Tookiyoo 2020: Mandara Olompikii Tookiyootti atileetonni jalqabaa Covid-19n qabaman

Mandara Olompiikii Tookiyoo - bakka atileetonni dorgommii guyyaa shan booda eegalurratti hirmaatan qubatanitti atileetonni lama koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'e.

Sanbata kaleessaa qondaalli ispoortii tokko Covid-19n qabamuun nama jalqabaa ta'ee ture.

Qindeessitoonni akka jedhanitti atileetonni kun lamaan qondaala ispoortii Sanbata qabame waliin garee tokko.

Miseensonni garee kanaa hafan kutaa isaanii keessatti adda baafamanii tursiifamaa jiru.

Atileetonni lamaan atileetota jalqabaa ollaa olompikii keessatti vaayirasichaan qabaman haa ta'aniyyuu malee, Dilbata atileetiin biraa tokkos bakka dhibiitti vaayirasichaan qabameera.

Walumaagaatti olompiikiin walqabatee ogeeyyii miidiyaa, kontiraaktarootaa fi namoota kaan dabalatee Dilbata qofa namoota 10 irratti vaayirasichi argameera. Sanbata namoota 15 irratti argamee ture.

Tookiyootti lakkoofsi namoota guyyuu vaayirasichaan qabamanii olaanaadha. Guyyoota afran darbaniif guyyaatti nama 1000 olitu vaayirasichaan qabamaa ture.

Lammileen Jappaan hedduun dorgomichaaf jecha daawwattoonni hedduun gara biyyattii dhufuu ni mormu.

Olompiikiin Tokiyoo bara darbe gaggeeffamuu kan malu sababa weerara koronaavaayirasii akka baranatti darbu taasifame.

Qondaalli taphoota olompikii Tookiyoo Seekoo Hashimaatoo akki jedhe: "Atileetonni amma dura gara Jappaan hin dhufiin daran yaadda'uu malu. Sana nan hubadha.

"Tatamsa'ina Covid mudachuu malu ittisuuf waan dandeenyu mara godhaa jirra. Yoo tatamsa'inni hamaa nu mudates deebii kennuuf karoora ni qabaanna."

Gareen olompikii Awustiraaliyaa guutuun Sanbata sodaa Covid-19 erga adda of baasanii booda, qorannoon isaanii negatiivii waan ta'eef gara shaakalaatti deebi'aniiru.