Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti humni poolisii addaa haleellaa dubartootaafi daa'immanii to'achuuf hundaa'e akkamiin hojjeta?
Ministeerri Dubartootaa, Dargaggootaafi Daa’immanii Itoophiyaa qajeelfama karoora waggaa kudhaniin dhimmoota hojjechuuf yaade keessaa, poolisii farra-haleellaa saalaa hundeessuufi sirna galmee biyyaalessaa namoota miidhaa qaqqabsiisanii diriirsuun warreen ijoo keessaati.
Kana malees dhaabbatichi fayyadamummaa daa’immanii hunda galeessa taheefi ejensii tajaajila hawaasummaa diriirsuuf yaada akka qabu beeksiseera.
Wiirtuu Hoggantoota Dubartootaa Afrikaa, Gumii Dargaggoota Itoophiyaafi Fandii Misooma Dubartootaa hundeeessuun karoora baasee keessaa kanneen argamani dha.
Wa’ee poolisii addaa farra-haleellaa saalaa fi sirna galmee biyyaalessaa namoota haleellaa geessisanii irratti ministeericharraa ibsa gaafanneerra.
Poolisii addaa farra-haleellaa saalaa
Ministeera Dubartoota, Dargaggootaa fi Daa’immanniitti itti gaafatamaa sab-quunnamtii kan tahan Obbo Adineew Abarraa, gareen poolisii addaa kun qaamolee haqaa, fayyaa fi hawaasaa kan of keessatti hammatedha jedhan.
Gareen poolisii addaa farra-haleellaa saalaa dhimma dubartootaafi ijoollee irratti qofa hojjeta.
''Haleellaan otoo hin mudatiin dura hojii ittisaa hojjeta. Erga haleellaan qaqqabee booda immoo, nama gocha kana raawwate odeeffannoo qindeessuun hanga mana murtii geessuutti hojjeta jedhan Obbo Adinew.
Hubannoo kennuufi duulaan qofa haleellaa ittisuun waan hin danda’amneef, sirna kana diriirsuun barbaachise jedhaniiru.
''Qaamoleen garaagaraa yoo waliin hojjetan malee dhaabbatni tokko qofti injifannoon keessa hin bahu,’’ jedhu.
Yeroo ammaa Abbaa Alangee Waliigalaa fi Koomishinii Poolisii waliin mari’achaa akka jiraniifi waliigalteen erga mallatteefameen booda, bara kana hojiirra ooluu jalqaba jedhaniiru.
Sirna galmee biyyaalessaa namoota haleellaa saalaa qaqqabsiisanii
Sirni galmee biyyaalessaa namoota haleellaa saalaa qaqqabsiisanii, namooti yakka kanaan himatamanii adabaman yeroo turtii mana hidhaa xumuranii bahan tooftaa teekinolojii fayyadamuun akka galmaa’an taasisa.
''Dubartootaafi ijoollee irratti namni haleellaa raawwate seeraan qofa adabamee bahuu qofa osoo hin taane, jireenyasaatti itti gaafatamaa gochuufi yaadda’aa akka jiraatu gochuu dha,'' jechuun dubbatu Obbo Adinew.
Sirni kun yakkamtoonni erga hidhaatii bahaniin booda tajaajilawwan hawaasummaa garagaraa akka hin arganne taasisa.
Sirni kun yakkamtoota adabuuf, namoota miidhaa wal-fakkatu qaqqabsiisuu danda’an hambisuu fi ‘’Itoophiyaan biyya haleellaa dubartootaafi daa’mmanii balfitu tahuu agarsiisuufi,’’ jedhan.
Akkamiin hojjeta?
Haleellaan saalaa baayyeen kan qaqqabu miseensota maatii fi namoota dhihoo tahaniin waan ta'eef, daa’imman kana akkamiin adda baaftu jechuun gaafannee turre.
Isaanis naannoo, naannoottifi mana barumsaatti immoo barsiisotarraa odeeffannoo sassaabuun hojjechuuf yaanne jedhan.
