Manni Hiitiler Oostiriyaa buufata poolisii tahuuf

Oostiriyaatti gamoon dursaan duraanii Naazii, Adoolfi Hitiler keessatti dhalate buufata poolisiitti jijjiramuuf akka jedhu aanga'oonni mootummaa beeksisan.
MinistIrri Dhimma Biyya keessaa Woolfigaangi Peeshoorni kun '' dogogora hin tahu,'' qabeenyichis sirna Naazii nama hin yaadachiisu jedhe.
Hiitiler gamoo jaarraa 17ffaa keessa magaalaa Biraanoo keessatti ijaarame kana keessa torbanoota muraasa qofa dabarse jedhama.
Waggoota dheeraaf mootummaan daawwannaa turizimii irraa bilisa gochuuf jecha abbaa qabeenyaa manichaa duraanii irraa kireffatee ture.
Jalqaba manichi gidduu gala oolmaa qaama miidhamtootaa tahuun kan tajaajilaa ture yoo tahu, abbaan qabeenyaa manichaa Gerliindee Poomer bakka taa'umsa qaama miidhamtootaaf tolu akka tahu yommuu yaadamu addaan kute.
Mootummaan manicha bituufis tahe haaressuuf yommuu gaafatu abbaan qabeenyicha yaadicha hin fudhanne.
Bara 2014 keessas gidduugala baqattootaa gochuuf yaadamee hin milkoofne. Bara 2016 keessa mootummaan Yuuroo 810,000 manicha bitee of jala galche.
Gamoon kun maaliif ooluu qaba kan jedhu irratti mormii fi falmii guddaan Oostiriyaa keessatti gaggeeffamaa tureera.
Gareen tokko diigamee baduu qaba yoo jedhan kaan ammoo dhaabbilee tola ooltotaaf kennamuu qaba yookaan gidduugala araaraa tahuu qaba jechuun yaada kennaa turan.
Peeshoorni akka jedhanitti manichi buufata poolisii tahuun isaa dhimmi Naazii bakkichatti akka hin yaadatamne taaisa jedhan.
Hiitiler magaalaa Biraanoo am in jedhamtu keessatti yeroo abbaan isaa hojiif achitti ramadamu Eebla 1889 dhalate.
Yeroo umuriin Hiitiler waggaa sadii guutu hojiidhumaaf karaa gaarii taheen achii deeman. Bara 1938 Oostiriyaa gara Naazii Jarmaniitti makuun gara Veenaatti deebi'e.
Bulchiinsa Hiitiler 1933-45 jalatti, Naaziin Jarman waraana Adunyaa 2ffaa eegalte. Yeroo sana Jewuushota miliyoona jahaa irratti duguuggaa sanyii raawwachuun, lammiilee nagaa kaan kan isa mormanis miliyoonota hedduu lafarraa balleesse.













