Tapha Bulgariyaafi Ingilaand: Amala sanyummaa deeggartoonni agarsiisaniin yeroo lama addaan cite

Maarkas Raashifoord

Madda suuraa, Getty Images

Gulaallii Waancaa Awurooppaa 2020'f taphni Ingilaand fi Bulgaariyaan taasisan, amala deeggartoonni agarsiisaniin si'a lama addaan citeera.

Tapha Bulgaariyaatti taasifame irratti deeggartoonni mallattoo warri Naazii harka fuudhan agarsiisuufi sagalee jaldeechaa dhageessisuu ture.

Yeroo duraaf taphichi kan addaan cite daqiiqaa 28ffaa irra wayita tahu, Ingilaand 2 - 0 dursaa turte.

Karaa sagalee guddistuu istaadiyemichaan ergaa dabreen, amalli akkasii akka balaaleeffatamuufi yoo dhaabbachuu baate taphichi adda akka citu hime.

Kunis tahe, taphichi irra deebiin daqiiqaa 43ffaatti dhaabbate. Achiis mariin murteessaa fi leenjisaa Ingilaand Gaareez Saawuzigeet gidduutti godhamee taphichi ammas itti fufe.

Taphichi wayita xumuramu Ingilaand qabxii 6-0n injifateetti.

Maaltu uumame?

Deeggartoonni gama Bulgaariyaan taa'aa turan mallattoo harka fuudduu Naazii agarsiisaa turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoonni gama Bulgaariyaan taa'aa turan mallattoo harka fuudhuu Naazii agarsiisaa turan

Taphataan sarara ittisaa Ingilaand Mings erga kubbaa dabarsee booda, gara duubaa ilaalee ''Kana dhageessee?'' jedhee iyye.

Daqiiqaa muraasa booda taphni ni dhaabbate.

Jifataan garichaa Harii Keen murteessaa gidduun Ivan Bebek waliin haasa'uu jalqaban.

Achi boodas karaa sagalee guddistuu istaadiyemichaan ergaa dabreen, amalli akkasii akka balaaleeffatamuufi yoo dhaabbachuu baate taphichi adda akka citu himame.

Taphichi boodarra eegalamus, yeroo muraasa booda irra deebiin dhaabbateera.

Leenjisaa Saawuzigeet fi taphattoonni Ingilaand biroo anga'oota taphichaa waliin erga haasaa godhaniin booda, taphichi irra deebiin eegalame.

Deeggartoonni Bulgaariyaa gareen tahuun, kanneen uffata koofiyyaa qabu gurraacha uffatanii turan. Kaan ammoo fuula haguuggatanii turan.

Jarri kun taphichi yeroo lamaaf erga addaan citee booda isteediyemicha keessaa bahan.

Akka gabaasa BBC Radio 5 Live'tti gareen kunniin wayita bahaa turanitti mallattoo harka fuudhuu Naazii agarsiisaa turan.

Kaappiteenii Bulgaariyaa Iveeliin Popov boqonnaaf wayita bahaa turanitti deeggartoota waliin haasaa wayita godhus argameera.

Maarkas Raashifoordis kaappiteena kanaan galteeffachuun Twiit godheera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X