Deeggarsi naannoo Tigraay akka hingeenye maaltu dhorke?

    • Barreessaa, Piitar Mooyiin
    • Gahee, 'BBC Reality Check' irraa

Konkolaataawwan deeggarsa namoomaa fe'an sababii wal waraansa loltoota mootummaa fi humnootii Tigraay jidduutti gaggeeffamuutiin gara naannoo Tigraay akka hin galleef danqaa itti ta'eera.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) naannoo Tigraay keessatti namoonni miliyoona shan deeggarsa namoomaa akka barbaadan hime.

Deeggarsi maaliif qaqqabuu dadhabe?

Deeggarsi namoomaa hatattamaan barbaachisuun himamulleen baatiiwwan darban muraasa garuu gara naannichaatti deeggarsa geessuun baayyee rakkisaa ta'e.

Taateen kunis waraana baatiiwwan saddeettan darbaniif raayyaa ittisa biyyaafi humnootii TPLF jidduutti gaggeeffame hordofuun kan mudateedha.

Ammaan tana ammoo walitti bu'iinsichi gara naannoo ollaa, Afaariitti, ce'uun daandii gara Tigraayitti geessuu kan biraarraatti rakkoo uumaa jira.

Walitti bu'iinsa dhiheenya kanaanis namoonni kuma hedduun qee'erraa kan buqqa'an yoo ta'u, deeggarsi nammoomaa caalaa kan hatattamaa taasiseera.

Naannoo Tigraay keessatti, keessattuu bakkeewwan amma tasgabbii qabanitti deeggarsa qaqabsiisuun ni danda'ama.

UN akka tilmaamettis naannichatti amma uummata parsantaa 75 ta'u qaqqabuun ni danda'ama.

Baatii Caamsaa keessatti lakkoofsi kun parsantaa 30 qofa ture.

UN ammoo keessattuu eddoowwan qaqqabuuf rakkisaa ta'an dabalatee ''kuusaan gargaarsa namoomaa dhumaa jira,'' jedha.

Baatii kanantti konkolaataawwan deeggarsa namoomaa fe'an al tokko qofaa gara naannichaa galuu danda'an.

Konkolaattonni 54 kan nyaataafi deeggarsa buu'uraa biraa fe'an Adooleessa 12 naannicha galan.

Kunis nyaata ji'aaf barbaadamu keessaa %1 qofaadha jedhan Saamaantaa Paawor, dhaabbata USAID irraa.

Akka UNtti, fedhii deeggarsaa jiru gutummaatti guutuuf yoo xinnaate konkolaataawwan 60 guyyaan Tigraay qaqqabuu qabu.

Konkolaattota deeggarsaa danquu

Baatii Caamsaa irraa kaasee balaliinsii gara Tigraayitti taasifaman hundi dhorkameera.

Kana jechuunis karaa xiyyaaraatiin deeggarsa geessuun waan hindanda'amneef dhiyeessiiwwan hundi karaa lafootiin raawwatamuu qabaata.

Haata'u malee daandiiwwan lafaa hedduunis cufamaniiru.

Karaa Kibbaatiin humnootiin naannoo Amaaraa dhiyeessiin gara naannichaa akka hindabarreef dhorkaa jiru.

Waxabajjii 29 irratti konkolaatonni 29 kan deeggarsa namoomaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP) qabatan akka deebii'an taasifamuu, UN gabaaseera.

Akkasumas karaa Sudaanis gara Lixa Tigraayitti deeggarsa geessuuf naannichi waan hunmootii mootummaa Itoophiyaatiin to'atamuuf hin danda'amu.

Kanaafuu hanga dhiyeenyaatti, karaan ittiin deeggarsi naannicha qaqqabu danda'u karaa baha Tigraayiin qofa.

Kunis naannoo Affaar keessa darbuun gara naannichaa kan seenudha.

Haata'u malee wal waraansa dhiyeenya gara Afaaritti ce'een wal qabatee daandii kanas rakkoon mudateera.

Torban darbe, erga haleellaan konkolaattota 10 irratti raawwatameen booda WFPn konkolaattonni isaa akka naannoo Afaarii hinsochoone dhorkeera.

