Yaaddoon hanna daa'immanii Walloo Kibbaa eessaa madde?

Naannoo Amaaraa Godina Kibba Walloo aanaa Laga Amboo keessatti torbee darbe 'daa'imman hatuu dhufan' namoonni jedhaman shan daboon reebamanii lubbuun isaanii darbeera.

Jiraattonni godinichaa baatilee muraasa darban daa'imman keenya 'nu jalaa hatamu' jechuun yaaddoo guddaa keessa jiraachuu dubbatu.

Daa'imman to'achuun rakkisaa ta'us, osoo ija irraa hin kaasiin daa'imman keenya eggachaa jirra jedhu jiraattuun maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko.

"Ijoollee keessaan koottaa yeroon fudhadha, yeroo boqonnaa isaaniif hordoffii taasisaafi" akeekkachiisni jedhu mana barumsaarra akka isaan gahe jiraataan magaalaa Dasee biroo BBC'tti himaniiru.

Yaaddoon kun maalirraa madde?

Baati tokko dura Wallo Kibbaa aanaa Hayiq jedhamtu keessatti haati mucaa ishee jalaa dhukkubsatte gara buufata fayyaa geessite, dubartii ogeettii fayyaa fakkaattee itti dhiyaatte tokkoon mucaan jalaa hatamte.

Mucaan kee baay'ee waan dhukubsatteef gara Dasee geessuu qabda jetteen.

Haatis abbaa warraa isheetti bilbiltee gara Dasee deemaan jira na qaqqabi jetteeni, dubartii ogeettii fayyaati ofiin jette kana waliin Daseetti qajeelte.

Magaalaa Dasee erga gahanii booda kiliniika tokko keessatti 'gadi bahi abbaa manaake simadhu' ittiin jettee yo haati gadi baatu daa'ima jalaa fudhattee badde.

Hordoffii poolisiin taasiseen dubartiin daa'ima hatte konkolaachisaa fi namoota biroo lama waliin Naannoo Afaar bakka Awash Arbaa jedhamutti to'annoo jala oolte.

Seenaa asoosama fakkaatu kana kan nuuf himan itti gaafatamaa qajeelcha poolisii magaalaa Dasee Komaandar Darajjee Asaffaadha.

Ka'umsi yaaddoo hanna daa'imanii jiraattota godinichaa oduun kun bal'inaan odeeffamuu ta'uu dubbatu.

Hawaasni yaaddoo kana keessa osoo jiru Waxabajjii 21 A.L.I oduun namoonni daa'imman hatuufi jedhaman qabaman jedhu aanaa Laga Ambootti dhagaahame.

Namoonni 300 ol ta'an gadi yaa'anii namoota daa'imman hatuufi jedhaman shan reebanii ajjeesan. Baay'ina namootaa irraa kan ka'e poolisiin haalicha to'achuu hin dandeenye jedhu qondaalli nageenyaa aanichaa Obbo Kabbada Yimaam.

Ergasii godinicha keessa bakka adda addaatti namoonni daa'imman hatuufi jedhamanii ajjeefamuuf turan baraaramuu dubbatu.

Namootni shanan ajjefaman kunneen magaalaa Finfinnee irraa, Kamisee, Saayintii fi Dasee irraa kan dhufan yoo tahu namni tokko ammo eessaa akka dhufe baruun akka hin danda'amne itti gaafatamaan bulchiinsaa fi nageenyaa aanaa Lagamboo obbo Kabbadaan BBCtti himaniiru.

Namoota jaha tahanii gara sana akka deeman kan himan hogganaan kun tokko eessa akka jiru waan hin beekamneef ammayyuu barbaadamaa jira jedhan.

Namootni kunneen 'fira dubbisuuf'gara naannichaatti akka imalan himuu isaanii fi boodarra garuu yakka hojjechuuf akka bobbaafaman odeeffannoowwan dhufaa jiru jedhan obbo Kabbadaan.

Yakka maalii hojjetu gaaffii jedhu ammo poolisiin qorachaa jiraachuu himan.

Namni isaan bura buufatanis akka malee waan reebamaniif yaalii irratti akka argamaniifi namootni ajjeefaman ammo raga waraqaa eenyummaa isaanii irra jiruun reeffi isaanii gara maatii isaaniitti ergamuun sirni awwaalchaa namoota afurii raawwachuu himaniiru.

Waraqaa nama tokkoo irra ragaan eenyummaa isaa jiru kan sobaa waan taheef maatii argachuun waan hin danda'amneef achuma aanicha keessatti awwaalamuus himaniiru.

Namoonni 5 ajjeechaa kanaan shakkamanis to'annoo jala oolanii jiru.

Maaltu ta'uu qaba?

Daa'ima dubartii ogeettii fayyaa fakkaatteen hatamte kanaan ala yakki daa'ima hatu mul'ate hin jiru.

Armaan dura garuu magaalaa Daseetti ijoolleen ganna 7 fi 8 mana barnootarraa dhabamanii naannoo Yuunivarsiitii Walloo baadiyyaa keessatti naguma deebi'anii argamuu Komaandar Darajjee Asaffaa ni dubbatu.

Gocha kana caalaa hawaasa keessatti oduun dharaa tamsa'uun hawaasni yaaddoorraa ka'uun daboodhaan haleellaa raawwachuutti akka ce'uuf ka'uumsa ta'uu himan.

Poolisiin godinichaa jiraattonni odeeffannoo dharaa 'daa'ima hatuufi' jedhuun nama kamirrattuu tarkaanfiin akka hin fudhatamne hawaasa hubachiisaa akka jiru hima.

Yoo namni shakkan jiraatellee qabanii gara poolisii fiduu malee tarkaanfii irratti fudhachuun gonkumaa sirrii miti jedha.