Jarman sirna qubee Naaziin itti fayyadamaa ture foyyeessuufi jette

GSirna qubee Jarma

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Sirni qubeessaawaggootaaf hojiirra ture fooyya'uuf

Otoon sirni abbaa irree Naazii hin dhufiin dura maqaan warra Juwiishotaa sirna qubee ‘D for David’ jechuunis ‘D Deeviid’ ‘N, Naataan’ 'Z Zakkaariyaa' barsiisuuf faayidaarra oola ture.

Haa tahu malee warri Naazii Doorra, Noorz Pool fi Ziippeeliin kan jedhuun bakka buusan. Kanumaan yaadni kun farra warra Juwiish tahuunsaa otoo hin beekamiin barsiifamuu itti fufe.

Ogeessonni kana haaressuuf hojjechaa jiru, bara 2022ttis uummataaf dhiyaata jedhameera.

Nama Maayikil Biluum jedhamuufi ilaalcha farra-Seemii ykn Juwiishotaa irratti qabsaawutu yaadicha burqisiise.

Haaressa qubeewwan kanaas itti gaafatamummaan fudhatee kan hojjetaa jiru immoo Dhaabbata Waalta’ina Jarmanii dha.

Filannoo of-eeggannoo barbaadu

Gochaa Juwiishota irratti raawwate yaadachuuf qubeen inni duraanii, isa ammaa waliin qabsiifamee dhiyaata.

Erga mariin taasifamee booda tartiibni sirna qubee kanaa bara 2022tti hojiirra oola.

Dhaabbati Waalta’inaa Jarman Juuliyaan Piiniing qubeewwan kanaaf maqaa namoota dhuunfaa filachuurra maqaa magaalota Jarman filachuurra salphata jedhan.

Sababiinsaa immoo maqaan sab-daneessummaa biyyattii agarsiisuu dhiisuu danda’a jedhan.

Bara 1934tti maqaan Naazii dhaan haqaman biroo isa ‘J’ Jaakoob jedhaniifi isa immoo ‘S’ Saamu’el jedhamu dha. Juuliyasiifi Siigfireed kan jedhuun ture kan bakka buufama.

Waraana Addunyaa Lammataan booda garuu jechooti Naazii muraasni bakka buufamanii turan. Fakkeenyaaf ’Y’ Yaapireesiif isa fayyadamtu Yaappiloositti geeddaramee ture.

Yaappirees iddoo Jarmanooti yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa gaasii summaawaa itti gadhiisanii dha.

Noordpol(Noorz pool) ammallee mallatto warra Naaziiti. Ilaalchi Adoolf Hitlar olaantummaa warra Kaabaa Aryaan jedhamanirratti kan hundaa’e ture.