Olaantummaan Oromoo dagaagaa jiraa?

Minsitirri muummee Abiy Ahimad Sanbata darbe gara Walloo Imalanii Magaala Daseetti uummata waliin dhimmoota garaagaraarratti marii'ataniiru.

Marii hawaasaa kanaarratti dhimmootni misoomaa, rakkoo bulchiinsa gaarii, nageenya fi siyaasarratti xiyyeefatan ka'anii irrattii kan mariiyatamee yommuu ta'u, Ministirri muummee Abiy gaaffi hirmaattota irraa ka'eef deebii kennaniiru.

Heerri biyyattii amma jiru biyya diiga yaada jedhu hirmaatan marii kanaa tokko kaasanii, akkamittiin heerrii kun osoo jiru Itoophiyaa tokko gochuun danda'ama gaaffii jedhu dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummee Abiy gaaffii kanaaf deeebii yoo kennan ''Itoophiyaa kan Itoophiyaa taasisu, kan ishee dhaabu, kan jiraachisee fi fuula duratti kan ishee jiraachisu heera miti''jedhan.

''Itoophiyaa kan diigu nu qofa, yaada hamaa garaa keenya keessa jirutu biyya diiga. Yoo nuti jijjiiramne hunduu harka keenya jira.''

Qaama miidhamtootni guddina biyyaa irraa fayyadamtoota ta'aa hin jirru jechuun gaaffii qaroodhabeettiin tokko gaafataniif manni barnoota qaroodhabeeyyi guddaan Magaala Finfinneetti ijaaramuuf akka ta'e kaasuun hojiileen hojjetamaa jiraachuu MM Abiy ibsaniiru.

Wanti jiru garuu gaha mitii jedhan. Manni barumsaa qaroo dhabeeyyii deeggarsa maatii mootii Dubaayiin kan hojjetamuutti jiru garuu, meeshaleen ammayya guutamaniifii barattoota haga dhibba afur ta'an barsiisa jedhaniiru. kana cinaattis manneen barnoota qaroodhabeeyyii akka Sabbataas ni cimsina jedhan.

Ijaarsa hospitaala Rifaraalaa Dasee yeroo hedduu komiin irratti ka'u ilaalchisee akkuma Hospitaalota rifaraal gurguddoo biyyattii keessa jiran biroo sadarkaa olaanaan akka ijaaramu bajata raggasiisuu isaanii himaniiru.

Olaantummaan Oromoo dagaagaa jiraa?

Gaaffiiwaan waltajjii kanarratti ka'an keessaa olaantummaan seeraa kabajamaa kan hin jirree ta'uu, wayita ABBUT aangoo to'atee ture haalli ture ammas deebi'aa hin jiruu? Olaantummaan Oromoo guddachaa hin jiruu? aangoon eenyu fa'aaf kennamaa jira? gaaffiin jedhu ka'eera.

Ministirri muummee Abiy ''ergan ani aangoo qabadhee as Oromoon dhibbeentaa tokko miti 0.1 waan dabalataa argateera yoo ta'e sa'aa 24 keessatti aangoon isinii gadhiisa'' jechuun deebisan.

''Na amanaa dubbiin kun sobadha, Baroota gidduutti(waggoota 30 keessatti) Amaarrii aangoo Ministirummaas ta'e Deetaa Ministirummaa akka bara kanaa argatee hin beekuu'' jedhan.

Komiiwwan akkasii ka'aa jiraachuusaaniirraa kan ka'e ''koree ijaareen Amaaraaf kanatu mala, Oromoof kanatu mala jedhaatii qajeelfama hojjedha hanga jechuutti gaheeras'' jechuun dubbatan.

''Ani dhufuukootiin dura Itoophiyaa keessattii aangoo ministirummaa qabachuun lakkoofsaan Oromootu caala turee, amma garuu Amaaraatu caala.''

Barcumaa fi wantoota hojjetamaa jiran ija shakkiin ilaaluun dabalaa jira kan jedhan Itti Aanaan Ministira muummee Obbo Dammaqaa Mokonniin, qalbii keenya baldhifnee dubbi haa hubannuu jedhan.

''Uummata tajaajiiluufi dhugaa hojjetanii darbuuf jijiiiramni bara kana eegalame eegamuufi kunuunfamuutu itti jiraas'' jedhan.

MM Abiy uummatni aadaa fi duudhaa isaatti dhimma bahee uummata biyyattii walitti akka fiduufi tokkummaa isaa akka cimsu dhaamaniiru.