Haleellicha kan raawwate eenyu akka ta'e beeekamuu baatulleen, milishoota mootummaa deeggaran akka ta'uu hin oolle kanneen argan ni himu.

Kanaafuu konkolaataawwan 200 deeggarsa namoomaa fe'an magaalaa Affaar, Samaraa keessa dhaabbachuun eegataa jiru. WFP gamasaatiin hanga haalli nageenyaa amansiisaa ta'utti konkolaattonni imala hineegalan jedhe.

Himannaawwan mootummaa

Hogganaan ejansiin gargaarsa yeroo balaa tasaa Itoophiyaa, Mitikkuu Kaasaa konkolaataawwan deeggarsa namoomaa fa'anii gara Tigraay deemuuf turan dhaabbachuuf TPLF komatan.

MM Itoophiyaa Abiy Ahmad deeggarsi namoomaa gara Tigraay akka hingalleef finciltootatu daandii haleeluun karaa Affaariin barbadeessa jechuun himatu.

TPLF himannaa mootummaa kanarratti yaada kan hinkennine yoo ta'u, isa dura garuu ''nageenya hojjattoota deeggarsa namoomaa eegsisuuf deeggarsa barbaachisu hunda nan taasisa'' jedhee ture.

Gama biraatiin ammoo buufataalee sakatta'insaa daandiiwwan gara Tigraay geessan irra jiran sochiin fe'umsi deeggarsa namoomaa gara Tigraay akka turan taasisaa jira jedhee ture UN.

Mootummaan ammoo dhaabbileen deeggarsaa TPLF deeggaru jechuun meeshaalee gara Tigraayitti fe'aman hunda ilaaluun qaba jedhe.

Kunis erga sadarkaa Deetaan ministeera Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaadar Redwaan Huseen dhaabbileen deeggarsa namoomaa muraasni TPLF gargaaruu jedhaniin booda.

Mootummaanis wayita isaan meeshaa waraanaa fi kan biraa finciltootaaf dhiyeessan irra gaheera jedhan.

''Deeggarsa akka haguuggiitti fayyadamuun walitti bu'iinsi akka itti fufuuf garee finciltootaa hidhachiisaa jiru,'' jedhan haasaa kallattiin taasisanii turaniin.

Gareen Hakiimoota Daangaa Maleeyyii (Doctors Without Borders) haasaan sochiiwwan dhaabbilee gargaarsaa ummataaf taasifame nageenya hojjattoota gargaarsaa balaarra buuseera jedhe.

UN akka himeettis erga waraanni naannicha keessatti eegalee kaasee hojjattoonni gargaarsaa 12 ajjeeffamaniiru.

Kominikeeshiniin danqamuu

Gaafa Adooleessa 5 ammoo balaliinsi deeggarsa namoomaa akka seenu nan hayyama jechuun labse, mootummaan.

Haata'u malee, to'annoowan cimaa kaa'e.

Fakkeenyaaf meeshaaleen deeggarsaa gara Tigraayitti geeffaman dursa Finfinnee gahuun sakatta'amuu qabaatu jedhe.

Hanga ammaattis balaliinsi muraasni taasifame hojjattoota deeggarsa namoomaa muraasaaf malee deeggarsa nyaataafii miti.

Oppireeshinii deeggarsa idil-addunyaa mataasaa hir'inni maallaqaa cimaan mudataa jira.

UN ammaa hanga Muddee 2021tti maallaqa dabalataa dollaara miiliyoona 435 akka barbaachisu tilmaameera.

Kutaalee irra jireessa Naannoo Tigraayis ammalleen kominikeeshinii fi ibsaa kan hin qabne waan ta'aniif tajaajilawwan dhiyyeessii irratti dhibbaa taasisaa jira.

''Hir'inni maallaqaa fi boba'aa akkasumas maloonni kominikeeshiin dhorkamuun, tajaajila deeggarsa namoomaa haala barbaadamuun bal'isuu fi deebisanii eegaluuf dhiibbaa olaanaa taasisa,'' jedha dhaabbanni UN.