''Amala daa’imman agarsiisan barsiisoti ni beeku. Yaadda’uu, barnoota fudhachuu dhiisuu eeruu ni dandeenya,'' jechuun gareen addaa kun erga hojii jalqabeen booda odeeffannoo guutuu akka baasan himan.
Gara biraan immoo Fayyadamummaa Daa’immanii Hunda-galeessa tahe (Universal Child Benefit) - naannoo heerumni umurii malee, hiyyummaafi haleellaan itti heeddumaatutti haadholii ijoollee waggaa 0-5 jiraniif deeggarsa gochuudha jedhan.
''Haleellaa ittisuuf shoora al-kallattii tahe ni qabaata. Haadholii diinagdee dhaan guddisuufi haala nyaataa daa’immanii dabalatee fayyaa fi guddina sammuu isaanii deeggaruuf oola.’’
Gama biraan wiirtuun dandammannaa dubartootaafi ijoollee haleellaan irra gahee, akkuma duraa jabaatee akka hojjetuuf ni deeggarra jedhan.
Adaamaa fi Finfinnee irraa eeyyama argachuufi warreen kana dura turan utubuun cinatti, wiirtuu sadarkaasaa eeggate ijaarsisuufillee tattaafachaa jiraachuu dubbatu.
Obbo Adinaw, ‘’Haala rakkoo kam keessatti jalqabarratti kan miidhamaniifi fayyadamummaarraa boodatti kan hafan dubartootaafi ijoollee dha. Kana hiikuuf caasaa dhaabbataa malee furmaatni yeroo hin hojjetu,'' jedhan.
''Rakkooleen irra deddeebiin dhufan furmaata waaraa caasaa irratti taasisuun hiikamaa deemu.''
Maal geeddara?
Warraaqsa mirga dubartootaa kabachiisuuf jaarmiyaa dhaabbate Yellow Movement keessatti miseensa kan taate Ruut Yitbaaarak, ''hojiin dhugaa hojjetamee, waan kun maal akka tahe baranii, dubartii haleellaa irra gahe akkamiin gargaarra kan jedhu hubatanii yoo taheef shaggaa dha,'' jetti.
Erga weerarri koroonaavaayirasii mudateen as haleellaan saalaa Finfinnee keessatti ijoollee fi dubartoota 100 ol tahaniirra qaqqabuunsaa ni yaadatama.
Haaluma kanaan duulli ‘Zim Aliliim’ ykn ‘Calluma hin jedhu’ jedhu gaggeeffamaati jira.
Duula kana warreen dura bu’aa jiran keessaa tokko weellistuu Tsadaniyaa Gabira Maarqoos yoo taatu. isheen ''yakki haleellaa saalaa akka yakka biraa keessummeessuun hin danda’amu, xiin-sammuu addaatu barbaachisa,'' jetti.
Poolisiin addaa amma dhaabbate kun haala barbaadamuun yoo deeme keessumaa yakka gama gudeeddiitiin qaqqabu ilaalchisee jijjirama fiduu mala jedheen amana jetti.
Ruut Yitbaark hojii nama haleellaa raawwate galmeessuun sirrii dha jetti, sababiinsaas, ''yakka raawwateef maqaa waamuufi qaanessuun dirqama, yeroo baayyee dubartoota miidhamanitu akka qaana’an taasifama gatii taheef,’’ jetti.
Tsadaniyaanis yaada kana ni qooddatti, ''hanga har’aa nama miidhaan irra gahe malee, nama miidhaa geessise arginee hin beeknu, kunimmoo waan qaanessu jedhamee ijaa yaadamuufi,’’ jetti.
Akkuma isa nama ajjeeseefi yakka biraa raawwatee kan warra kanaas beekamuufi ittiin qaana’uu qabu.
''Hanga har’aatti kan addabaabaayitti baasuu dadhabne yakka kana akka yakkaatti ijaa hin ilaalleefi,’’ jetti Tsadaniyaan.