun himatamuufi jedhe Abbaan alangaa.

Maanguddoon umriin raagan kuni kaampii Sachsenhawusen, Berliin cinatti argamutti bara 1942 fi 1945 gidduutti hidhamtoota ajjeesuu tumsuun shakkaman.

Manguddoon loltoota rasaasaan namoota ajjeesaa turan gargaaruufi gaazii summaa'aan namoota ajjeesuu gargaaruun yakkoota dabalataan shakkaman.

Abbaan alangaa Wixata darbe akka mirkaneessetti, Onkololessa dhuftu maanguddoon kun dhaddachatti dhiyaachutu irra eegama.

Abbaan alangaa akka jedhetti, namni hordoffiin fayyaa taasifamaafi ture umriin jaaranillee, guyyaatti sa'aatii lamaafi walakkaaf dhaddachatti akka dhiyaatan taasifamuuf jira.

Maanguddoon kun dhaddacha mana murtiitti dhiyaachuuf gahumsa akka qaban mirkaneeffamuu jalqaba gaazexaan Jarman Welt am Sonntag Dilbata darbe gabaasera.

Gaazexaan biyyattii kun ogeessa seeraa Toomas Walzer jedhamu wabeeffachuun akka gabaasetti, namoonni komii dhiyeeffatan akkuma maanguddoo kana umriin kan raaganiifi ''haqa argachuu eeggachaa jiru.''

Miidiyaan Jarman akka himetti, dhaddachi kun himannaa yakka bara Naazii Jarman keessa raawwatame akka isa xumuraatti ilaalama.

Namoonni yakka sukanneessaa sanarraa hafaniifi yakkamtoonnis dulloomaniiru.

Kaampii Sachsenhawusen jedhamutti bara 1936 fi 1945 gidduutti namoonni 200,000 ta'an hidhamanii turan.

Mormitoonni siyaasaa, hidhamtoonni waraanaafi gartuun hawaasa cunqurfamanii namoota kaampicha keessatti Ejensii Tika Naazii Jarman hidhaman keessa turaniidha.

Goda-hambaan Sachsenhawusen akka jedhetti hidhamtoonni kuma kudhanitti lakkaa'aman beela, dhibee, hojii humnaa hojjachuutti fi duguuggaa raawwatame fi sababoota biroon lubbuusaanii dhaban.

Jarman hojjattoota kaampii Naazii duraanii hordofuu kan itti fufte yoo ta'u, bara 2011 eegduu Jon Dejanjuk jedhamu hidhata duguggaa sanyii waliin qabuuf baleessaa itti murteetti.

Taatullee iyyannaan dhiyeeffate otoo murtoo hin argatiin du'e.

Kanaan dura manni murtii namoota kallattiin yakka sukaneessaa keessatti hirmaatan ragaa irratti dhiyeessutu irraa eegama ture.

Lakkoofsi shakkamtoota Naaziitti hidhata qabanii xiqqaachaa kan adeeme ta'ullee abbaan alangaa namoota yakka sana keessatti qooda qaban seeratti dhiyeessu itti fufeera.

Bara 2020tti maanguddoon ganna 93 kaampii namoonni hedduun itti dararaman keessatti hidhamoota 5,000 ajjeesuu gargaaru isaatiif balleessaan itti murameera.

Bitootessa jalqaba bara kanaatti abbaan alangaa shakkamaan ganna 96 dhaddachatti dhiyaachuuf gahumsa akka hin qabne himee ture.