Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoo daa'immanii haadholiin kaasan irraa kitaaba fayyaa kan barreessan Dr Abarraa Olaanii
Deebii gaaffilee haadholiin waa'ee daa'ima isaanii irra deeddeebiin gaafatan bifa kitaabaan barreesse, Doktar Abarraa Olaanii.
Hospitaala Kompreheensiivii ispeeshaalaayidi Shaashamanneetti ogeessa Dhibee ijoollee fi Daa'immanii kan tahan Dr. Abarraa Olaanii, tibbana kitaaba 'Bu'uura Fayyaa Daa'immanii' jedhu maxxansiisuun uummataan gahan.
Dhimma kitaaba isaanii kanarratti BBC waliin turtii kan taasisan Dr. Abarraan, kitaaba kana akkan qopheessuuf ka'umsa kan naaf ta'e gaaffii haadholiiti jedhu.
"Kitaaba kana akkan barreessu kan na taasise haadholiin yeroo gara mana yaalaa dhufan gaaffii walfakkaataa gaafatu. Tokkoffaa gaaffii haadholii kana deebisuufi. Lammaffaa ammoo dubartoonni hundi waa'ee daa'immanii erga dahanii qofa beekuu hin qaban. Kanaaf akka dursanii itti qophaa'aniif yaadeeni," jedhan.
Kitaabichi dhimmoota fayyaa daa'immanii keessatti bu'uura tahan hawaasni kan beekuu qabu kan hammate ta'uus himu.
"Ulfi gadaamessa haadhaa keessatti guyyaa uumamerraa jalqabee kunuunsa haati ofiisheef gochuu qabdu, akkamitti hordoffii akka gochuu qabdu, erga dhalatee ammoo amala akkamii agarsiisa, guddina akkamii keessa darba kan jedhu sirritti barsiisa" jedhan.
Gaaffileen haadholiin irra deddeebiin waa'ee daa'imaa gaafatan, dhalatee guyyaa meeqaffaatti qaama dhiquu akka qaban, yoom ifa aduutti baasuu akka qaban, talaallii akkamii fi faayidaa inni qabu haalan kitaabicha keessatti deebii argataniiru jedhan Dr. Abarraan.
Yaaliin daa'immanii kan namoota jajjabaa irra ulfaataa waan ta'eef jecha, wantoota baayyee dursanii ittisuun bu'aa akka qabus dubbatu.
"Daa'imman akka nama guddaa waan ta'an hin ibsatan. Waan barbaadan gaafa dhaban yookan dhukkubsatan miira isaanii hunda boo'uudhaan ibsu. Rakkoo hundaaf mallattoon isaanii boo'icha. Kana dursanii beekanii maal akka barbaadan adda baasanii beekuu barbaachisa," jedhan.
Yaala daa'immanii irratti muuxannoo dabarse keessatti muudannoowwan haadholii fi daa'immannii isa qunnaman illee kitaabicha keessatti hammatamuus dubbata.
Kitaabichi hubannoo dhimma daa'immanii irratti hawaasni qabu kan cimsu waan ta'eef, namoonni kitaabicha dubbisuudhaan dhimmoota daa'immaniin walqabatan hedduu barachuu danda'us jedhan.
"Kitaabichi kan qophaa'e Afaan Oromootiini. Sabni keenya sirriitti akka hubatuuf jechuudha. Kitaabicha ogeessotni fayyaa daa'immanii hedduun akka gulaalan ta'ee waan maxxanfameef akka gaariitti qophaa'e. Namootni dubbisanis dubdeebii gaarii naaf kennani," jedhan Dr. Abarraan.