Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummoonni naannolee Amaaraa fi Affaar uummanni finciltoota TPLF akka 'qolatu' gaafatan
Mootummaan naannoo Affaar dargaggoonni hidhatanii finciltoota TPLF akka qolatan gaafate jechuun maddi oduu AFP'n gabaase.
Pirezidaantiin mootummaa naannoo Affaar Awwol Arbaa, ''Uummanni Affaar hundinuu waan danda'een dacheesaa eeggachuu qaba. Rasaasaanis ta'e dullaadhaan akkasumas dhagaadhaanis yoo ta'e diina ofirraa qolachuuq aba,'' jedhan jechuun gabaase AFP'n.
"Meeshaan waraanaa kamiyyuu gadi nu hin qabu. Waraana kana humna qabnu fayyadamuun irra ni aanna.''
Mootummaan naannoo Amaaraas garee finciltoota TPLF qolachuuf hunduu akka duuluu qabu dhaameera.
Gareen TPLF handaara daangaa Tigraay fi Affaaritti siquun haleellaa raawwachuu eegaluunsaanii bal'inaan gabaafamaa jira.
Hoogganaan Ittisa Balaa Tasaa naannoo Affaar sababa walitti bu'iinsaa kanaan namoonni kuma 70 caalan qe'eerraa buqqa'aniiru jechuun torbee darbe BBC'tti himanii turan.
AFP'n ammoo qondaalli namootni nagaa 20 caalan ajjeefamuu qondaala mootummaa tokko irraa dhagahe jechuun gabaasee ture.
Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa oppireeshiniin naannoo Affaar keessatti gaggeessaa jiran, humna addaa naannoo Oromiyaa mootummaaf lolaa jiru irratti kan xiyyeeffatee fi garee kana qofarratti kan daangeffameedha jedhan.
Pirezidaantiin naannoo Affaar garuu dubbiin kun soba jechuun dubbataniiru.
"Namoonni tokko tokko sababa nuti humna addaa Oromiyaaf da'oo taaneef akka Affaar weeraran himu. Kun garuu dhugaarraa kan fagaatedha. Gareen kun humnaan Itoophiyaarraa nu fottoqsuu barbaadu,'' jedhan.
Oduu walfakkaatuun ammoo, pirezidaantiin naannoo Amaaraa ummanni meeshaa isaa qabatee humnootii TPLF akka ''qolatuuf'' waamicha taasisaniiru.
Pirezidaantichi TV naannichaarratti dhiyaachuun waamicha taasisaniin, ''namoonni mootummaanis ta'e dhunfaan meeshaa hidhatan hundi duulichatti haa makamu,'' jechuun ergaa dabarsan.
Pirezidaantiin naannichaa Aganyahu Tashaagar, ''haala diina nurratti hiriireetiin humnaa hedduun kan hiriirsinuufi loojistikii kan barbaachisuudha,'' jedhan.
Akkasumas paartilee siyaasaa filannoo biyyaaleessaa marsaa jahaffaan teessuma argatan keessaa tokko kan ta'e Warraaqsi Biyyaaleessa Amaaraa (ABIN) waamicha naannoo Amaaraatiin dabarfame simadheera jedheera.
Paartichis, ''…ummata keenya diinummaan farrajame baraaruuf waamicha waraanaaf naannichi taasise onnee guutuun kan simannuu fi fiixaan bahiinsa isaatiifis yaalii olaanaa gahee keenyaa kan raawwannu ta'u ibsaa, motummaan naannichaa rakkoolee bulchiinsaa darbee darbee mul'atan hiikuun gahee hoggansa isaa haala barbaadamuun akka bahu ni eegna,'' jechuun ibsan kaleessa baaseen himeera.
Hiriirawwan deeggarsaa
Kaleessaafi isaan dura bakkeewwan garaa garaatti hiriirri deegarsaa gaggeeffameera.
Korporeshiniin Miidiyaa Amaaraa akka gabaaseetti, Aanaa Godor Ziriyaatti, Magaalaa daanshaa, Gondariif Anjibiraatti hiriirriiwwan raayyaa ittisa biyyaa deeggaraniifi kan TPLF balaaleeffatan gaggeeffamaniiru.
Akkasumas Naannoo Affaar magaaloota Samaraa, Logiiyaa, Asaayitaa fi Aba'aalaatti hiriirri deeggarsa raayyaa ittisa biyyaa gaggeeffamu tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaaseera.
Hiriira Samaraa -Loogiyaatti gaggeeffame irratti saboonni Tigree hirmaachusaanii tajaajjilichi gabaaseera.
Guyyootaan duras Magaalaa Finfinneetti ummanni hedduun bahuun hiriira walfakkaataa gaggeessuun isaa ni yaadatama.
Waraanni mootummaafi humnootii TPLF jidduutti baatiiwwan saddeettan darbaniif gaggeeffamaa ture naannoo Tigraay irra darbuun gara naannoolee biraatti babal'ataa jira.
Akka UN jedhuutti, sababii waraana kanaatiin namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ajeeffamanii miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo beelaaf saaxilamaniiru.
Mootummaan federaalaa labsii dhukaasa dhaabuu gam-tokkoo labsuun naannoo Tigraay gadhiisee bahu hordofees finciltoonni TPLF eddoowwan naannichaa baayyee deebiisanii to'achuu danda'aniiru.