Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileetota Olimpikii Tookiyoorratti hirmaataniif kaartooniirraa siree tolchuun maaliif barbaachise?
Atileetiin Olimpikii irratti hirmaatu mandara Olimpikii keessatti dorgomtootaaf sireen kaartoniirraa hojjatamu kan kennamu duuka iccitiin dhoksaa jiraachuun dhara ta’uusaa himuun galanni dhiyaateef.
Dhimmi kunuunsa naannoo galma dheeraa qabu ajandaalee ijoo dorgommii Olimpikii Tookiyoo keessaa isa tokkodha.
Anniisaan elektirikii maddeen haaromfamaniirraa maddu, gucni yookaan xomborri Olimpikii hambaa aluminiyeemii gatametti gargaaramuun hojjatame, akkasumas meedaaliyaan meeshaalee namootaaf dhiyeeffaman deebisanii haaromsuun hojjatamaniiru.
Haata’u malee atiletoota muraasa keessatti shakkiin uumame dhimma sireen walqabatudha.
Sireen kaartooniirraa hojjatamuun sababoota ’’saalqunnamtii dhorkuun barbaadameefi’’ yaada jedhu.
Gabaasonni akka akeekanitti, sireewwan kun ulfaatina nama tokkoo hin caallef kan hojjatamaniifi atileetonni akka walitti hin maxxanneefi addaan akka hiiqan taasisuufi jedha.
Warri siree sana hojjattan kg200 waan ulfaatu simachuu himaniiru. Tapha dorgommii Olimpikii bara 2016 irratti atileetoonni ulfaatina hangas qaban hin turre.
Garee Ameerikaa keessaa Pool Chelimoo namni jedhamu miidiyaa hawaasarratti ’’atileetonni akka walitti hin maxxanne dhorkuu barbaadame’’ jedhee hime.
Fiigicha dheeraan namni beekamu kun qoosaaf toora intarneetiirratti waanti inni ibse kun haalaan babal'ate.
Qoosaan isaa kun kanaan hin dhaabbanne, qondaaltoonni siree saalqunnamtiin akka hin raawwanne dhorkuuf qopheessan hamiin jedhu tamsa’eera.
Dhimmichi hammaachuu hordofee garee Ayirlaand keessatti jimnaastiikiin kan beekamu Rhys McClenaghan, dargaggeessi ganna 21 yaadicha morkachuun galateeffatameera.
Rhys McClenaghan siree isaarra utaaluun yaalii gaggeessaa wayita ture viidiyoo waraabame keessatti mul’ateera.
McClenaghan sireewwan kun ‘’sochiin tasaa yeroo wayita mudatu akka cabuutti hojjataman’’ kan jedhu ‘’oduu dharaati’’ jedhe.
Warri dorgommicha qopheessan toora akkaawuntii isaaniitiin Tiwitara gubbaatti ’’waan haasa’amu dhara ta’uusaa ifoomsuu keetiif galatoomi’’ jedhanii jiru.