Qondaalli poolisii US, Koloraadoo shakkamaa dhaabuun itti dhukaasuuf waan doorsiseef to'atame

Qondaalli poolisii US, bulchiinsa Koloraadoo tokko nama to'ateen sin ajjeessa jedhee doorsisuun isaa erga viidiyoodhaan mul'ateen booda to'annaa jala oolfame.

Waraabbiin viidyoo akka mul'isetti, miseensi poolisii Auroraa Joon Haawubart shugguxii itti qabuun ''yoo sochoote, sittiin dhokaasa'' jechaa ture.

To'atamuun qondaala kanaatis, ajjeechaa Joorji Filooyid 2020tti mudachuun Ameerikaa guutuutti mormii cimaa hordofsiiseen booda wayita amala poolisota biyyatii irratti himannaa cimaan ka'aa jiruutti kan mudateedha.

Qondaalli poolisii lammaffaan ammoo wayita Haawubartii shakkamaa doorsisu dhaabsisuu dhiisuusaatiif to'atame.

Waraabbiin viidiyoo gaazexeessitootatti Kibxata darbe agarsiisfame akka mul'isetti, namtichi ''maaloo afuura baafachuu hindanda'u. Na ajjeessaa jirta'' osoo jechaanii jiruu Mr Haawubart ammoo irra deddeebiin ''socho'uu dhaabi'' yoo jedhu dhagahama.

Namtichi daangaa darbuun shakkamee to'atame kunis taatee kana hordofee hospitaala galeera.

Qondaalli poolisii kunis miidhaafi meeshaa waraanaatii doorsisuu dabalatee, himannaawwan irratti dhiyaachuu danda'an hedduun qoratamuu eegaleera.

Qondaalli lammataa, Firaansin Maartinez ammoo wayita Mr Haawubarti humna fayyadamutti dhaabsisuu dhiisee callisee ilaaluusatiin himatame.

Qondaaltoonni lamaanuu dhiyaachuun isaaniis gabaafameera.

Waggoota dheeraaf Qajeelchi poolisii Awuroraa, ajjeechaa nama bara 2019tti osoo to'atamu raawwatame dabalatee, amala poolisootaatiin himannaawwan irratti dhiyaachaa ture.

Haaluma seera ittigaafatamummaa haaraatiin, qondaaltonni poolisii Koloraadoo wayita amana hintaanee arganiitti ykn humna barbaadamuun olitti fayyadaman arganiitti akka jidduu galaniif gaafatamu.

Dureen poolisii Awuroraa Vaanesaa Wiilsan ibsa Kibxata kenname irratti, ''baayyee nama jeeqa,'' jette.

Itti dabaluunis, ''Jilbiinfachiifameera. Baayyees aarre. Kun hojii poolisii miti. Kana hin leenjifnes,'' jette Ms Wiilsan.

Seerri bara darbe seera tumtoota Koloraadootiin bahees, yoo kan meeshaa waraanaatiin rukutamuuf ta'u kan mirkanneessan ta'een alatti poolisoonni shakkamtoota irratti humana akka hinfayyadamne dhorka.

Dabalataanis, seerichi ukkaamsuun qabuu kan dhorke yoo ta'u, qondaaltootas eegumsa seeraa qaban kaaseera. Kunis seeraa akka gaafataman isaa taasisa. Bara 2023tti qondaaltoonni poolisii bulchinsicha keessa hundi kaameeraa uffatarraa akka kaawwatan gaafataman.

Ameerikaa keessatti waggaa waggaatti qondaaltoonni poolisii wayita hojiirra jiraniitti namoota miliyoona 10 keessaa namoota 33.5 ni ajjeessu, akka gareen mormitoota Imaammata Hidhaa jedhaniitti. Kunis biyyoota badhaadhan kamu kan caaluudhas jedhame.