Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hakiimonniifi Narsoonni hanna daa'immaniin shakkaman to'ataman
Gaanaatti ogeeyyiin fayyaa dhaabbilee fayyaa keessatti daa'imman dhalatan hataniifi daddabarsa daa'immanii seeraan alaan shakkaman to'ataman.
Poolisiin ji'ootaaf qorannoo erga gaggeessaa tureen booda daa'imman lama baraaruun shakkamtoota to'ate.
Aanga'oonni Gaanaa akka himanitti haadholiin daa'imman isaanii jalaa hataman tokko tokko daa'imni isaanii da'umsarratti akka jalaa du'e fa'a itti himamaa ture.
Gariin ammoo guddisuuf humna waan hin qabneef daa'ima isaanii akka gurguran gaafatamaa turan.
Namootni gocha kanaan shakkamanii to'ataman dooktaroota lama, Narsoota afur, haadholii lamaa, hojjettoota gargaarsa hawaasaa lama fi deessistuu aadaa tokko.
Daa'imman lama ammoo qorattoota yakka kana saaxiluuf qorachaa turanitti doolaara 5,000fi 4,800 gurguramanii turan.
Qorannoon kun walta'iinsa Mana Maree Hakiimota Gaanafii hakiimoota ilkaanii akkasumas waajira yakka qindaa'aafi diinagdeen gaggeefame. Odeeffannoon jalqabaa ammoo konkolaachisaa taaksii irraa waggaa darbe argame.
Hayyamni hakiimota lamaan shakkiin qabamaniis hanga manni murtii isaan qoratee ajaja dabarsutti haqameera.